Kibba Afriikaa Keessatti Hiriirro Mormii Guddaan Hawaasa Oromoo fi Ogaadeniin Gaggeefame.

Gaafa Bitootessa 18,2014 ummanni Oromoo fi Ogaadeen kibba Afriikaa jiraatan walgahii mootummoonni Afriikaa 54 guyyaa hundeeffama Pan-African Prliament kabajachuuf torbaan lamaaf Afirikaa kibbaa magaalaa Johannesburg bakka Midrand  jedhamutti yeroo gaggeefatan hawaasi Oromoo fi Ogaadeen tokkummaan ta’uun miidhaa mootummaan Wayyaanee fi abbaa irree EPRDF uumattoota Ithiopia irraan gahaa jiru balaaleffachuun sagalee mormii jabaa dhageessisuun gabaafame.
Haala kanaan manni dhaabbataan African Parliament jedhamu salgalee mormii uumanni dhageessise kana dhagahuun waan barbaachisu maraan gaaffiin cunqurfamtootaa akka dhagahamu akka taasisaniif gaaffiin dhihaatee jira.

Walgahii Pan Africa kana irratti mootummaa Ethiopia bakka bu’ee kan argamu muummicha ministeera H/Mariyam Dassalenyii fi ministeera haajaa alaa akkasumas nama biro tokko ture. Haala kanaan H/Mariyam Dassaleny walgahii kana irratti kan argamuuf ture guutummaatti haquun walgahii kana irraa osoo hin hirmaatiin hanqachuu gabaasi achi irraa nu gahe addeessa.


No comments:

Post a Comment