AYYAANI WBO BARA 2014 BIYYA UK MILKIIN XUMURAME

Ayyanni kun gaafa Amajjii 25, 2014 biyya UK, magaalaa London keessatti kabajame ayyana kana irratti kan hirmaata miseensota ABO, deggartootaa fi hawaasa Oromoo biyya UK magala adda adda irraa heddumminaan dhufan ture.

Kabajaan ayyana kanaa kan eegale manguddoo fi ibsa gabaabaa I/G ABO kutaa UK, Obbo barsiisaa Guutamaa kennanii ture. Itti annasee, Obbo Xahaa Abdii, MGS ABO, seenaa guyyaa WBO bal’inaan ibsaniiru. Itti annansee miseensotni WBO kabajamoon- J/ Lalisee Roobaa, J/Obsaa Milkeessaa fi J/ Fayisaa (Mul’is) wal duraa duubaan muuxannoo WBO fi aarsaa qabsoon hidhannoo feessisu dhiheessuu dhan dargaggoo fi shammarran hamileessanii jiru.

J/Abdii Raggaasaa, mataan Damee Waraana Bilisummaa Oromoo, karaa bilbilaa irratti qooda fudhataniiru. Bara 2013 keessaa sagantaalee WBOn baafatee fi tarkaanfiilee fudhataman; injifannoo WBO galmeesse ibsuu dhan waan qabatamaatti WBOn diina waliin falmii godhaa jiru addeessaniiru. Sochiin WBO goddinalee Oromiyaa mara keessaa fi handhuura Oromiyaa, magaalaa Finifinnee, keessatti tarkaanfiileen fudhataman diinaaf raffanna guddaa yeroo tahu, ummata oromoof abdii guddaa akka kenne ibsaniiru. Wagga dhufu keessa WBOn daran jabaatee hanga bilisummaan Oromoo fi walabummaan Oromiyaa dhugoomutti akka itti fufu hubachiisanii, Kanaaf ummatni Oromo deeggarsa isaa daran akka jabeessu hubachiisan.

Itti annee Obbo Siifan Midhaqisaa, ilaalcha dhaaba siyaasaa alaatti, akka gaazexxeessaa tokkootti sochii qeerroo fi WBO biyya keessaatti godhamaa jiruuf maal akka fakkatuu fi hangama akka diina rifachiise ragaa bahaniiru. Sagantaan addatti WBOf qophaawe shamarran Oromoo London kennaa aaddaa (special surprise gift) qopheessuu dhan WBOf kennaniiru; jaalala WBO qabanii fi fedhii deeggarsa bilisummaa Oromoof qaban ibsaniiru. Sagantaa caal baasii fi tinnisaa ta’ee ummatni Oromoo biyyaa UK maalla guddaa WBOf gummachaniru.

Dhuma irratti ibsa ejjennoo armaa gadii bafatuun ayyanni WBO bara 2014 milkii, injifannoo fi hamilee guutuun kabajame.

IBSA EJENNO
Nuti misensonni ABO, deggartoonni fi hawaasi Oromoo biyya UK magaala adda adda irra ayyaana guyya WBO kabajachuuf wal geenye haala keessa dabarree fi itti deemaa jirru gadi fageenyaa fi bal’inan irraatti mari’anne jirra.
Haala yeeo amma ilaalchise
Yeeron amma keessa jirru, gama tokkon yeero mootummaan abba irree TPLFn durfamu sodaa ummata Oromoof qabu irra ummaticha addatti akka diina innikkatti fudhata ajjeesaa, qe’ee isaa irraa arii’aa, seera ala; yaakka tokko malee mana hidhaatti dararama ulfaataa dhala namaaf hin-malle irran geessisaa, baratoota qaroa fi egeree Oromoof bu’aa buusuu danada’u jedhaman ajjeesaa hidhaa, barumsaa irraa ar’aa, kaan ammoo qabsoo irra fageessuuf doorsisaa jiru. Kana malees humnoonni duran angoo irra turan ammas angootti ol-ba’uuf shira ifa fi lafa jalaan nurraatti xaxaa jiraan keessa jirra.

Gama biraan ammo qabsoon ummata Oromoo daran dagaagaa tarkaannifin WBO daran jabaachaa, dammaqinsi fi gurmuun Oromoo dabalaa, qabsoon ummata Oromoo fi ummatoota cunqurfamoo biyyatti daran dhageetti argachaa, keessi mootumma Wayyanee daran tasgabbii dhabga, boora’aa adeemaa jira, Qeerroon Oromoo, murannoo dhan mootummaa amma funyaanitti hidhate dura dhaabachaa fi qabsoo saba isaaniitiif wareegama kamiyyuu baasuuf qophi ta’u mirkaneessaa jiran.

