Eebbi Hawaasa Oromoo Tingvoll fi Møre og Romsdal (Norway) Sirna Ho’aadhaan Kabajaame

Onkoloolessa 20, 2013 | Freedom For Oromo | Ittaanaa Guuttataa Irraa*

Hawaasni Oromoo Tingvoll fi Møre og Romsdal (Norway) yeroo dheeraaf karaa marsaa interneeta kan beeksiisaa turan Sirni kabajaachuu ayyaana isaanii milkaa’ina argattee guyyaa gaafa 12 Onkoloolessa 2013 bakka galama Tingvoll Alder Senter jedhamutti waaree booda sa’aa 4:00 hanga sa’aa 11:00 tti bakka Saabboontoonni Oromoo, Lammiwwaan Norwayii fi sabaaf sab-lammiin addaa addaa kannen Eriteriyaa,Somalee,kongoo fi Keniyaan irraa dhuufan argamaniitti sirna ho’aadhaan kabajaamee oleera.

Oromoon aadaa,afaan fi seenaa nama boonsu qaba,biyya hambaa jiraannuus aadaa keenya guddisuu kan nu dangeessu hin jiru jechuun, gara kuuteenyaan wal gurmeessanii baayyinni isaanii lakkofsaan nama torba kan ta’aa hawaasni Oromoo Tingvoll fi Møre og Romsdal(Norway) abjuun isaanii dhugoomee sirna kabajichaa irraatti kaka’uumsii fi ifajjee isaan taasiisaan namoota heedduu lammiwwan norwayii dabalattee guddaa ajaa’ibsiiseera.

Walgaa’iin kan eegalamee Gootoota Oromoo seenaan kan hin dagannee, lubbuun isaanii saba Oromoof wareegamtee daqiiqaa tokkoof yaadachuun yommuu ta’uu itti aansuun akka aadaa Oromootti manguuddoota nama sadiin eebbissuun sirni kabajiicha baname.

Sirna eebba manguuddootaatti aanssuun geeggeessaa sagantichaa kan ta’aan Obboo Badhaasaa Dalaassaa, Itti gaafataamaan Hawaasa Oromoo Tingvoll fi Møre og Romsdal(Norway) Obboo Aadam Jaallatoo Sirna hundeeffama hawaasa Oromoo ilaalchiisee asawaa akka godhan afeeramanii, Aadaa fi seenaa Oromoon qabuu irratti gadi fageenyaan ibsa bal’aa keennaaniiruu. Aadaa fi seenaan Oromoo haala gaaragaranii dangeeffamaa kan turee fi dhibbaan irraa kan turee ta’uu isaa kan dubbatanii Obboo Aadam Dhibbaa fi daararama ilmaan Oromoo bakka addaa addaatti argamanii irra ga’aa jiruus mirga dhala nama kan eeguu aduunyaa ti beeksiisuun sochii keenya isa guddaa dha jechuun ibsaaniiru. Aadaa Oromoo guddissuuf qophii barbaachiisa ta’ee kan xumuraanii ta’uu isaanii kan dubbaatan Obboo Aadam,lammiwwan Norwayii, Sabboontoota Oromoo bakka gaaragartti argamanii wajjin hojeechuu dhaaf akka jiraan karooraa fi sagantaa gara fuuladuraatti qaban ta’uusaa dabalanii ibsaaniiru.

Ibsa isaaniitti aansuun Asawaa gabaabaa kan godhanii dhiyeenyaan Hawaasa Oromoo Tingvoll fi Møre og Romsdal’s wajjin kan hojjeetanii fi hundeeffamuu hawaasichaa keessaatti yaadaan, yeroo isaanii kennuu dhaan gumaachaa guddaa kan godhaan Aaddee Åshild Husby Bergem fi Itti gaafatamaa Bulchiinsa magalaa Tingvoll kan Ta’aan Obboo Peder Hanem, Asawaa godhaaniin Hundeeffamuu hawasaa Oromoo Tingvoll fi Møre og Romsdal gammachuu itti dhaga’amee mullisanii yeroo kam caalaa iyyuu seenaa fi aadaa Oromoon qabuu akka hubatan dabalanii ibsaaniiru.
Impaa’eera Itiyoophiyaa keessaatti rakkoo Ilmaan Oromoo qabuu hubaachuu isaanii dubbatanii hawaasni Oromoo Tingvoll fi Møre og Romsdal’s Aadaa fi seenaa isaanii guddisuu keessaatti hirmaanna fi tumsa akka godhaanii bulchiinsi magaliicha Obboo Peder ibsa kennan kessaatti hubaachuun danda’ameera.

Mirgii dhala oromoo kabajamaa akka hin jirree fi daararamni guddaan ilmaan Oromoo irraa Impaa’eera Itiyoophiyaa keessatti irra ga’aa akka jiruu Obb. Mesfiin Tadaassaa ibsanii isa kana beeksiisuu fi irratti hojeechuun hawaasicha keessatti qooda isanii ta’uu isaa asawaa godhan irraa hubaachuun danda’ameera.

Itti gaafaatamtuu duubartootaa fi dargaaggootaa kan ta’aan Aaddee Tigist Jimaa Asawaa godhaaniin Impaa’eera itiyoophiyaa keesatti dargaaggoonii fi dubbartoonni Oromoo of ijaaruu fi aadaa guddisuu guddaa akka rakkisaa ta’ee ibsanii biyyaa walaaba taatee Norway keessaatti qoodnii duubartootaa fi Dargaagootaa aadaa guddiisuuf jaabattee itti fufuu qaba, kanarraattis jaabannee hojjeenna jedhaaniiruu.

Falmaattuu Aadam biyya itti dhalattee keessaatti yeroo keessaa godaanuun dirqama itti ta’ee afaan ishee (afan Oromoo) akka gaariitti dubbissuu hin dandeessuu turte kan jedhan maatiin ishee biyyaa hambaa kana keessaatti akka baraattuuf gaargaarsa ishee godhaniin milkooftee Waalaloo « Oromiyaa biyyaa koo» jedhuu dubbifteen namonni heedduun aja’ibsiifataniiruu.

Biyyaa hambaa keessaatti ijollee ofii afaan fi aadaa barsiisuuf hubaachiisuun ulfaata yoo ta’eeyyuu Falmattuun fedhii qabaanan waan ulfaatuu akka hin jirree gaafii dhiyeessineef irraa hubaachuu dandeenyeerra.

Gara dhumaattiis qophii irbaataa,fi bashaanana addaa addaa tiin qophiin guyyichaa kan goolabamee yommuu ta’uu «ijii waan argee soodaata, fedhii fi kaka’umsii jiraannan baayyachuu fi xiqqeenyii hawaasaa Aadaa keenya guddiisuu f kaayyoo keenyaas bakkan ga’uu tasa nu hin dangeessu» jechuun Hawaasnii Oromoo Tingvoll fi Møre og Romsdal(Norway) ergaa isaanii dabarfaataniiru.

Galatoomaa!!

 *itanaguteta@gmail.com
=======================================================================
See The Video of The celebration below from Madda Walaabuu Press

No comments:

Post a Comment