Duula Karaa Qindaayee fi Walirraa Hin Cinneen Oromoorratti Gaggeeffamaa Jiru!

Guraandhala 19, 2014  | Baareentuu Gadaa Irraa* 

Yeroo ammaa kana akkuma hunduu quba qabu karaa qindaawee fi walirraa hin cinneen duulli maqa baleessii, seenaa Oromoo xiqqeessanii fi xureessanii dhiheessuu midiyaalee adda addaatiin geggeeffamaa jira. Duulli jumlaadhan saba Oromoo arrabsuurratti fuullefate kun kan gaggeeffamaa jirus karaa medialee Nafxanyootaa fi leellistoota sirna gabrummaan marsaalee adda adaa, TV fi Raadiyoolee biyyoota Lixaa keessa maadheeffatanii fi fakkaattoota isaanii biyya keessa jiraniin ta’uun ifaa dha. Midiyaalee kana ammoo akkuma beekamu kan abbummaadhan gaggeessaa jiru harcaatoota ilmaan Nafaxanyootaa fi warren wayyaaneedhaan harka lafa jalaan mahaalaqaan hirphamanii dha.

Diinoonni Oromoo kaleessaa hanaga ammaa rafaniifii hin beekne kun har’a yeroo kamiyyuu caalaa karaa qindaayeen kan itti jiran karaa midiyaalee hololaa biyyoota alaatti banatanii fi biyyaa qabaniin ifatti bahaniis, dhokatanis ummata Oromoo maqaa balleessuu fi seenaa isaa dabsuun arrabsoo gaggeessaa jiru. Ilmaan weerartootaa biyyoota lixaa keessa maadheeffatan kun  hojiin isaanii duula walirraa hin cinneen ummata Oromoo arrabsuufi xiqqeessuuf yaalu dha. Warreen biyya keessa jiran  muraasnis haaluma wal fakkaatuun gargaarsaa fi hirpha ilmaan nafaxanyootaa fi wayyaaneetiin kan afaan hiikkachaa jiran ummata Oromoo arrabsuu fi seenaa isaa jaldhisanii dhiheessuuf dogoggora oolee bule isaanuma hubu tarrisaa oolu dha.
Har’a eenyumtuu yoo marsaalee/weebsaayitoota dhimma Itiyoophiyaarratti xiyyeeffatan saaqe kan muldhatuu fi dubbifamu harki 90 fi sanaan ol kan saba Oromoorratti xiyyeeffatuu dha. Innis beektoota ykn hayyoota Oromoo  maqaa dhahanii arrabsuu, xiqqeessuu, tuffachuu, akkasumas dhaaboolee siyaasaa fi jaarmiyaalee Oromoo kanneen bilisummaa Oromootiif hojjetan tuffachuu, yakkuu fi holola maqa balleessii irratti gaggeessuu dha. Uummata Oromoo akka sabaatti jumlaadhan arrabsuu, seenaa isaa dabsanii fi xureessanii akka ofii barbaadanitti karaa midiyaalee isaanii dhiheessu dha.
Yakkamtoonni saba Oromoo fi beektoota isaa arbasuu fi xiqqeessuurratti akkasumas dhaabolee fi jaarmiyaalee Oromoof hojjetan maqaa yakkuurratti bobba’an kun  kan  ifatti eenyummaan isaanii beekamu akkuma jiran kanneen hafan ammoo ajajaa fi deeggarsa mahaalaqaa ilmaan Nafaxanyootaa fi Wayyaaneerraa argataniin maqaa masoo adda addaa moggaafatanii karaa marsaalee diriirfatan kanaan saba Oromoo arrabsaa oolu. Seenaa saba Oromoo ta’e jedhanii dabsaa fi seenaa abbootii isaanii; seenaa afoola fi diritoo Qeesota isaanii facaasaa oolu. Ilmaan nafaxanyootaa fi jaleewwan isaanii kun haaluma wal fakkaatuun