Gufuulee qabsoo bilisummaa Oromoo (QBO): Kutaa-Maayyii (kutaa-4ffaa)

Amajjii 01, 2014  | Leellisaa Bilisummaa Irraa*
 Kutaa-Maayyii
 II. Haala ammaa kanaan itti fufnu balaan dhufu maali?
Akka amma argaa jirru kanatti itti fufnu Oromoo keessattti namni wal dhagahu ni hafa. Ummata qabsoo bilisummaa bifa nuti gaggeessinuu kana keessa dabree nilkaaye keessaa hayyuu hedduutu burqa.
Jaarmaya akka keenyaa dhibdeen xaxamee horofa keessa seenee hunduu keessa bahuu dadhabee waliin horofa dhiitu kana keessatti hunduu wal qixa tahee kan wal dhagahu dhabama. Ar'a kanneen kaleessa akka hooggan biyyoolessaatti ilaallu gosa gadi bu'anii hooggana gandaa tahanii jiru. Hedduun isaanii wareegamni isaanii dagatamee salphifamanii manaa bahuu hanga dadhaban gahan.
Haala amma mul'atutti osoo hin jaalatin daran gama gandaa wal dhiibaa jirra. Tarii ar'a namoota hanga tokkoo kan gandi isaa dhagahutu jiraata. Akka kanaan bakka gahuu waan hin dandeenyeef garu boru gufuun tokko mudatuu fi sochiin qabsoo jaarmayootni adda addaa godhan kun gufatu hayyuu jedhamee kan namni tokko maatii isaa malee jala hin deemne mudachuu mala. Xiqqaatu ar'a Oromoo manguddoota gandaatiin walitti fiduu ni danda'a. Haalli kun itti fufi Oromoo miliyoona afurtamaa nama tokko tokkoon irraa deemuu mudanna. Kun ammaa waan hin taaneef nu hundi qe'ee wallaalummaan dhaalamee fi ummata diigamaa taanee hafna.
Namootni hedduun dharaan kanneen umriin bubbulan yakku. Osoo dhaloota haarayaaf dabarsinee rakkoon hundi ni hafti jedhanii yaadu. Kun dhugaa tahuu mala. Haala amma jiru yoo ilaalle garuu balaan mooraa qabsoo keessatti dhoohe xiqqaa guddaa faalee jira. Namni tokko tokko Oromoo biyya alaa kana malee ummatni biyyaa nagaya qaba. Kanneen ala jiran "Kuulii" isaanii malee qabsoof homaa hin yaadanii irra dabarree biyyatti of ijaarra kan jedhanii of soban nan dhagaha. Akkuma barootaaf of sobaa jiraannetti of sobuu yoo itti fufuu barbaadne malee haalli biyya jirus kana irraa fagoo miti.
III. Kanaaf Furnaatni Maali?  
Furmaatni Jiru tokko qofa. innis qabsaawota Oromoo gidduutti araara buusuu dha. Kanas godhuu kan danda'u namoota qubaan lakkaawamanii dha. Kanaaf ammoo isin caalaa namni furmaata argamsiisuu danda'u hin jiru. Akka an amma yaadutti ykn Akka natti fakkaatutti garuu karaan salphaan humnoota Oromoo hunda tokko godhuu caalu hin jiru. Akeekni keessan kun bakka gahuuf kanneen ar'a gandaan akka waan mirga Oromootti hin amanneetti yakkaman, qabsaawotni dharaan maallaqa diinaatiin kaayyoo diinaa bakkaan gahuuf deeman jedhamanii moggeeffaman hundi hooggana tokkoo fi dhaaba tokko jalatti hanga hin deebi'initti humna tahanii as bahuun ni ulfaata. 
Akka carraa seenaa tahee bu'ureessitoota ABO gadi dhaaban keessa namni ar'a itti gaafatama qabsoo guddaa irra jiruu fi hojii qabsoo dhuunfaa godhate isinii fi namoota qubaan lakkaawaman tarii 5 hin caalle qofa. Jaallan babbareedoon, goototaa fi hayyoota hedduu waliin baatan wayyabni isaanii ar'a wareegamanii jiru. Hawwiin isaanii fi dhaamsi isaan yeroo wareegaman dhaammatan hundi akka hangafaatti isin harka jirti. Akka hangafaa fi hambaa jaallan kaleessa dabaranii sanatti ba'aa kana dhalootaaf dabarsuun yeroo ar'aa isin irratti kufee jira. Umriinis tahuu baatu dirqama ar'a irra jirtan irraa qabsaawota kan isin caalaa hangafu hin jiru. Hangafti, ykn manguddoon araara buusa. Wal dhabbii lammii keessatti bakka ol'aanaa kan qabu lola sana injifachuu osoo hin taane nagaa lammiin hundi irraa baratuu fi itti waartu argamsiisuu dha. Kanaaf, jaallan wareegaman, kan ar'as wareegamaaf tarree hiriiranii fi saba Oromootiif jettanii mooraa qabsoo keessatti nagaa buusuu irratti akka hojjattan isin gaafadha. Kana fiixa baasuuf, kanneen ar'a jaarmayoota Oromoo adda addaa hoogganan, manguddoota golee Oromiyaa hundaa walitti dhufan,Abbootii Amantii fi hayyoota Oromoo walitti yaamuun dhibdeen kanaaf furmaata akka barbaadan godhuu barbaachisa. Nagaan qabsaawota Oromoo hunda walitti fayyisu kan dhalatuu dandahu garuu mataa [akka nama tokoo fi qaama hooggantaniitti] keessan irraa kaatanii ir'ina dabreef itti gaafatama fudhachuun akka hunduu garaa isaa banaa godhee ir'ina isaa amanee qaama furmaata of godhu karaa banuu qabdu. Kanaaf osoo ooltanii hin bullee nagaa lammiin barbaadu kana argamsiisuu irratti akka bobbaatan isin gaafadha.  
Galatoomaa!!

No comments:

Post a Comment