Dhaamsa Bara Haraa 2014 Qeerroo Bilisummaa Irraa

Ummanni Oromoo fi Qabsaawoti Oromiyaa Bakkoota Adda Addaa Jirtan Baga Nagaan Waggaa Haraa 2014n Isin Gahe.
Baroota Jaarraa tokkoo ol lakkoofsisan dhufaa darbaa keessatti waanjoon gabrummaa akkaanii uumata keenya irratti fe’amuu irraan dararaan biyya fi uumata keenya irra gahe gita hin qabu. Kanuma cinaattis ummanni keenya diddaa gabrummaaf jecha wareega inni hin baasiin tasa hin jiru. Qabsaawotii fi jaallootiin biyyaa hanga har’aa wareega luubbuu fi qabeenya akkasumas jireenyaa itti kitimanii diddaa waanjoo gabrummaa gaggeessaa kunoo 2014n nu gahanii jiru.
Firii ijaarsaa fi wareega qabsaawota keenyaa bilisummaa fi walabuummaa keenyaan bakkaan gahuuf jecha uummanni Oromoo walii gallii fi keessattuu Qeerroon Bilisummaa biyya alaa fi Oromiyaa keessa jirtan ciccoomina qabsoon FDG gaggeessuun bara 2014 kan milkie fi injifatnoo akka taasifnu dhaamsa keenya dabarsina.

Barri 2013 gochaa farrummaa mootummaan Wayyaanee uumata keenya irratti gaggeesu irratti dabalee duulli akkaanii ilmaan sirna nafxanyaa ammaan dura Oromiyaa dukkanatti galchaniin amma illee Oromoo irratti banana dha. Addatti baatii muraasa kana keessatti duula farrummaa Oromoo gaggeessaa jiraachuu isaanii ni agarra. Faarsaa mooticha habashaa Mililiiin qabanii jibbiinsaa fi diinummaa Uummata Oromoof qaban muldhisaa jiru. Haalli kun ammo madaa saba Oromoo irratti gubaa dabaluu waan ta’eef bara 2014 kanatti gochaa farrummaa kana irraa akka dhaabbatan dhaamsa dabarsina.
Qeerroon Bilisummaa sochii diinummaa sirni nafxanyaa fi Wayyaaneen karaa lachuu ummata keenya irratti gaggeessaa jiran gama hundaan of irraa qolataa qabsoo bilisummaa gaggeessuun Oromiyaa fi uummata Oromoo tiksuuf kan yoomii irra qophii ta’uu keenya ni mirkaneessina.
Barri kan bilisummaa fi badhaadhinaa nuuf haa ta’u.
Injifannoon Ummata Oromoof!
Qeerroo Bilisummaa
Finfinnee, Oromiyaa
Muddee 31. 2013

No comments:

Post a Comment