karaaRaadiyoolee fi Tv biyyoota lixaa keessa madheeffataniin kan xibaaraa oolanii fi bulan  harki guddaan kan saba Oromoorratti, hayyootaa fi jaarmiyaalee isaarratti xiyyeeffatuu dha. Kan hojii isaanii ijoo ta’eef dursa kennaniifi irraa hololaa oolanii bulan seenaa sobaa fi dabaa isaanii hafarsuu, seenaa saba Oromoo ammooo xiqqeessu, seenaa diritoo  fi sobaa Dabtaroota isaanitiin barraawe jedhan kaasanii Oromoorratti duula walirraa hin cinne gaggeessuu dha.
Hololli kun akkuma hundi keenyaa quba qabnu yeroo ammaa kana baldhinaan walitti hidhamiinsa midiyaalee  biyya alaa jiranii fi biyya keessa jiran muraasaan gaggeeffamaa jira.Walitti hidhamanii alaa manatti saba Oromoo arrabsuurratti bobba’uu isaaniitiif ammoo ragaan tokko akkuma warreen biyoota lixaa keessa maadheffatan seenaa Oromoo dabsaa fi xiqqeessaa oolan; fixiinsa miniliki saba Oromoorratti raawwate haaluun ykn akka gootummaatti dhaadheessuun Sirbituun Habashaa Teedyii Afroon dubbate biyya keessatti maxxansanii facaasuu isaanii ti.
Ilmaan Nafaxanyootaa biyya keessaa fi ala jiran kanaaf beekaa fi hayyuun Oromoo beekaa miti, isaaniif doofaa homaa hin beekne dha. Sabboontoonni, Dhaaboleen siyaasaa fi jaarmiyaaleen mirga Oromootiif qabsaawan isaan biratti warra biyya diigu, farra Itiyoophiyaa fi Fenxaalessitoota. Fixiinsii miniliki Oromoorratti raawwates isaaniif biyya ijaaruu dha. Boddeessitonni arrabsoo fi tuffii Oromoorratti bobba’an kunkana bira darbaniis ifatti “Sabni Oromoo dhiheenya Itiyoophiyaa dhufee,isatu biyya isaa malee dhufee nuweeraree”jechuun holola walirraa hin cinne gaggeessaa jiru.Gaafi  fi deebii  karaa Raadiyoo fi TV dhiheessaniin,barruulee karaa marsaalee adda addaa facaasaniin Oromoo fi beektoota isaa, dhaaboolee fi jaarmiyaalee isaa arrabsaa oolu. Dhugaa kana namni Raadiyoo fi TV akksumas marsaalee ilmaan nafaxanyootaatin banaman, kanneen wayyaaneedhaan harka lafa jalaatiin deeggaraman kana dubbisee fi dhaggeeffate hubachuu danda’a. Arrabsooni fi gochi maqa balleessii saba Oromoorratti gaggeeffamu guyyuu  tamsa’aa oola waan ta’eef.
Warreen kun maaf seenaa sobaa, seenaa diritoo Qeesonni isaanii barreessan qabatanii kaaniis ofii uumanii fi itti dabalanii saba Oromoo xiqqeessuu fi arrabsurratti bobba’an? Maaf hayyoota  fi beektoota Oromoo akksumas jaarmiyaalee fi dhaaboolee Oromoo bilisummaa saba Oromootiif wareegama kaffalaa jiran  tuffatu, Yakku? jennee yoo gaafanne deebin isaa wal xaxaa fi dhokotaa miti. Kaayyoon ilmaan Nafxanyootaas ta’ee kan wayyaanee saba Oromoo maqaa balleessuu fi xiqqeessurratti bobba’aniif; akkuma abbootii isaanii saba Oromoo gabrummaa jala tursanii saamaa  fi dhiitaa jiraachuu dha. Ofitti amanuu fi abbaa biyyummaa isaa irraa mulqanii ergechaa