" Tarsimootu jijjiiramee Moo......?? "

Amajjii 09, 2014 | Leellisaa Bilisummaa Irraa
Tarsimootu jijjiirame moo..................???????????
Namoota gariitu yeroo nuuhi waan kaleessa jenne irraa yeroo gara biraati ykn yaada birooti uf jijjiiru nuu waliin yoo uf jijjiirtan malee warri tokkummaa jettan KUN sirrii miti jedhaaf, tarsimoo gara tokkummaati nuu fidu madisiisuun ala tokkummaan hin dhufu irraan namaa gahaa jiraachii? Moo Tura keessa tarsimoo jijjirate qabda? Yeroo hedduu tarsimoo fi tofttaan ilee bakka jijjirachaa waan dhufeefiin gaafiilee kana akka naaf galuutin tarreese.  
Hogganni gadamoojiin ufiif rakkoo qabaafi rakkoo isa keessa jirru kan furachu dadhabe uummata Oromooti quba qabuun sirrii mitin jedha. Uummatni Oromoo hardha tokko ta'u isaa tolcheeti hubataa jira. Maal akka fedhus ni beeka. Kan tokko isa godha maal akka ta'ees ni beeka. Haata'u malee, warri qabsaawoota ufin jedhan martuu tokkummaa sabichaa eeguu fi waan tokkummaa isaa laafisu irraa uf eeguun dirqama duraatti, waan ta'eefis, ilaalchas ta'ee siyaasaa yknis tofttaallee tokkummaa isaa laaffiisuu fi diinaaf hiree Kenna isaa keessatti uumuu irraa uf qusachuun haalaan barbaachiisaa dha jedheen amana.
Gareen kamuu Qora qalbii fi muuyxanoo uummatni Oromoo keessa darbe irraa siyaasaa ala bahee fidnaan milkoomina argachu hin dandeeysu jedheen amana. Kanas akkan jedhu kan na dandeesise hardhati diina tokkicha qabna. Isaa kana qa'ee Keenya irraa kaasuutu fardoomina qaba moo mala sodaa fi abjuu eega diini ka'ee booda haasa'uutu dura?
Ani ammaatti murtiin bara dheeraa qabaachaa ture, akeekuma Jaallan nuu biraa itti dhuman ykn KUFAN sana GALIIN gahuu dhaaf Hangan jiraadheetti hojjachuu dha. Danda'amnaan Jaallan kaayyoo kana GALIIN geenya jedhan tokkoomsuu, humnoomsuu fi qaruun ABO tokkoomneen qabsoo hidhannoo, siyaasaa fi dinagdee itti fufuun uummatni keenyaa fi biyyi keenyaa akka bilisoomna qabsaawuudha.
Ani haalaa fi amaloota diina keenyaa kan garagaraa yeroon seenaa fi siyaasaan hordofe xiinxalu Oromoon humna waraanaa cimaa roga dhimma sabichaaf wabii ta'uu danda'u tokko yoo hin ijaarane gatii hin qabu jedheen amana. Kana argamsiisuuf ammoo hundi Keenya hir'ina qabnnu beekne uf sirreeysuu fi wal sirreeysuu irratti hojjachu qabna. Fakkeenyaaf, Oromoon dhimma icciitti irratti rakkoo qaba, dhimma ijaarsaa irratti rakkoo qaba, akkaataa itti wal ilaalu fi Qora Qalbi diini itti uume irraa kan ka'e rakkoo qaba Kanaa fi kkf irratti bali'inaan jijjiirama fidu qabna. Kana gochuuf Oromoo hunda walgahii Caffee yaamuunis hin ta'u.
Mee wayyiin siif kaasa, Wayyaaneen Nama meeqaan Tigray irraa kaate Biyya keenyaa fi Sab lammii biroo qabatee? 105,000 qofa. Uummatni Tigray booda kana qabeenya Oromiyaa saamuuf gadii dhufe. Nuuti kuni afaanii fu udduu cuqaalane lafa Jaallaan Oromoo 200,000 fi sadii ijaaruu dadhabnaa? Baruma baraan barattoota hirira baasuun jeequmsaa fi dhumiinsaa barbaachiisaa hin taane ufiitti afeeraa? Yoo dhaabni Keenya adda faca'ee deebbiisne hin ijaarannu? Ykn kan biroo hin ijaarannu? Akkaataan itti deemaa baane sirri miti. Bifa dhaaba Biyya dimokiraasi jiruuti Oromoon waa hojjachuuf yaale. Hogganni isaas kannuma amma fafaca'ee qaana'uun hafe ani kaleessas itti amanaa hin ture jedhu Kana. Karaa birootiin, Itoophiyaan dimokiraasa'u hin dandeesu. Sababoota hedduutu jira.
Gama kiyyaan yoo warri akka nabi Mousan ykn Museen warra Yuhuuda/ Jewsh/ bilisoomsuuf ullee raajii dalagduun gaara Tulluwalalirraan gadii bu'an ilee walabummaa Oromiyaa hin dhiisuu. Murtiin kan uummata Oromoo ta'u qaba. Bilisa ta'ee Karaa referendumaatin sabichi murteefachu qaba malee Dhaabootin siyaasaa mirga isaan mallee daangeesuun bakka isaa bu'anii Itoophiyaa ykn maqaa biroo Isaaf filuun dimokiraatumaa miti. Kanaaf, ilaalcha tasgabaawee qabaachuun qabsoo itti fufuun dirqama jedheen amana. Mee gaafii tokkoon isinif kaasa, kan Oromoo dhiisi Scotland federal system in eega bulu eegalte woggaa 305 jedhama. Amma referendum gochuuf deemu. Maaliif ta'aa. Oromoon mirga waloon ykn akka sabaati waa murteefannaa isa dhorku dimokiraasii akkamiitti?

No comments:

Post a Comment