Kan Sodaatanis Du’a Kan hin Oolles Du’a

Ononkoleesa 08, 2013 | VOA Afaan Oromoo

WASHINGTON, DC — Irra hedduun isaanii biyyoota gaanfa Afrikaa irraa kan ta’an uummanni hedduun imaltuu hamaa kan gamoojjii sahaaraa keessaa darbuuf yeroo yaalanitti haalli lubbuu isaaniif sodaaachisu kan isaan mudatu ta’uu kanneen ijaan argan ni dubbatu.

Imala hamaa kana keessatti daran kan miidhaman ijoollee fi dubartoota ta’uun ibsameera. Kannen ituu lubbuun jiranii bubbeen cirracha gammojjii sahaaraa irra garagalee du’an fi kan galaanni nyaatee hambise lakkoofsa isaanii sirritti kan beeku hin jiru.

Dhala namaa karaa seeraan alaa deddebisuun daldalli gageeffamu maallaqa guddaan kan irraa argamu garuu gocha sukaneessaa addunyaan ilaalcha itti kennu hin dandeenye ta’eera.

Maallaqa isaanii dhabanii dararamanii qaamaa hir’atanii biyya namaa keessatti rakkataa kan jiran danuu dha.

Shamarran imala hamtuu kana keessa darbuuf carrooman keessaa tokko kan dubbatan armaa gadiitti caqasaa

No comments:

Post a Comment