fi gadootti ilaalaa olaantummaa isaanii mirkaneessanii biyyaa fi qabeenya isaa kan ofii taasifachuuf carraaquu dha. Akka Oromoon “ani saba biyya qabu” jedhee mataa ol  qabatee hin deemne; sammuu isaa keessa seenaa sobaa; seenaa “ani nama iddoo biraatii godaanee dhufee” jedhuu himatuuf humnaan fudhachiisuuf hidhatanii ka’uu dha. Kunimmoo waan yoomuu ta’uu hin dandeenyee dha! Waan yoomiyyuu ta’uu hin dandeenyeetti yeroo fi humna isaanii qisaasu; waan kaleessa yaalamee dadhabame jaarraa 21ffaa kana keessa itti dadhabuun ammoo dhamaatii qofa.
Afoola sobaa adda addaa diritanii, oduu sobaa, seenaa jaldhataa Dabtaroonni isaanii barreessan asiif-achii walitti ciranii galgalaa ganama karaa TV, Raadiyoo fi marsaalee isaanii facaasun of dadhabsiisuu malee Oromoo biratti bakka hin qabu. Kanaaf yoo sagalee hayyootaa fi sabboontota Oromoo, sochi qabsaawoota Oromoo fi jaarmiyaalee Oromoo arganii fi dhagahan waan qabanii gadhiisan wallaalu, aaru, cinqamu. Alaa manatti holola sobaa facaasu. Tokkummaa Oromoo diiguuf,gootummaa fi abbaa biyyummaa Oromoo haaluuf dhamahu. Garuu tokkoo hin milkoofneef fuunduraafiis hin milkaawuf!
Yakkamtoonni kaleessaa hanga har’aa saba Oromoo weeraranii saamuu, ajjeesuu, hidhuu fi gadootti ilaalurratti bobba’an kun  haalli amma alaa fi biyya keessatti itti jiran kan yeroo kamiyyuu caalaa sochii sabni Oromoo Bilisummaa isaaf taasisutti kan yaadda’anii fi goolaman fakkaatu. Fakkaatuu qofa Osoo hin taanee akkasumas! Gochi tuffii, gochi saba tokko akka sabaatti arrabsuu, hayyootaa fi beektoota isaa xiqqeessuuf asiif achi kaachuu kun maddi isaa sodaafii cinqii bilisummaa Oromoorraa qabaniin akka tahuu danda’u shakkiin hin jiru. Afaan Isaanii hin leenjine kanammoo Sabni Oromoo, sabboontoonni Hayyoonni fi beektoonni Oromoo, qabsaawonni bilisummaa Oromoo fi jaalattoonni bilisummaa Oromoo luugama itti godhuun dirqama. Tarkaanfii deemsaa fi gocha isaanitiin wal madaalu fudhachuuniis kan yeroon kennamuufi qabuu miti.
Wanti osoo Gaafa  hin baafne ta’uu qabu sabboontoonni hayyoonni fi beektoonni Oromoo, qabsaawoonni bilisummaa Oromoo waliin tumsinee ilmaan nafaxanootaa fi wayyaanee duula warra gabrummaaf nu hawwu, warra sirna gabrummaa jiraachisuuf habjootu, maqa balleessii fi tuffii saba Oromoorratti gaggeessaa jiran kana asirratti dhaabbadhaa jechuuniin dirqama lammummaa nurraa eegamuu dha. Biyya abbaa keenyaa keessatti arrabsamaa, tuffatamaa, akka gadootti ilaalamaa, gochi maqa balleessii Aadaa fi Seenaa keenya xureessuu fi xiqqeessu gaggeeffamaa callisnee taa’uunii fi caqasnee dhiisuun qaaneessaa dha!
“Surree Jilbarraan Dhumtee …! Hinjenneeree Oromoon Yoo geeraru …!
Baareentuu Gadaa: gessogeda@gmail.com

No comments:

Post a Comment