ODF @ FINAL EXAM

January 25, 2014 | Malkaa Caffee Irraa*
Wal Ijibbaannee Beenaa!  
Dabartan Sanuu Feenaa,  
Yoo Kuftan Xurii Seenaa! 
======================================================================
 Gadaa.com“የወያነ (TPLF) ባለስልጣኖችን በፍርድቤት እጋፈጣቸዋለሁ”
Gadaa.com“Aangawoota Wayyaanee (TPLF) Wajjin Mana Murtii Duratti Wal Ilaalla!”
- Leenco Lata
Kana kan dubbatan Obbo Leenco Lata (I/A HD-ABO) kan yeroosii, oggaa dhaqanii Dirre Xayyaaraa Booleetti bu’an tahuun media Wayyaanee irraa yeroo sanatti waan dhagahamee dha.
======================================================================
Gadaa.com“ኢትዮጵያ ዉስጥ እኮ ፍትሕ የለም። ኣቶ ሌንጮ የተሳሳቱትም እዚያ ላይ ነዉ”
Gadaa.com“Itoophiyaa keessa haqni hin jiruum! Obbo Leencon sana irrattitu dogoggoran.”
- Galaasaa Dilboo
======================================================================
Yeroo Obbo Ibsaa Guutamaa Walgahii “Confirensii Araaraa” jechuudhaan yaalameef deemanii Wayyaaneen qabdee hiinaan, Obbo Leenco Lata ammoo “Obbo Ibsaa Guutamaa gadi dhiisisuufani.” jedhanii deeman, Raadiyoo Sagalee Ameriikaa sagantaa Amaarinyaa irratti jecha armaan olii kana kan dubbatan ammoo Obbo Galaasaa Dilboo(HD-ABO) yeroosii ti.
Waggaa 20 dura. Ani ijoollee dha. Ona Anniyyaa (Baha Harargee) Raasaa Qumbii, Qarree Raammis, Duyda/Gooroo Dhaddachaa. Bir’eensa xiqqaa tokko jala dugdaan ciisee osoon urjii samii ilaalaa waa’ee oduu rifaasisaa sanaatitti aaruu fi  baasee buusuu, Jaal Tarree Dhaddachoo (Rabbi Rahmata haa godhoof) “J____VOAn geesse.” naan jennaanin radio banadhe.
Galmee yakkaa Poolisa mootummaa Itoophiyaa kan yeroosii keessatti nama sadarkaa duraa (Lakk. 1ffaa)tti barbaadamu jechuudhaan ibse radion Itoophiyaa yeroo sanatti. Addunyaa Polotikaa Oromoo fi mooraa ABO kan yeroosii keessatti ammoo nama 2ffaa dha. Obbo Leenco Lata. Nama galmee yakkaa poolisa mootummaa Itoophiyaa keessatti Lakk. 1 irratti galmaawee tohannoo seeraa jala akka oolfamuuf barbaadamaa ture jedhame kanatu murtii ofii isaatiin osoo namuu isa hin dirqisiisin xayyaaraan balali’aa dhaqee dirree xayyaaraa Booleetti xayyaara irraa bu’e. “የወያነ (TPLF) ባለስልጣኖችን በፍርድቤት እጋፈጣቸዋለሁ” “Aangawoota Wayyaanee (TPLF) Wajjin Mana Murtii Duratti Wal Ilaalla!”  jedheeti inumaayyuu uggee qoma dhiibee dubbate jechuudhaan miidiyaan Wayyaanee hafarse yeroo sanatti.
Oduu kana osoon gurraa qabuutin VOA caqasuuf radio banadhe. Kanin gaafas dhagahe keessaa ኢትዮጵያ ዉስጥ እኮ ፍትሕ የለም። ኣቶ ሌንጮየተሳሳቱትም እዚያ ላይ ነዉ” “Itoophiyaa keessa haqni hin jiruum! Obbo Leencon sana irrattitu dogoggoran.” Jecha jedhu irraanfachuu hin dandeenye. Addunyaa Polotikaa Oromoo yeroo sanaa keessatti nama sadarkaa duraa (Lakk. 1) irra turan Obbo Galaasaa Dilbootu akkas jedhe.
