Dhaamsa Galateeffannaa HD ABO: “Obsee akka haadha manaattis, akka jaalattis dhabe”

Onkoloolessa 28, 2013 | Oromedia

HD GS ABO Jaal Dawuds Ibsaa namoota isaan jajjabeessaniif xalaya galataa Onkoloolessa15, 2013 barreessan keessatti rifaatuu balaa tasaa mudateen tuqamanis, hirmaannaa fi birmannaa seexessaa golee Oromiyaa fi addunyaa mara irraa isaanif darbeen akka jajjabaatan dhaaman.


Hayyu Dureen Gumii Sabaa ABO dhaamsa galateeffannaa kana keessatti Aadde Obsee Taddese Margoo, hadha warraa isaanii waliin Mudde 2002 irraa jalqabee waliin akka turan ibsanii, “yeroo turti gabaabaa kana keessatti jireenyi keenya jireenya gammachuu kan hadha manaa fi abbaa manaa qofa osoo hin taane jireenya jaala qabsoo ti,” jechuun kan namooti kaan dubbachaa jiraniif ragaa eda’annoo kaahan. 

“Obseen hanga waliin jiraannetti kan miseensotaa fi ummata keenya naannoo Asmaraa jiraataniin beekamtu akka dirmattuu rakkina namaa, kanneen dhukkubsatan biraa kan hin dhabamne, dubartoota Oromoo naannoo sana turan rakkina naannoo sanaa waliin akka irra aananiif walitti qabuu fi rakkina isaanii bira dhaabbatuun qooddatuu, bakka gaddaa fi gammachuutti waliin argamuu dhaan dha,” kan jedhe dhaamsi Ob Daawud Ibsaa kun, addatti ammoo dubartoota rakkina jireenyaa fi maatii qaban  biraa dhabamtee akka hin beeknes mirkanneessee jira.

“Obseen kana kan gooteef akeeka biraaf osoo hin taane amaluma qabduu fi qalbii irraa fi onnee irraa rakkina nama waliin qoodatuu umamaan qabdu irraa akka tahe ragaan kanneen waliin turn tahuttiin amana,” jedha dhaamsi Ob Daawud kun.

“Hariiroo Obseen nama waliin qabdu garaagarummaan siyaasaa hin daangessu,” kan jedhe kun, “nama hunda waliin hariiroon ishee kun diriiraa dha.”

Obseen sirnaan barnoota fudhatuun miseesummaa ABO guttee dirqama ishee bahaa akka turte kan ibse xalayaan kun,  ”erga Norway seentees hanga lubbuun ishee darbu Konyaa ABO Bergen keessatti dirqama miseensummaa ishee bahaa turuun beeka. Kanaaf Obsee akka haadha manaattis akka jaalattis dhabe.”

Mudde 2012 obbolaa ishee kan waggaa 10f adda bahan wal arguuf gara Norway sochootee kan turte Aadde Obseen obbolaa ishee waliin wal arguun dandeessus, bobbaa ishii yeroon xumurattee otuu gara duubbee qabsootti hin deebi’iin “akka tasaa gaafa 09-10-2013 akka hamaatti dhukkubsatte Hospitala seentee gaafa 11-10-2013 dadhabuu ishee dhagahuun hagam akka ulfaataa tahe ibsuunuu rakkisaa dha, kan jedhe xalayaan kun,  ammoo tahe kunoo qalbiin amanuu rakkattuus dhugaa dha,” jedheera.
“Obseen balaa tasaa nu mudate kanaan nu irraa dadhabuu irraa kanneen gadda keessan ibisitan, maatii jajjabeessitan fi ibsataa jiratan hundaaf galata guddaa kabajaa waliinii isiniif haa tahu,” ka jedhan Ob Daawud, waan rifachiisaa fi garaa nama gubu akkasii irraa illee akka Oromoo mara baraaru hawwii isaanii dabarsanii jiru.

Ob Daawud dhaamsa isaanii yeroo xumuran, qaamota hawaasa isaan jajjabeessan tarreessun yeroo galateeffatan,”hogganoota ABO hunda, konyaalee ABO, miseensota mataa mataan gadda keessan E-mailiin naaf ergitan, miseensota, qondaalota ABO fi hogganootaa ABO kan turtanii fi ejjennaa siyaasaan adda bane jirruu keessaa kanneen gadda keessan e-mailiin kallattiinii fi karaa namaas natti dhaamtanii fi dhaamaa jirtan mara, waldaalee amantii addaddaa biyyoota garaa garaa irraa  gadda keessan mata mataan karaa nama, telefoonaan fi e-mailiin naaf ergitan, kanneen karaa dhaamsa ergitan rakkattan maraaf, walumatti, hunda keessaniif galata guddaan ibsadha; hunda keessaniif kabajaa guddaan qabu maqaa koo fi obbolaa Obseen ibsadha,” jedhanjiru.

Sirna awwaalchaa Aadde Obsee Onkoloolessa 25, 2013 Normey, Bergen keessatti raawwate irratti akak ibsametti, Aadde Obsee Taadassaa Margoo abbaa ishee obbo Taddasaa Margoo fi harmee ishee addee Enkuayehush Hundee irraa Sadaasa 29 bara1976-tti  Oromiyaa Lixaa,  magaala Mandii Ganda 01 keessatti dhalaatte.

Dhukkuba tasaa Onkoloolessa 8 bara 2013 qabeen wal’aansa hatattamaa mana wal’aansaa naannoo Bergenitti yaalamaa erga turtee booda, Onkoloolessa 11 bara 2013 addunyaa kana irraa ka boqotte Aadde Obseen, jalaalli Oromoo fi Oromummaa ishii kan daangaa hin qabne, nama uumaan garaa lafinaan guutamte fi nama hunda gargaaruuf fedha qabdu, haadha namummaa ta’uun illee sirna awwaalchaa irratti ibsamee jira.

No comments:

Post a Comment