Walitti Bu’insii Godina Harargee Bahaa Lubbuu Galaafate

Muddee 19, 2013  | VOA | Jaallannee Gammadaa Irraa

WASHINGTON, DC — Godiina Harargee Bahaa aanaa midhagaa tolaa keessa kan jiran gandeen 6 keessaa hidhattonni bulchiinsa naannoo Somaalee kanneen Liyyuu Poliis jedhaman nama afuur ajjesanii kanneen biroo lama madeessuu isaanii jiraatonni naannoo ibsanii jiru.

Uummanni bulchiinsa naannoo somaalee oromiyaa keessaa kilo meetra 30 seenuun qubachuu isaa fi qonnaa fi qabeenya Oromootaatti ibidda qabsisuun akka baqatan godhu jedhu jiraatonni aanaa midhagaa tolaa.

Sababaa tarkaanfii kanaan kan ka’e uummanni Oromoo abba warraa dhibba shan ta’an manaa fi qe’ee ofii gadhisanii godaanuu isaanii kan ibsan jiraatonni manneenii fi oomishatti ibidda qabsiisan jedhu.


Waajiira bulchiinsaa fi nageenyaa aanaa midhagaa tolaa keessatti abbaan deemsa hojii walitti dhufeenya uummataa jajjabeessu kan ta’an Obbo Abduul Jabbaar Hamiid waa’ee rakkoo kanaa gaafatamanii namoota lamatu wal dhabe malee waan gara bulchiinsa naannoo ga’e miti jedhan.

Jarreeen wal dhaban lameen garuu gandeen bulchiinsa naannoo lameen irraa ta’uu hubachisanii Liyyuu poliis harka keessaa hin qabu jechuun falman.Sababaa rakkoo kanaaf namni mada’an lama wal’ansa argataniiru garuu kanneen du’an ilaalchisee gara fuula duraatti qorannee ibsina jedhan.

Rakkoon nama lama giddutti uumame battaluuma waan tasgabii horateef uummanni qe’ee ofii irraa godaanan kan jedhu soba jedhu Obbo Abdul jabbaar Haamid.

No comments:

Post a Comment