Radion mormituu warra Amaaraa tokko ammoo (maqaa radio sanaa amma hin yaadadhu) “አቶ ሌንጮ ለታ ወደ ወያነ ዘፍጥያ ተወረወሩ።” erga jedhee booda itti fufee “አቶ ሌንጮ ለታ በሁለት መሥላል ወደ ስልጣን ኮርቻ ለመዉጣትስሞክሩ ክፉኛ ወደቁ።” jechuudhaan waan mudate sanatti hedduu gammadanii ‘Iskistaa’ bu’aa fi Shaampaanyii buqqisaa jiraachuu isaanii haala ifatti mul’isuun dubbate.
Osoon kanas gurraa qabuun Oduu VOA dhaggeeffachuu itti fufe. Gazexeessaan VOA yeroos oduu sana dubbise nama dhiiraa tahuu malee eenyu akka tahe amma hin yaadadhu. Oduu waa’ee akka tasaa Shaggar seenuu Obbo Leenco keessatti “Ija jabinni (uggiinsi) fi gootummaan akkanaa seenaa namoota bara durii keessatti malee yeroo as dhihoo kana keessatti mul’atee hin beeku” jechuu isaa nan yaadadha. Jecha sana gaazexeessuma VOA sanatu ofii dubbate moo yaada namni alagaa waan sana irratti kennate keessaa fudhatee dubbachuu isaa garuu amma sirriitti hin qaabadhu. Itti dabalees HD-ABO kan yeroosii kan tahan Obbo Galaasaa Dilboo sababa deemmaa tasaa kan quba qabeenyaa Dhaabaan ala tahe kanaaf jecha Obbo Leencon Aangoo fi Gaafatama isaa irraa kaasuu kan ibsu ABO irraa ibsi bahuu isaatu oduu sana keessatti himame.
Oduu booda gaaffii fi deebii HD-ABO yeroosii Obbo Galaasaa Dilboowaliin taasifametu itti fufe. Dubartiitu gaafate. Akkuman olitti ibse, achi keessaa kanin yaadadhu tokko “ኢትዮጵያ ዉስጥ እኮ ፍትሕ የለም። ኣቶ ሌንጮየተሳሳቱትም እዚያ ላይ ነዉ” jechuu Obbo Galaasaa Dilboo ti. Kan biraan “Amma Obbo Ibsaa Guutamaa fi Obbo Leenco Latas hidhaa keessa jiruu kana irratti maal jettu?” jechuun gaaffii dhihaateef Obbo Galaasaan oggaa deebisu “Obbo Leenco fi Ibsaa qofa osoo hin taane miseensota ABO fi Oromoota qulqulluu kumoota hedduutti lakkaawaman yeroo ammaa maqaa ABOtiin mana hidhaa Wayyaanee keessa jiran hundi isaanii badi tokko illee waan hin qabneef Wayyaaneen hatattamaan akka gadi lakkisu gaafanna.” Jechuu isaan yaadadha. “Galatoomaa! Waaqayyo obsaa fi jajjabina isaa isiniif haa kennu !…” jechuudhaan sagalee garaa nama nyaatuu fi gaddi keessaa mul’atuun gaaffii fi deebii sana xumurte gaazexeessituun VOA, Oromtittiin, Intalti Fitowraarii Balaachoo, Tizitaan. Dubbiin isii iyyuu gaddisiise maalayyaa anaa gaafasii? Nan booye. ….Booyicha aarii.….Imimmaan gubaa. …Imimmaan xiiqii. ….Garaa ijoollummaa. …Dheebuu Bilisummaaf !
Guyyoota muraasa booda Obbo Leenco fi Obbo Ibsaanis lamaanuu hidhaa irraa hiikamanii nagaadhaan xayyaara koranii Itoophiyaa irraa gara alaatti balali’an jechuu dhageenyee gammadne. Guyyuma sana ammoo xayyaarotni lolaa fi helikopterootni waraanaa loltoota Wayyaanee fi galaa isaanii deddeebisanii fi madoo isaanii kaasan nu irra balali’aa oolan. Hibboo dha. ….Hibboo QBO. …Iccitii Polotikaa.
