Kitaabii Arthur Donalson Smith Bara 1897 Keessa Barreesse Oromoon Maan Jedha, Horteen Boorana 1902 Ellis Island Fidani Eessa Jirti?

Guraandhala 04, 2014 VOA Afaan Oromoo

WASHINGTON,DC — Barii 1800 bara Amerikiaa fi namii isii biyya akka akkaa keessa yaahee wa fedhatu. Seenaa barreessaa, lafa humnaan fudhachaa waan hedduu fedhachuu yaahu.

Dr.Arthur Donaldson Smith, doktorii Ameriakati,dhalootaan Biritsh nama adamoo fi jireenna Afrikaa ilaaluun beekamu.

Bara 1890 keessaa haroo Ruudelfiin qaxxaamuree, Baalee fi Boorana keessaa bahee Keenyaatti dabre.Yoo akkana deemu kana Baalee Ginniir, Boorana Meeggaa fi lafa akka akkaa keessa deemee, kaaniin wal hadhaa, hadhee walti araaraaramaa waan hedduu arge.

Namii kun bara  1897 keessaa kitaaba “Through Unknown African Countries the first expedition from Somaliland to Lamu,” Kenyaa jedhu barreesse.Kitaaba kana bara 2008 irra deebihanii barreessan.

Akka Asebee Raggaasaa,Yuniversitii Jermanitti barumsa PhDtti jiru jedhutit , kitaabii kun akka Oromoon warra isa hadhe ka akka mililik fa ufi irraa dhowwaa, seeraa gadaatiin ufi bulchaa, rakkoo nagaan falachaa bahee fi waan hedduu barreesse.

Kitaabii kun tana malee  hammeenna Oromoo durii dhageennee fi akka jarii biyya ufii keessa nama hin baafnellee dhageennee sodaachaa dhufne taatullee waldhabnullee dubbii nagumaan fixanne jedhee barreesse jedhan Smith kitaaba isaa kana keessatti.

Gama kaaniin akka jaarsii argaa dhageettii aabba Waaqoo Guyyoo jedhutti gaafii faransjiin nama gurraachaallee guurratee qawwee fahattee Booranaan baatee namallee fduahttee biyya ufiittiin galatte gadaa Adii Dooyyoo, abbaa Gadaa 17essoo keessa.

“Seera keessan barachuu feena jettee gaafatee jennana  mataan seera  keennaa lichoo jedhanii lichoo hayyuu karrayyuu Boruu Galgaloo itti kennanii fudhattee galatteenii,lichoon sun ammallee muuziyeemii London jiraachuu hin ooltu.”

Woma taateefuu Boorana bara 1902 keessa  Ellsi Island, Amerikaa fidan kanaa fi miilota isaanii ka biyya75 hardhallee muuziyeemii Amerika gara garaa keessa naqan.

Suuraan Boorana 1902 keessaa Ellis Island fidanii kana Fulbaana 2006 kutaa Amerkaa 16 keessa naqanii ummata agarsiisan.Akka gaazexaan NYT barreesseetti ammoo bara 2007 ammoo suuraa isaanii Jerman Berlin, eegee Liverpoolitti dabaransii biyya akka akkaaa keessa naqan.

Akka odeeffannoo dhaaba Ellsi Island Foundation jedhu irratti arganentti warra Ellis Island dhufe keessa ta biyya Irish dhufte tokko akkana jetti.

”Bidirun teenna bisaan irra deemaa dhuftee guyyaa walqixxee Ellsi Island geenne achii ammoo doonii Ellis Island nu fahan.Achii ammoo doonii irraa nu buusanii mi’uma keenna waliin mana guddaa tokko nu naqan.Nu nama  haga kuma 5000- 6000 taana.Ji’ii sun Adoolessaa akka malee oowwa wayuma tiyya ta aadaa Irish keeyyadhe qaba.”

Bara 1900 keessaa Oormoo hedduutti keessattu bara 1902 keessaa horteen Oromoo/Booranaa Amerikaa fidanii eessa geette,lichoon hayyuu Booranaa faranjiin fudhattee Londonittiin galatte jedhan sun eessa geette?

Horteen jara kanaa addunyaa keessa facaatee biyya bulchuutti jirananittuu beennaa. Isuaa jarii gaafas biyya teena dhufe sun isuma aadaa Gadaa Oromootuu barreeffatee bulchiinsa ufiitiin  walti makatuttuu beennaa?Waan abbaa abbaatti barbaadata.

1 comment:

  1. Dhiiroo waantana nuu barbaadaa! Waan abbaa abbaatu barbaadata!

    ReplyDelete