IRREECHI, UMAMA ISAATTI DEEBI’UUN DIRQAMA !!!!!

Ononkoleesa 4, 2013 | Y.G(2005)

Ayyaanni Irreechaa bara 2013 Biyya keessattis ta’ee Biyyoota alaatti ayyaanefatame waan addaati. Waan nama boonsuudhas. Kun diina bara baraaf nu gabroomsuuf yaadu kamiifu, dhaamsa guddadha. Qalbiin Ummata kabajamaa kanaa eessa akka jiru, firaafis diinaafis dhaamsa keessa deebii hin qabne dabarseera. Ani akka dhala Oromoo tokkotti, yoon qalbii koo keessatti waan ummata kiyyaaf yaadu yoo jiraate, Irreechi baranaa, karaan ani Ummata kiyyaaf jedhee irra imalaa jiru, sirrii ta’uu fi dhiisuu kiyya akka dansaatti kan na akeekedha.

Irreechi calaqiftuu Oromummaa ta’uu illee sochii Ummataa baranaa irraa hubachuun nama hin rakkisu. Irreecha baranaa amman ajaa’ibsiifadhe yk itti gammade, waan taajjabees qaba. Warri waggaa 2 fi 3 dura, addatti Biyya alaatti, Ayyaana irreechaaf gumaacha ol aanaa taasisaa turan, Ilaalcha siyaasaa geeddarachuu fi dallansuu adda addaa irraa, waa’ee irreechaa iyyuu dubbachuu kan waakkatan ta’uu isaanii. Irreechi dhaaba siyaasaa, yk nama jibbinu tokko yk ilaalcha siyaasaa Oromoota gidduu jiru kan ilaallatu miti. GUYYAA WAAQA GALATEEFFANNAA OROMOOTI. Kana hubachuu nu feesisa. Ana jalatti raawwatame malee jennee, waan itti dhaadachuuf sochoonu miti.Yoo siyaasa keessa jiraanne kan faarfannu, siyaasa keessaa yoo of moggeessine kan dhiisnuu miti. Qalbiin sadarkaa akkasii irra jiru akkamiin dhimma OROMOOFAN falma jedhee akka yaadu naaf hin galu.

Mee mata duree kiyyatti haa deebi’u.“IRREECHI UMAMA ISAATTI DEEBI’UU QABA.!!” Ayyaana Oromootaa kana humni boodatti deebisu hin jiru jechuuf hojiilee hedduu nu gaafata. Baayyina Ummata keenyaa har’a irreecha irratti argame ilaallee, waan hojjachuu qabnu irraa laafachuun nu hin barbaachisu. Ummati Oromoo kabajaa eenyummaa isaaf qabu waggaa waggaan hirmaannaa irreessaa irratti argisiisuun mirkaneessaa jira. Sochiin kun ammo, qaama tokko qofaa kan itti galateeffannu odoo hin taane, galanni isaa kan dhala Oromoo maraati .garuu, Ummata miliyoona 45 keessaa miliyoona 3 fi 4 qofa hirmaachisuu ykn Oromummaatti deebisuu keenya wayita ilaallu, hojii nu eeggatu tilmaamun dansaadha. dhiibbaan diinaas jiraatu, amma baayyina keenyaa hojjachuu dhabuun keenyallee, wagguma 22 dabranitti hanga hojjachuu qabnu hin hojjanne.

Irreechi ibsitu eenyummaa keenya keessaa isa tokkodha. Aadaalee fi seenaan Irreessa akka utbaa sibiilaa jabeessan hedduutu jira. Irreechii qofaa isaa mirga keenya guutu ta’uu hin danda’u. Irreechuma dhalli Oromoo itti ifaajjaa jiru kana, diinni ukkaamsuuf yaalii adda addaa taasisaa jira. Dargiin Maqaa Bilisummaa Oromoo fi Oromiyaa jettu gaaf tokkollee ol kaasee dubbatee hin beeku. inni akkas haa yaalu malee, karaa ifa ba’uu danda’u ba’eera. Har’a Oromoo, Oromiyaa, Bilisummaa fi Walabummaan sochii dhala Oromoo maraa keessatti hammatamu addunyaatu irraa haasa’aa jira. Kana eenyullee duubatti deebisuu hin danda’u. Bifuma kanaan Irreechi sadarkaa amma jiru irratti dhaabbatee Umamaa fi seera isaa mil’achuu qaba. Lafti Oromiyaa har’a ittin beekamte yk daangoftee jirtu hiri’uudha. Kun dhugaadha. Akkamiin ofitti deebisnaan warra ilaallatutu mala dhahata. Dacheen Oromoo dhuka’aa hegaree ta’anii kiyyeeffamanii jiran hedduu. Kana hegareef jala soquun fardiidha. Hojiin isaa garuu har’uma eegaluu qaba. Abshaalummaan jiraannaan halagaanu karaa hin beekne akka nu raawwatu taasisuun ni danda’ama.

