Prezidaantiin Itiyoophiyaa Duraanii Lammata Paartii Polotikaatti Hin Seenu, jedhu

Amajjii 24, 2014  | Sagalee Ameerikaa (VOA)

Prezidaantiin Itiyoophiyaa duraanii fi boodas, Paartii  Tokkummaa Dimookiraasii fi Haqaaf jedhamuuf dura-taa’aa ka turan – Dr. Nagaasoo Gidaadaa paarticha mormituu sana keessaa ba’uu isaanii beeksisanii jira. Inumaa, ammaa booda paartii polotikaatti akka hin seenne ka dubbatan Dr. Nagaasoon, “kana murteessuu koof sababaa xixiqqaa lamaa fi sababaa guddaa tokkon qaba” – jedhu.
 
Kan isaan akka sabbaalee xiqqaatti himatan waa’ee fayyaa isaanii fi waa’ee umurii isaanii ti. Sababaa guddaa dha, jechuun kan isaan himatan garuu, paartii hoogganaa turan keessa hoogganoota fi miseensota jiran waliin dhimmoota biyyattii ijoo ta’an irratti walii-galtee dhabuu isaanii fi walumaa-galatti paartii kanaa fi ka biroo gidduutti wal-amantaan dhabamuu isaa dubbatu.


Paartiileen mormitootaa Itiyoophiyaa bakka lamatti qoodamaa deemuu kan eeran – Dr. Nagaasoon, “ tokko kanneen sabboonummaa biyyoolessaa oofanii fi mirga sabaa fi sab-lammootaa gonkumaa fudhachuu hin feene yoo ta’an kaan immoo kanneen mirga sabaa fi sab-lammotaatti  amanan – sab-boontota sabaa sirna federaalummaa saba-hedduutti amanani” – jedhu.

Guutummaa gaaffii fi deebii kanaa dhaggeeffadhaa

No comments:

Post a Comment