Gumii Aadaa fi Afaan Oromoo /GAAO/ University Finfinnee Diiguuf Mootummaan Wayyaanee Shira Xaxaa Jiraachuun Beekame

Mudde 25, 2013 | Qeerroo Finfinnee

Mootummaan Wayyaanee diigumsa waldaalee maqaa Oromoon ijaaraman irratti aadeffate har’as qaanii tokko malee itti fufee jira. Haala kanaan Gumii Aadaa fi Afaan Oromoo /GAAO/ University Finfinnee keessatti hundeeffamee waggoota dheeraaf ture shira Wayyaaneen diiggamuuf tattaaffiin godhamaa jira. Kuniis sodaa gumii kana irraa qabaniin Koree gumii kanaa yeroo yeroon waamuun gumii kana diiguun gumii saboota kaanii waliin walitti maknee gumii biyyooleessaa/national/ tokko dhaabuun barbaachisaadha, kun garaagarummaa babal’isaa jira malee tokkummaa guddisaa waan hin jirreef diigamuu qaba jechuun doorsisaa jiraachuun beekame.

Koreen gumii kanaa yaada mootummaan isiniin jedhu kana fudhattanii miseensotaa fi deeggartoota amansiisuun dhimma kana irratti hojjechuu qabdu jechuun halkanii guyyaa doorsisuun jiru. Doorsisinni ykn shirri kun karaa nama Dr. W/Amanu’eel jedhamu irraan tika Wayyaaneen wal qabatee gaggeeffamaa jira.kun akkanaan haa deemu malee koreen gumii kanaas ta’ee miseensonnii fi deeggartoonni kun yoomuu gonkumaa akka hin ta’iiniifii fi tattaaffii bifa hundaa deemsisuun gumii kana akka dagaagasan hubachiisanii jiru.

No comments:

Post a Comment