Ibsa Kongiresii Federaalistii Oromoo (KFO): Mootummaan Itoophiyaa Mirga Namooma Lammiilee Mulquu Itti-fufeera

Bitootessa 27, 2014
Bitootessa 13, bara 2014 Godina Gujii, Magaalaa Shaakkisoo keessatti woldhabbiin barattoota Oromoo fi barattoota biraa jiddutti uumamuu miidiyaaleen garaagaraa ibsaniiru. Keessattuu OMN gabaasanii turan. Woldhabdeen barattoota jiddutti uumame kun sababa rincicuu bulchiinsa mana barnootaa fi bulchitoota naannootiin hatattamatti furmaata kennuu dadhabuu isaaniitiin gara hokkaraatti jirjiirame.
Akka gabaasa miseensota keenyaa fi barattoota irraa arganneetti barattoonni ilmaan Oromoo ta’an barattoota ijoollee magaalaatiin sababa faaruu alaabaa mootummaa naannoo Oromiyaa diduu fi kutaa afaan Oromoo keessatti jeequ jedhuun quuqama wolirraa qabaachuun ni beekama. Ijoolleen mufii kana osoo qabduu barataan tokko jecha uummata Oromoo salphisuu fi arrabsu dubbachuu isaatiin nuuf haa adabamu jettee ijoolleen osoo himachaa jirtuu poolisii federaalaa itti waamanii poolisiin tun ijoollee hedduu miidhuun himameera. Keessattuu ijoolleen lama; 1. Barattuu Bazzabish Gurmeessaa rasaasaan rukutamtee jirti. 2. Barataa Dastaa Waaree hedduu reebicharraa kan kaé miidhamuun himameera.
Barattoonni reebichaa fi dhaanichi poolisii irra gahe aarii saniin magaalaa keessa bobba’anii manneen hedduu dhagaadhaan caccabsuunille himameera. Gochi kun gocha sirrii miti. Haa ta’uu malee dubbiin kun osoo sadarkaa kana hin gahin poolisii federaalaa waamanii haala namooma sarbuu fi namummaa mulquun ijoollee reebsisuu dura hiikuun ni dandaáma ture. Gocha kanaan wol-qabatee barattoota 20 mana sirreessaa aanaa Adoolaatti hidhuun gabaafameera. Ijoollee hidhaman kana keessaa namoonni 4 miseensota Koongiresii Federaalistii Oromoo fi namoota woldhabdee keessa hin jirre ta’uu hubanneerra. Namoonni 19 maqaan isaanii kan armaan gadii kana.

  1. Bazzabbish Gurmeessaa (wounded by bullet) (Miseensa dhaaba keenyaa) 
  2. Desta Waaree (injured by beating )
  3. Baallii Caaccuu (Miseensa dhaaba keenyaa) 
  4. Bunoo Shaaggola (Miseensa dhaaba keenyaa) 
  5. Bakkalcha Oddoo (Miseensa dhaaba keenyaa) 
  6. Caaltuu Birbissaa 
  7. Hoxxeessa Soree 
  8. Yohaannis Jissoo 
  9. Kiflee Areerii 
  10. Badhaadha (Maqaa abbaa adda hin baafanne)
  11. Bayyanaa Jaarsoo
  12. Shaambballii Galchuu
  13. Jamaal Aagaa 
  14. Wondimmuu Areerii 
  15. Nageessaa Geedoo 
  16. Geetaachew Damisee 
  17. Boruu Duubee 
  18. Gammachiis Biluu 
  19. Carii Canaa 
  20. Waaree Kottoolaa
Mootummaan Itoophiyaa mirgoota namoomaa, dimookraasii fi siivilii lammii biyyittii akka kabaju akkasumas Barattootaaf namoota seeraan ala hidhe akka gaddhiisu waamicha goonaaf.
Injifannoon Uummata Oromoof!
- Kongiresii Federaalistii Oromoo (KFO)

No comments:

Post a Comment