Gargaaraa Paayileetiin Xayyaara Itiyoophiyaa Butee, Jenevaa Geessee Harka Kennate

Guraandhala 17, 2014  VOA Afaan Oromoo

Xayyaarii Gargaaraan Paayleetii Xayyaara Itoophiyaa
bute kun Room Dhaquuf Finfinnee Ka'e
WASHINGTON,DC — Gargaaraa Paayileetiin yokaan balalsiisaan xayyaara Daandii qilleensaa Itiyoophiyaa, xayyaara gara Roomitti qajeele har’a butee Jenevaa qubachisee, ofii dahata siyaasaaf harka kennate.

Umuriin isaa 31 ka ta’e, Haayil-medihin Aberraa Tegenyi, Paayileetiin xayyaarichaa kutaa balalsiistotaa ykn Kookpiitii keessaa ba’ee gara mana fincaanii ennaa deemetti, kutaa sana keessaan cufatee -- xayyaaricha BOEING 767 jedhamu dhuunfatee gara Jenvaatti qajeelche - jedhama.

Qubachuu xayyaarichaa tii booda - Dirreen Xayyaaraa Jenevaatti sa’aatiilee hedduuf, xayyaarota ka biroof cufamee -- booda hojii isaa jalqabe.

Mootummaa Itiyoophiyaa irraa Waajirri Ministara Dhimmoota Komiyunikeeshinii Mootummaa immoo --- Gargaaraa paayileetiin xayyaaricha bute sun -- miliqee baduu yaalee qabamuu isaa dubbata.

1 comment:

  1. All free Ethiopians should support the Ethiopian Airline’s copilot's case! I admire the copilot as he surely wanted to pass to the world the message of the Brutal Dictatorial Regime of Ethiopia with the suffering and suppressed population for years in the name of development where despite the world aid in the 21st century due to government's corruption, electricity and water supplies are rare even in the capital city of Finfinnee (Addis Ababa) ! The Pilot could have very easily asked for asylum in ay part of the world without having to hi jack an airplane of his own!

    ReplyDelete