Halleen armaan olitti ka’faman gadi fageenyaan erga irraatti mar’annea booda nuti misensonni ABO, degartootnii fi hawaasi Oromoo biyya UK ibsa ejjennoo armaan gadi baafanne jirra:
  1. Haala rakkisa fi ulfaata ta’e keessatti mootummaa amma funyanii itti hidhate, afaan qawween ummata keenya irratti roorrisaa jiru dhabamsiisuf fi dararaa jarra tokko-ol ummata keenya irra ture hundeen buqqisuuf qabsoo hidhannoo ABOn gageeffamaa jiru keessatti qooda ol’anaa gochaa kan jiru, WBO ni mararffanna, muranno fi injifannoo WBO tiin godhamaa jiru ni dinqisiifanna, waan dandeenyun bira ni dhaabbanna.
  1. Sochi baratooni Oromoo QEERRON haraka du’uwwa mootumma amma funyanitti hidhate dura dabatanii falama mirga ummata Oromoof gocha jiran ni dinqisifanna, itti boonnas. Fincila didda gabrummaa bifa adda addatiin biyya keessaa fi alatti adeemsifamaa jiru ni deggarra, qooda keenyas ni gumaachina.
  2. Moora qabsoo Oromoo jabeessun galma hawwamu shafisiisu keessatti haala gurmuu fi wal-hubannoo dhaabota siyaasaa Oromoo fi hawasa Oromoo murtessaa ta’uu beekne nutis kara kenya waan nurraa eegamu ni gumaachina.
  1. Qabsoo ummata tokko keessati qoodni shamarranni fi dargaggoo bakka guddaa qabaachuu beekne haala shamarran fi dargaggoota Oromoo jabeessinuu fi ijaarru irratti ni hojjenna.
  1. Sadarkaan qabsoon Oromoo irra ga’e hirriba kan isaan dho’wwe diinnonni qabasoo Oromoo ammayyuu qabsa’ota Oromoo addan babasuuf carraqii gochaa akka jiran ni hubanna; duras ni dhaabbanna. Ummatni Oromoos bakka jiru akka sochi diinotaa kana dura dhabatu fi sochi isaanis damaqinsan hordofu fi fashalsiisu dhaamsa keenya dabarfanna.
  1. Mootumma TPLF bu’ureffama isa irra ka’e mootumman kun kara naga a’ango ni lakkisa jedhanii yaaduun kan hin-danda’amne ta’u isa ni hubanna. Kanaafis dhaabota kara nagaa ni qabsofna jedhaniif haalli ammaan dura isaan mudate ragaa quubsaa dha. Biyya ol-antumman seeraa kessaatti hin-kabajamne, manni murtii bilisa hin taane; biyya komishinni filannoo walaba ta’e fi meeshaan sab-quunnamti mootumma abba-irrettin dhunfatame jiru keessaatti filannoo walabaa gaggeessun tasa akka hin danda’amne irra deddbi’e waan mul’ataa tureef filannoo sobaa maqa ummatootatiin ammas mootummaan abban irree aangoo irra ittiin turuus bara dhuftu ni deemsifama jedhamu kana irras Oromoon bu’an inni argatu tokkoyyu akka hin-jirre beeke filmaata dharaa kana haala ittin dura dhaabbattu irraati ammumaan akka yaadnu waamicha keenya dabarfanna.
  1. Qabsoo haqaa ummatni keenya adeemsisaa jiru, akka firoota horatu gochuu keessatti hubannoo hawaasaa fi mootummaan biyya UK caalatti ol-kaasuaf ni hojjenna, deggarsa barbaachisu ummata keenyaaf akka godhan qabsoo haqa ummata keenya cinaa akka hiriirani gochuu irratti ni hojjenna.
  1. Duula farren ummata Oromoo fi cunqurfamoo biyyatti, amma ille Minilikiin farasaa jiraniin madaa ummata keenya utuu hin-qoorin ammas deeb’ani nutti bubu’a jiran ni balaleffanna.
  1. Maqaa investmenti jedhamuun dacheen Oromoo samaamun, Oromoon dachee isa irra buqifamuun, bosonnii fi garreen ibiddaan barbadeeffamuun; lageen keenya summaa’un hattattamaan akka dhaabbatu ni gaafanna. Ogeeyyiin Oromos bakka jiran hundatti dhimma kana irraatti daran akka hojettan dhaamsa lammumma dabarfanna.
  1. Dhaabni kallacha qabsoo Oromoo, Addi Bilisumma Oromo, halla amma keessa jirru; haala fuula keenya dura as adeema jiruu fi haala amma dura nu mudatani irraa muuxxannoo argame irraatti hunda’udhan xiinxala jabaa akka godhu jabeesinee gaafacha nutis akka miseensota dhaabaa, yookan hawasaa akkasumas akka nam-tokkootti bakka jirru hundatti murannoon hojechuun waan dandeenyu hunda gumachuuf BO kara dandeenyu hundan deggarsa lammumma nurra eegamu baasuuf waada keenya ni haromfanna.

Injifannoo Ummata Oromoof!
Gadaan gadaa bilsummaa ti!

Miseensota ABO, Degertoota fi hawasa Oromo biyya UK

Amajjii 25, 2014 



No comments:

Post a Comment