Biyya ol’aantummaan seeraa fi haqni hin jirre keessa haqa barbaachaaf qoma dhiibanii “gootummaadhaan” bifa sanaan itti deemuu fi kuni sirrii mitii maaliif kana goota? jedhanii wal adabuu (aangoo fi gaafatama irraa wal kaasuu) sana lamaan gidduu garaagarummaan jiru yeroositti guddoo natti hin mul’atu ture. Akkuman jedhe anoo yeroos ijoollee dha. Ana qofas miti. Warruma gurguddaa jedhamuttuu yeroositti wanti kun wal qixa hundatti mul’ate hin sehu. Yookaan ammoo warri galeefis “Nuti ilaalcha lama kan akka Dhaaba tokkichaatti qabatanii waliin deemuun hin danda’amne qabna” jedhanii walittii fi ofittis dhugaa himanii gar-gar bahuu mannaa “Akeeka tokkicha (bilisummaa ummata keenyaa dhugoomsuu) qabna” kan jedhu of amansiisuudhaan obsanii dhukkubbii isaa kulkulfachaa walumaan tirachuu filatanis taha. …Wal amantii dha. …Wal irratti abdii dha. …Wal jaalala. “Jaalalaa fi wal amantii Oromummaa.” Garaa gubaa (Stomachache) Polotikaa Oromoo.
Akkanaan waggoota 20 dabraniif ilaalchi kun lamaan wal fudhachuu ykn. wal injifatanii wal bulfachuu ykn. wal ijibbaatanii gargar galuu dadhabanii/hanqatanii wal gangalchaa ABO fi QBO jeeqaa bahan. Maayyii irra akkuma tahettuu addaan bahamee inni achi bahe ADO/ODF ofiin jedheera. Sadarkaa kana gahuuf adeemsi akkamii akka hordofame, shirri/dabni akkam akka dalagamee fi miidhamni hangam QBO fi ABO irra akka geessifame bifaa fi sadarkaa barreeffama akkanaatti amma dura wanti hedduun namoota hedduudhaan barreeffameera. Anis waggaa tokkoo fi walakkaa dura (Waxabajjii 2012 keessa) mata duree “Meetni Nama Harka Jiru Dhagaa Fakkaata.” jedhu jalatti dhimma kana irratti waa barreesseen ture waan taheef amma seenaa waan keessa dabramee sana keessa seenuu hin fedhu.
Amma gara ijoo dubbii barreeffama kiyyaattin suduudaan seena. Baatiilee 10 dura yeroo Dhaabni ADO/ODF jedhamu hundeeffamuu (ijaaramuu) isaa labsatu Oromoo keessaa:
a) QBOtiif Dhaaba/Jaarmaya filmaata tahuu danda’u kan kaayyoo fi tarsiimoo qabsoo ABO irraa adda tahe qabatee garuu Bilisummaa Oromootiif qabsaawutu dhalate jedhanii ilaalcha gaariidhaan kan simatan jiru.
b) Lakkii jarri warra qabsoo hifatee maqaa qabsootiin biyyatti galee harka kennatee jiraachuu barbaadutu wal gurmeessee galuufi malee waan QBOtiif bu’aa buusan mitii kan jedhanis jiru.
c) Xannacha bara dheeraaf ulfa fakkaatee gadameessa QBO keessa turetu bahe jechuun hedduu hadheeffatanii warri yaada kennachaa turanis jiru.
d) “Maaloo! Maaloo! Maaloo Jaallan, Obboleeyyan, Ilmaan Aayyaa, akki kun nuuf tolaa ree? Wal haa dhageenyu! Wal haa dandeenyu! Ilaalcha keenya wal fudhachiisnee Bilisummaa Ummata keenyaaf ilaalcha tokkoon waliin qabsaawuu gara dandeenyutti wal haa luucceffannuu maaloo dhaaphaa!” jechuudhaan hanga gaafa ODF of labsuutti warri waywaachaa turan “Fayyaaleyyiin ykn. Daalleewwan”akka kiyyaas jiru.