Gama kanaan Irreessi har’a ofitti fudhannee ayyaaneffataa jirru kun, waan isa hankaake hedduu qabaachu warri aadaa beekan ykn seenaa beekan irratti walii galu. Irreechi waggaatti lama ba’ama. Irreessa Birraan bari’uu fi caamsaa keessa rooba kadhachuu fi ganna nagaa nu godhii. Kana keessaa tokko qofaa kabajaa jirra. guyyaan irreechaa har’a itti ayyaanefatamaa jiru, kan Oromoon dur itti ayyaanefatu miti. H/Sillaaseen waggaa haaraa fi Masqala irraa achi butachuuf dhiibbaa taasifnaan maanguddoonni walii galanii kan keewwatanidha. Masqalli dhufee dilbata itti aanu ta’a irratti walii galanii labsii malee akka wal arganiif tolfatan. Oromoon ganna dukkanaa birraatti yennaa ce’u gubaa qaba. Dachee fi qe’ee isaa itti eebbifata. Kun aadaa isaati. Masqalli jarri jedhan kan amantiin wal qabatu haalli isaa aadaa of keessaa hin qabu. Aadaa Israa’eelii fi Habashaa waliitti harkifamu hin jiru. Aadaa masqalaa kan jedhan kan Oromoo “ayyaana gubaa” dhabamsiisuuf wal keessa kan laaqameedha.

AYYAANNI GUBAA OROMOO” Hagayya 15 eegalee Irreeffannaa Fulbaana 1-5n goolabama. Inni kaan bakka irreeffannaati. Har’a hundumtu Hora Harsadee dhaqa. kan naannoo isaatti ayyaaneffachuu eegalees jira. Irreechi tarii bakka jiraannu kan hin jirree nutti fakkaatee ta’aa. seenaa ilaallee bakka biroottis babal’isuu barbaachisa. Dhalli Oromoo waan kan isaa ta’e alaalatti hawwuu hin qabu. Diinni illee bakka tokkotti nu eegu ishee irra, hundumtuu bakka jiraatutti yoo ayyaanefate xiyyeeffannaa diinaa bittinneessuu danda’a. Dacheen Oromoo martii bakka irreeffannaa qaba. Uumama kanatti deebi’uun murteessaadha. inni kaan akkaataa itti irreeffatan, irreeffannaan barii waaqaa fi lafti odoo wal hin dhiisin ykn hin gadhiisiinii jedhama. Xumura irratti Irreessi waaqaa galateeffachuu kan jedhuun Amatiitti haa harkifamu malee, kan uumaa tokkichatti amanuu fi kan amantii dhuunfaa qabu bakka kanatti argamee waaqa “isaa” galateeffachuu kan dhorku hin jiru. Warri Amantii ISLAAMAA hordofanis ta’ee warri kiristaanaa dhufanii lammii isaanii waliin irreeffatanii waaqaa galateeffachuun, isa wayyaaneen fakkeessuuf jedhaa jirtu” Amantiin wal dandeenye jiraannaa” isa jettu sana akka hin taane hubachuu nu feesisa.

Haala kana hundaa sirreeffachuun dansaadha. Dhalooti itti aanu aadaa isa qulqullaa’aa itti dabarsuu ykn hubannoo jiru itti dabarsuun murteessaadha. Har’a IRREESSA YKN IRREECHA, dhaabbata UNSCO tti beeksiisuuni fi beekumti argachuun umama isaatti geeddaruu keessaa tokkodha. Irreecha kana ammo, Ummatoota kaan irraa adda ba’uuf sochii taasifnu odoo hin taane, haqa keenya ta’u barsiisuun gaariidha. Beeksisuun dansaadha. Irreecha isa sirrii sirna isaa fi guyyaa isaa qajeelchanii kaaleendara Biyyattii keessatti beeksisun Irreecha uumaa isaatti deebisutti ilaalama. Kana irratti ogeessitoonni fi beektoonni isaan ilaallatu waraqaa ittiin eebbifaman qofaaf odoo hin taane, hojii irra oolu isaa irratti hoiiachuu qabu. Irreessi irree gonfachuuf, Oromummaan guutamu qaba. Aadaan nuusaa ykn walakkaa hin jiru. Halgaan itti gammadii jedhee akka bishaan boonoo amma barbaade bane nu kennu hin qabu. Umamaa fi seerri isaa kana jechuunii qabna.irreechi jabaachuun dantaa isaanitti akka bu’u hubannee, dhiibbaa taasisan odoo arginu irraa maqnee hojii keenya hojjachuun furmaata.diina qabaannaan hidhamuun hin hafu.cichuutu diina laaffisa. irreecha umama isaatti deebisuun hojii keenya hanga IRREECHA 2014 haa ta’u. IRREECHI GAAFAS IRREETTI JIJJIIRAMA !!!!!!!!!!!!!!!!!!Galatoomaa .

No comments:

Post a Comment