Wallagga Aanaa Anfilloo Keessatti Qonnaan Bultooti Oromoo Mirga Qabeenyaa Falmachuu Irraan Hidhaa Waggaa 5n Itti Murtaawe.

Ononkoleesa 08, 2013 | Qeerroo D.Doolloo

Yeroo muraasaa asitti gabaasota haala uummata godina Qellem aanaa Anfilloo gabaasaa turuun keenya ni yaadatama. Ummanni naannoo aanaa Anifilloo qabeenya bunaa heddumminaan qaban irraa mootummaan Wayyaanee humnaan buqisuun lafa akaakiliin irra jiraataa turanii fi qabeenya isaanii dabalatee maqaa mishoomaan Investeroota itti gurguraa ture. Ummanni naannoos mirga qabeenyummaa falmachuu irraan hidhamaa akka tura, namootni qabeenya isaanii irraa hidhamaa turan kanneen hedduun isaanii sammuudhaan darban akkasuma kan lubbuu isaan of ajjeesellee kan jiru yoo tahu Mootummaan Wayyaaneen ummata qabeenyaa fi lafa isaanii falmatan gaaffii tokkoon malee hidhaatti akka geessaa jiru gabaasi addeessa.

Kana malees mootummaan Wayyaanee Oromooti mirga qabeenyummaa falmatan keessaa garii hidhaa waggaa 5nii itti murteessaa akka jiru beekamee jira. Amma akka odeessaan madheelee keenya mootummaa keessaa bahaa jiruutti mootummaan Wayyaanee jiraattota aanaa Anfilloo irra guddaa buqqaasisuun lafa qaban abbaa qabeenyaatti akka gurguruuf deemu murteessuun isaanii himama.

Haala kanaan uummanni guyyoota muraasaa asitti uummanni hunduu gara itti iyyatu dhabee dargaggoota Oromoo jiran hundatti iyyannaa keenya nuuf dhageessisaa jedhaa akka jiraniidha. Mirga qabeenya keenya falmachuu dhabneerra,yoo falmanne hidhaa fi dararaatu nu irra gahaa jira jechuun ummanni aanaa kanaa gadda guddaa keessa akka jiru gabaasaan Qeerroo aanaa kanaa addeessa.

Onkoloolessa 06, 2013 gaaffii mirga qabeenyummaa gaafachuu irraan namoota hidhaa waggaa 5n 5nii itti murtaa’e nama 12 dhalootaan Anfilloo ganda Ashii fi Dullii ykn bakkuma tokkotti ganda Ashii kan tahan kanaan gaditti kan argamaniidha.

  1. Mulugeta Dagguu
  2. Birhanuu Dheeressaa
  3. Mokonin Dhibbisaa
  4. Abiyoot Hirkisaa
  5. Masarat Fayisaa
  6. Jabeessaa Taaffasaa
  7. Dassalee Ittaanaa
  8. Raggaasaa Taasisaa
  9. Dafeera Shuumaa
  10. Lammeessaa Qana’aa
  11. Bilii Solomon
  12. Imaammuu Bal’inaa
Kanneen jadhaman yeroo ta’u. Namootni kun qabeenyuma dhuunfaa isaanii mootummaan weerare falmachuuf hidhaa waggaa 5n 5niin adabamanii jiru.

No comments:

Post a Comment