Hanga Tokko Waa’ee Jaal Obsee Margoo Irraa

Sadaasa 01, 2013 | Yahyaa Jamaal*

Waa’ee du’aan boqochuu Jaal Obsee Margoo yoon yaadadhu ammayyu garaan na laalata. Akkuma tasaa dhibamtee yeroo gabaabduu keessatti addunyaa kanatti nagaa dhaammachuun ishii dafee naaf amanamuu dide. Ammayyuu soba natti fakkaata. Duuti nama hin filattu malee Obseef kun hin malle. Obseen akkuma maqaa fi bifa isii haadha obsaa ti. Obsa barattee obsa barsiisaa jiraatte. Hamilee jabaa hidhattee abbaa warraa isii, jaallanii fi firoottan isii mara hamilchiisaa baate.



Akka tasaatti boqochuun Jaal Obsee du’a jaallan qabsoo fi sabboontota Oromoo bakka adda addaatti kufan irraa adda taheef miti, kanin maqaa isii kaasee faarsu. Yookiis haadha warraa Hayyu duree ABO taateef miti kanin barruu kanaan isii yaadadhu. Obseen intala Oromoo kan dhiiraa dhalaan keenya, xiqqaa guddaan keenya beekkumsa qaalii irraa barachuu dandeenyu takka turte. Hanga ammaatti waa’ee isii barreeffamee ummataaf dhihaate keessaa kanin ni hanqate jedhu, kaniin keessa kootti dinqisiifachaa bahe gad baasee ragaa bahuufiifan waa xiqqoo kana katabuuf dirqame.

Dhuguma dubbachuuf Jaal Obsee Margoo Oromtittii dhugaa, tan maalummaa Oromummaa isa dhugaa barsiisuuf dhalattee jiraatte takka turte. Obseen amantii mataa ofiif hordoftu qabaattu illee, amantiin Oromoon hordofu hundi amantii isii ture. Obseen Kiristiyaana dhugaa turte. Obseen Musliimas. Obseen Waaqeffattuudhas. Gabaabumatti Obsee Margoo obbolummaa amantiilee Oromoon hordofu hundumaatti nama amantu turte. Kun dandeettii fi bilchinna Oromummaa ol’aanaa dha. Baay’een keenya kennaa fi hubannoo bilchaataa akkasii kana waakkatamne. Gariin keenya hangamuu sabboonaa Oromoo haa taanu malee, dhimma amantii irratti garuu womatu nurraa calaqqisa. Jireenya keenya keessatti yeroon amantiin Oromummaa keenya nu dagachiisu al danuu nu mudata. Amantii ofii keenyaaf hordofnu amantii warri kaan hordofu irraa addatti mararfachuu yaaluun bakka hedduutti ni mul’ata. Obsee Margoo goota dhimma akkasii kana irratti hin hamatamne turte. Obseen sabboontittii Oromoo qabsoof jecha biyyaa baate qofa osoo hin taane, haadha manaa hayyu duree dhaaba guddicha kanaa taatee waamamuufis obsa, gahummaa fi hamilee ol’aanaa itti qabaachuu isii jabina kanaan agarsiifte.

Obseen hawwii guddaa tokko qabaachaa turte. Gaaf tokko Oromiyaan bilisoomnaan kutaa Oromiyaa tokko tokkoon daaw’attee biyyoo biyya Oromoo mara irra ejjettee mul’achuuf hawwiti ture. Ilmaan Oromoo kutaa Oromiyaa mara waliin wal gartee guddina saba isii fi bal’ina biyya isiitiin gammaddee hafuura baafachuuf hawwii qabaachaa turte. Firoota isii bahaa dhihaa, kaabaa kibbaa fi giddu galeessaa waliin guyyaa takkaaf illee taatu waliin ooltee bultee haadha fira gobbuu tahuu isii ijaan arguuf dharraati ture. Kun hawwii Oromummaa dhugaa kan sabboontota baayée biratti mulátu tahuun ifaa dha. Haa tahuutii kan Obsee garuu adda fakkaata. Huccuu aadaa kutaa Oromiyaa hundaaf ilaalcha addaa qabdi. Isiidhaaf huccuun aadaa uffattu tokko uffata qofa hin turre. Isiidhaaf huccuu aadaa Oromoo Harargee, Baalee, Arsii, Booranaa, Gujii, Jimmaa, Wallaggaa, Iluu Abbaa Booraa, Shawaa, Walloo fi Waanbaraa jechuun, huccuu qaamatti uffatamu qofa osoo hin taane, bakka bu’aa (wakiila) kutaalee Oromoo kanneenii ti. Huccuu kutaa Oromiyaa tokko yoo uffattu waan firoota isii Oromoota kutaa sanii waliin jirtu itti fakkaatee booharti.

