Gaachanni ummata Oromoo WBO diina haleele

Sadaasa 21, 2013 | Madda Oduu ABO


Sadaasa 19/2013 Godina wallaggaa Bahaatti Gootichi humni addaa WBO haxxee hidhuun diina haleelee waraana diinaa irraa 2 ajjeesee 6 ol madeessuu ajaji Godinaa Wallagga Bahaa beeksise. 

Tarkaanfii humna addaa WBO Godinaa Wallaggaa Bahaa Ona Giddaa bakka Doroo Birraa jedhamutti fudhatame kanaan qondaalota tikaa Wayyaanee 
  1. Zamadaw Abbabaa fi 
  2. Gelaww Danye kan jedhaman oggaa ajjeefaman, 
1. Mogos Gannatii,
2 .Taffasaa Taaxaq,
3. Tammana Tsehay,
4. Zallaqaa Baayyuu fi kan biro maqaan isaanii hin beekamiin madeeffamuu hubachiisa ibsi humna addaa WBO Godinaa wallagga Bahaa irraa baafame.
Ibsi humni addaa WBO dabalees humni diinaa WBOn haleelame kun WBO nyaachiftan, of keessatti dhoksitan jechuun kan ummata naannoo dararaa turee fi abbaa qabeenyaa Oromoo Tafarraa Abeetuu Sorii jedhamu WBO gargaarta jechuun kan ajjeese tahuu irraa kan ummatni aarii irraa qabu ture. Ummatni naannoos tarkaanfii fudhatame kanaan gammachuu itti dhaga'ame ifatti WBOf ibsee diinota irratti tarkaanfiin fakkaataa itti fufiinsaan akka fudhatamuuf kan isaaf danda'ame hunda 

I.U.Of!! 

No comments:

Post a Comment