Godina Gujii keessatti diddaan barattootaa dho’e uummata dabalachuun itti fufe!

Onkoloolessa 28, 2013 | Qeerroo Gujii

Gabaasi Qeerroo  Onkoloolessa 27, 2013 akka addeessutti,Barattootni Oromoo Godina Gujii gaaffiiwwan mirgaa finiinsuun diddaa dhageessisuu itti fufan. Barattootni Oromoo kunneen qabeenyi Oromoo Oromoof malee alagaaf tahuu hin qabu, tajaajilawwan hawaasaa guutummaa guutuutti Oromoof guutamuu qaban, hidhaa fi ajjeechaan doorsisni dhaabbachuu qaba jechuun gaaffii mirgaa finiinsuu kan eegalan ejjennoo tokkichaan itti fufanii jiran. Rakkoowwan tajaajilawwan hawaasaa aanaa Bulee Horaa keessatti mudachaa dhufee fi rakkoowwan hedduu Nagallee keessatti uumamaniifis Wayyaaneen itti gaafatama haa fudhatu jechuun mana barnootaa keessatti dhaadannoo gamtaan dhageessisaa jiran.

Mootummaan wayyaanee barattoota Oromoo Galgaloo Waariyoo jedhamuu fi kanneen biroo mana hidhaatti ukkaamses guutummaan akka hiiku gamtaan gaafachuun sagalee isaan ii dhageessisaa jiran. Uummatni Oromoos gaaffiin mirgaa barattootni keenya gaafatan gaaffii sirriidha, saaminsi qabeenya lafa Oromoo investeroota halagaan gaggeefamu nurraa haa dhaabbatu jechuun barattoota isaanii waliin hiriiruun diddaa dhageessisaa jiru.

Gama biraan oduun keessa Wayyaanee jiru, Waraana ittisa biyyaa mootummaa wayyaanee keessatti ilmaan Oromoo hoogganummaan gosummaa irratti hundaa’e haa dhaabbatu jechuun mormii dhageessisan. Mootummaan Wayyaanee keessa isaa bututaa dhufe dura dhaabbachuuf amanamtoota isaa yeroo dheeraa waraana Ittisa biyyaa keessa turaniif muudama kennuun isaa ni yaadatama. Muudamni kun amanamtoota wayyaanee yeroo dheeraa fi lammummaan Tigiree tahan irratti xiyyeeffannoon maaliif kenname jechuun waraanni Ittisa biyyaa Iizii bahaa fi Kaabaa gaaffii mirgaa gaafachaa jira. Waraana keessatti waraanni ijaaramu sabaa fi sablammiin osoo haasa’muu ajajootni maaliif dhaloota Tigiree duwwaa tahu jechuun gaaffii dhiyeessanii jiran. Ajajootni kaabaa fi bahaas gaaffii kanaaf deebii kennuu waan dadhabaniif caasaan ijaarsa ittisa biyyaa kallattii kanneen irraa laamsha’uun sirni bulchinsa waraana ittisa biyyaa rakkoof saaxilamee jira. Adda durummaan ilmaan Oromoo waraana ittisa biyyaa keesaa hojjetan gaaffii kana adda durummaan gaafachaa kan jiran yoommuu tahu sabawwan cunqurfamoo sidaamaa fi Beenishaangulis cinaa dhaabbachaa jiran.

Mootummaan wayyaanees gaaffii mirgaa kanaan dhiphina keessa seenuun wal gahii hatattamaa hooggantoota olaanaan finfinnee keessatti gaggeessaa jiran. Wal gahii isaanii kana irrattis gaaffiileen wal fakkaataan mudachuu irraa milkiin itti hin jiran.

No comments:

Post a Comment