ODF gadameessa keessatti umrii dheeraa qaba malee qaamaan erga dhalatee lafa gahee waggaa hin guutne. Hanga ammaatti (osoo garaa jiruu fi erga dhalatee lafa gahees) kan isa mudatee fi mudachaa jiru jaalatamuu caalaa jibbamuu, amanamuu caalaa shakkamuu/ciicatamuu, faarfamuu caalaa arrabsamuu, eebbifamuu caalaa abaaramuu fi balaaleffatamuu…..kkf. dha. Kun hundumtuu isaaf murteessoo akka hin taane beekamaa dha. Isaaf “Dhaabichaaf” murteessaan eenyummaa fi hojii isaa qofa. Oromoo biratti Wayyaanee fi Lukkee isaa (OPDO) caalaa kan jibbame, tuffatame, arrabsamee fi abaarame hin jiru.
ODF qormaata xixiqqoo (test) hanga ammaa isa quunnamte jabinaa fi qabxii gaariidhaan keessa dabre. Qormaata isa xumraa (Final Exam) garuu murtii dhiheenya ifa baasee labsate kan “Shaggar seennee QBO karaa nagaa gaggeessina.” jedhuun amma itti seenaa jira.
Akkamitti?
  1. Murtiin ABOn ilaalcha mooraa isaa keessa jiru xaliilchuuf fudhate tokko tokko dhidhiibee osoo hin jaallatin, akka barbaadanitti qophii fi wanneen feesisan hunda osoo hin guuttatin, miiltoo karaa dheeraa fi hamaamota gaafa cidhaa osoo addaan hin baafatin amnicha haa jalqaban malee, namoota maqaa ODFn galaa jiran keessaa sadarkaa nam-tokkeettis tahu kanneen dhugumaan Qabsoon Bilisummaa Oromoo daandii sanaan caalaatti milkaawa jedhanii itti amananii fi sanaafis wareegama feesisu baasuuf of qopheessan hin dhabaman (ni jiru) jedheen abdadha. Gariin ammoo, dheerina qabsoo hifachuudhaan bifa fedheenuu (garuu maqaa qabsootiin) Oromiyaa keessa nagaadhaan jiraatanii bishaanii fi midhaan, akkasumas, qilleensa Oromiyaatiif dharraa qaban bahachuudhaaf kanneen carraa kanatti dhimma bahuu murteeffatan tahuun shakkii hin qabu. Ayyaan-laallattootnii fi gantootni (abbootiin garaa) kanneen sadoo jireenyaa fi bolola aangoof jecha kana keessa gugatanii ‘Fake’ kan tahe aangoo maqaa/kijibaa kan Wayyaaneen kennuufii maltu (kan ittiin ergama wayyaanee raaw’atan) fi ofii ammoo media irratti mul’ataniin abjootanii kan deemaa jiranis hedduu dha. Eenyummaa fi aynaan namootaa buburreen kun oggaa achi gahee shirri diinotaa irratti dabalamu wal harcaasuun, hamtuuf dabarsanii wal kennuunii fi Dhaabicha (ODF) ooyruu Wayyaaneen lukkeelee haaraya keessaa oomishattu taasisuudhaan, waan Ummata keenya ija alagaa duratti salphisu, xiqqeessuu fi qaaniidhaan mataa lafa ilaalchisu raaw’achuuf kan jiran tahuun  waan arguu fi dhagahuuf teenyu keessaa tokko tahuu danda’a. ODF kana irraa dandamatee Dhaaba Siyaasaa mormituu dhugaa kan keessa isaatti itita qabu, Qabsoo Bilisummaa Oromoof akka filmaataatti kan dhihaachuu danda’uu fi   Wayyaanee fi diinota QBO kaanis ‘Challenge’ godhu ni tahaa?