Waggoota lamaan tokko dura gaaf tokko ayyaana Irreechaa irratti wal argine. Uffata aadaa Walloo uffattee miidhagdee mul’atti ture. Eega nagaa wal gaafannee booda “Baay’ee sirraa bareeda.”n ittiin jedhe.

Jecha kootiif na galateeffattee kaatee akkas jette. “Eega kana jettee egaa, dirqama kudhan kan biraa of irra keessee jirtaa, beekkadhu.”

“Dirqama akkam?” nan gaafadheen, deebisee.

“Amma miidhagina huccuu isa kanaaf ragaa baatee jirta. Kan biraa kudhantu si hafe jechuu koo ti.” naan jette.

Wanti isiin jechuu barbaadde dafee naa gale. Osoon kana irratti yaada hin kennin na dursitee akkas jette. “Kutaan Oromiyaa kudha tokkoonuu uffannaa aadaa babbareedaa qabu. Amma bareedina uffata isa kan Walloof ragaa baatee jirta. Kurnan hafaniifis ragaa bahuuf dirqama of irra keessee jirta. Tokko faarsitee tokko dhiisuun eessaa ta’a ree?” naan jette seeqachaa. Itti aansitees, “ Hanga milkoofnee biyya keenya tokko tokkoon daaw’annee itti gammannutti huccuudhuma mallattoo keenyaa kanaan biyya keenya yaadachaa of jajjabeessina kaa.” naan jette. Dhugaa ishee ture.

Jechi Jaal Obsee Margoo kun gaafas dilas adda tahee natti hin mul’anne ture. Har’a garuu gurra koo keessaa baduu dide. Jechi isii sun hangam tokko jecha bara baraan jiraatu tahuun isaa har’a eega isheen du’aan nurraa adda baatee booda naa gale. Obseen naannoo turte keessatti sassaabduu firooma Oromummaa taatee beekamti ture. Dubartoota Oromoo walitti sassaabuun obbolummaa Oromummaa dhugaa barsiifte. Mooyxannoo gaarii qabdu kana babal’iftte. Akkuma maqaa isii obsa, akkuma bifa isii haadha simboo ta’uun hawaasa naannoo isheef fakkeenya taatee jiraatte. Jaala qabsoo qofa osoo hin taane giiftii kabajamtuu, garuu ammoo hundumaa waliin walii galtee fi amala namootaa hubattee waliin jiraachuuf nama kennaa guddaa qabdu turte. Oromoon hafnaan alagoota ollaa ishee illee biratti gaarummaa fi beektuu jireenya hawaasummaa tahuu isheetiin mararfatamti ture. Haadha Warraa Hayyu-Duree ABO akkuma jedhamte hunda naatoo fi ulfina Giifti-Durummaa guddaa nama gonfatte tokko turte Obseen.

Garuu duuti gara jabeettii dha. Obseen akkasitti faarsinuu fi jaalannu, jaalti teenyaa fi obboleettiin teenya qaaliin har’a nu waliin hin jirtu. Akka lamuu hin deebinetti akka tasaa deemteetti. Sirni owwaalcha ishees guyyaa muraasa dura biyya Norway, magaalaa Bergen, Waldaa Kiristyaanaa tokko keessatti raaw’atameera. Ani guyyaa owwaalchaa san bakka sanitti hin argamne. Namoonni dhibbaan lakkaawaman akka sirna owwaalcha ishee irratti argaman garuu quban qaba. Ilmaan Oromoo sirna owwaalcha Jaal Obsee Margoo irratti argaman keessaa gariin kanneen ilaalcha siyaasaatiin addaan babahanii bara dheeraa booda lafa sanatti wal argan faa dha. Suuraa namoota sirna owwaalchaa kana irratti argamanii yoon daaw’adhu, sagalee Jaal Obsee tokko waanin dhagahe natti fakkaate. “Yaa obboleeyyan koo ilmaan biyyaa! Hanga yoomitti gaafa du’aa qofa iyyaafattanii adda tokkotti walgeessuu? Maaloo utuma jiraan jirtanii wal iyyaafadhaa! Ana qofaaf hin booyinaa; walii keessaniifuu boohaa!!!….” kan jedhu.

Jaal Daawud Ibsaaf, maatii fi firoottan, akkasumas jaallan du’a Jaal Obseetiin gadditan maraaf jajjabinan hawwa.

Jaal Obsee Margoo biyyeen sitti haa salphattu!

Waaqayyo jennataan si haa qanansiisu!
==================================
* Yahyaa Jamaal: gulummaa75@gmail.com

No comments:

Post a Comment