Dhiiga Ummataa Dhangalaasaa Jiraachuun Amala Bittoota Itophiyaa ti. [Ibsa Adda Bilisumma Oromoo]

Bitootessa 31, 2014

Oromiaa fi ummatni Oromoo bittoota Itophiyaan nagaa dhorkatamuun dhaloota sadii oliif lola, jeequmsa, hiyyummaa fi wallaalummaa keessa jiraate. Impaayera humnaan ijaaramte kana keessatti hanga ammaattis nagaa hin argatne. Bittootni Itophiyaa jalqabaa hanga har’atti mul’atan impaayera humnaan ijaarratan kana humna qawwee, sirna ukkaamsaa fi ummatoota walitti buusuun tikfataa yoonaan gahuu seenaa bittoota Itophiyaa irraa dubbifama. Keessattuu handhuura siyaasaa impaayera Itophiyaa kan tahe Oromiyaa fi ummatni Oromoo impaayera kana jireessuuf gatiin baasifamee fi baasaa jiru kan ummata kamuu caalaa suukanneessaa fi hadhaawaa dha.

Impaayer ijaaruu keessatti ummatni Oromoo mirga isaaf falmatuu irraa jumulaan ajjeefameera. Harki goototaa ciramee, harmi haadholii murameera. Lafa isaa irraa buqqaasuun nafxanyootaaf qoodameera. Kun hundi irratti raawwatamee iyyuu nagaa hin arganne. Akka deebi’ee mirga isaa hin gaafatanneef olloota isaa hunda diina irratti taasisuun akka Oromoo diineffatan, sodaatanii fi shakkan gochuun bittaa impaayerummaa lubbuu dheeressan. Waan taheef gabrummaa jala jiraatuuf illee wareega lubbuu fi qabeenyaa baasuu gaafatame.

Mootummaan Itophiyaa kamuu dhufu, sirna bulchiinsaa kamuu diriirsu, ummata Oromoof diina malee fira tahuu akka hin dandeenye gochaa Wayyaaneen olitti ragaan hin jiru. Mootummaan Wayyaanee bara 1991 humnaan aangootti dhufee eegalee ummata Oromoo diina duraa godhatuun hammeenyaa faashistummaa fi diinummaa hedduu irratti raawwate. Maqaa guddinaa fi misoomaan ummata Oromoo kuma kodhanootaan lafa isaa irraa ari’uun ittiin duroome. Ummata Oromoo beekaa fi barataa dhabsiisuuf kaa’imman dhibbootaan barnoota irraa ari’eera. Dhibbootaan hidhaatti guuree irratti roorriseera. Oromoota hedduu ukkaamsee dhabamsiise. Kuma Kudhanootaan biyya alagaa keessatti baqattummaan akka dararamu taasiseera.

Mootummaan farra ummata Oromoo kun baroota dheeraaf ummatoota ollaa Oromoo hidhachiisee lolchiisaa, gama kaaniin ammo araar-buusa fakkaatee dhihaachuun qumaara siyaasaa taphataa akka ture, ummatni Oromoo lola Somaalee fi Oromoo, Gumuzii fi Oromoo, Oromoo fi Geeda’oo, Oromoo fi Burjii, Oromoo fi Affaar gidduutti uumeen lubbuu galaafatamee fi qabeenya barbadaa’e fi barbadaawaa jiru hin dagatamu. Ilmaanuma Oromoo sababaa adda addaan walitti buusuun dhiigni dhangala’aa bahe seenaan galmeessee jira.

Mootummaan farra ummatootaa fi abbaa irree kun yeroo ammaas ummata Oromoo gargar qooduun wal lolchiisuu irratti argama. Akka kanaan Oromoo Booranaa fi Gujii gidduutti lolli Godinaa Gujii keessatti akkuma bakka biraatti tahamaa ture shira tika Wayyaaneen eegalame lubbuu hedduun lakkaa’aman
galaafatee jira. Qabeenyi danuus lola ummata tokko gidduutti adeemsfamaa jiruun kanaan dhabamaa jira.
Lola kana dhaabsisuun nagaa buusuun dirqamaa fi gaafatama mootummaa tahee osoo beekamuu guyyootaaf lolli kun akka itti fufee deemuu callisuun Wayyaanee, mootummaan kun hangam ummata Oromoof diina akka tahe akka gaaritti hubachiisa.

ABOn lola ummata keenya Booranaa fi Gujii gidduu diina shiran kana qabsiise lubbu dhibbaa ol galafata jiru kana jabeessee balaaleffata. Lubbuu gaaga’amee fi qabeenya dhabameef gaddi itti dhaga’amuu beeksisaa kanaaf kan itti gaafatamu Wayyaanee tahuu hubachiisa. Ummatni keenya Booranaa fi Gujii kan isaaniin wal lolchiisaa jiru diina tahuu hubatuun lola kana daddaffiin dhaabuun akka nagaa buusan waamicha isaa dabarsa.

Manguddootni, beektotni, darggaggootnii fi barattootni Oromoos shira diinaa tokkummaa Oromoo laaffisuu fi umrii bittaa isaa dheereffatuuf raawwataa jiru kana irratti dammaquun, lolli hin barbaachifne kun shaffisaan dhaabbatee araarri akka bu’u qooda lammummaa irraa eegamu akka bahatan ABOn yaadachiisa.

Injifannoo Ummata Oromoof!

Adda Bilisummaa Oromoo

Bitootessa 31, 2014

No comments:

Post a Comment