  2. ODF gaafa ijaaramuu isaa labsatu Itoophiyaan Empaayera tahuu isii, qabsoon Oromoon hoogganummaa ABOtiin gochaa turee fi jiru kan haqaa fi qoodni namoota ODFs keessa jiru tahuu akka amanuu fi har’as taanaan Kaayyoo fi tarsiimoo qabsoo ABOn ittiin masakamu akka hin morminee fi ofii garuu kaayyoo fi tarsiimoo qabsoo kan biraa filachuu isaa qofa ibsate. Amma yeroo Shaggar gahee Heera Wayyaanee jalatti buluu jalqabu waan gaafas jedhe kana ni fafaallessa moo irratti cicha? Ejjennoo mootummaa Wayyaanee kan Qabsoo Hidhannoo Balaaleffachuu, ABO akka Dhaaba Shoororkeessaatti fudhachuu, diraamaa/fiilmii dharaa ABO ittiin yakkuuf Wayyaaneen tolchitee, qooda namootni ODF ABO keessatti qabaachaa turanii fi ……kkf. ilaalchisee gaaffii fi dhiibbaa Wayyaanee irraa isa mudatu bifa kamii fi jabinaa fi bilchina akkamiitiin keessummeessa?

  3. ODF Alaabaa Oromoo ilaalchisee kanuma Dhaabaa (ABO) maxxanfatee harkaa qaba. Waajjiroota ODF Oromiyaa keessatti banamuu malan duratti alaabaan “Dhaaba Shoororkeessituu” tuni fannifamuun ishii yoo Wayyaanee sodaachisee fi ‘ምርጫ ቦርድ’ Wayyaanee biratti ittiin galmeeffamuun rakkoo tahe ODF hangam Alaabaa mararfatu tana irratti cichuu danda’a?

  4. Qabeenya biyyattii kan qawweedhaan dhuunfatee fi gargaarsa mootummoota qabeenyicha saammachuu keessaa qooda qabaniitti dabalee, utubaa jireenya Wayyaanee tahee kan jiru humna waraanaa, tikaa fi poolisaa inni ofii isaaf jecha akka isaaf tahutti namoota isaaf tahan irraa ijaarratee dha. “ሕገ መንግስቱንና ሕገ መንግስታዊ ተቋማቱን በማክበር……” jechi jedhu kan Wayyaaneen oggoyyuu lallabu “Isaan kana hanga dhuunfannee harkaa qabnutti aangoon keenya iggitii qaba.” amantii jedhu qabaachuu irraa ti. Tarsiimoo qabsoo karaa nagaatti waan gufuu guddaa tahe kana maqsuuf meeshaa fi tooftaa mormitootni biroo hanga ammaa itti hin gargaaramin kan ODF harkaa qabuu fi itti gargaaramee jijjiirama fiduuf abjootu maali?

  5. Walumaagala ODF Shaggar seenee maqaa Qabsoo Bilisummaa Oromootiin Wayyaaneef ‘Mask’ dimokiraatummaa dabaleefii/taheefii, sadoo jireenya nomoota dhuunfaa guutuuf jecha seenaa gantummaa (Goobanummaa) haaraya dalaguuf deema moo dhugumaan wareegama barbaachisu hunda baasee waan QBOf bu’aa qabaatu dalagee mul’achuudhaan Bilisummaa Oromoo mirkaneessuuf kan abdatamu Dhaaba filmaataa tahuuf jiraata?

Gaaffiilee (qormaata) kanneenii fi kan biroo kan dhimma QBO wajjin walitti hidhatan irratti deebisaa ODF kan boru hojiidhaan lafa irratti mul’achuuf taa’utu ODF Qabsoo Bilisummaa Oromootiif Dhaaba filmaataa tahuu fi hanqachuu isaa murteessa. ODF Qormaata Maayyii kana ni dabra moo ni kufa ???
Wal Ijibbaannee Beenaa!
Dabartan Sanuu Feenaa,
Yoo Kuftan Xurii Seenaa!
Xumura:
Hamii fi guungummiin, akkasumas, yaaddoo fi shakkiin ODF ilaalchisee turee fi jiru hundi kijiba tahee, kaayyoo fi tarsiimoon qabsoo ODF maxxanfatee fi murtiin inni amma ifa baafatee itti deemaa jiru kun kan QBO bakka gahe irraa fuul-duratti furgaasee galiin gahuutti gumaachuu fi Guyyaa Bilisummaa Oromoo dhiheessuu keessatti qooda gama ofii qabaatu akka tahu haa hawwinu !
Malkaa Caffee
Amajjii 23, 2014
Malkaacaffee@gmail.com

No comments:

Post a Comment