Waammicha Ummata Oromoo Maraaf: Mootummaan Oromiyya Heera Ethiopia fi Mirga Oromoof maluu faalaa hojeechaa jira.

Bitootessa 28, 2014 | Gumii Paarlaamaa Oromoo

Heeri Mootumma Ethiopia Keyati 49 lakobsa 5 irrati Finfinnen waan Oromiyya keessa jirtu fi lafa Oromoo waan tateef Tajajila fi dhiiyeesii  hunda Oromiyaa irra waan argatuuf Oromiyyan Finfinne irratii mirga qabdu fi fayida isheen argachuu qabduu kun amoo balinan seeran mirkana’af jeedha. Mirga Oromiyyan Fifinnee irrati argachuu  qabuu Qooratamee akka hojii irra oluu Oromiyya bara 2003/1995 koree tokko hundese ture, koree kana keessa wara jiran kessa Dhabba Dabalee, Ittigafatama wajjira Dargagoota  yeeros (----- ----),fi Jamal Abaso  kkf koreen ijramee hoji isaa hanga amatii hin xumuree. Finfinee keessati Aannaa hunda keessati mani barumsaa Afaan Oromoo banamee akka ijooleen Oromoo Afaan isaani baratan karorii bayee sagantan ba’’e Ittinan Mootumma Nannoo Oromiyya obbo Dagafee Bulaa bu’uura isaa ebban banani ture. 


Kun utuu hin xumuramin hafee, haraa afaan Oromoo Finfinnee keessa ba’ee jira.  Mirga Oromiyaan Finfinne irrati qabachuu qabdu Heera Fedrerala Ethiopian murteese TPLF hojii irra olchuu didee wagoota 23 ukamsee jira. Mirgi Oromoo Heeran keenameef kun hoji irra oluu utuu qabuu faallaa isaa tuu dalagama jira. OPDOn yaakka Oromoo irrati dalagamuu caalisee ilaalaa jira, Ergamtoon amoo Ergama TPLF kana raawachisuuf wixifacha jiru. Uumani Oromoo kana caalisuu hin qabuu, TPLF kana yoo dafee dhaabbuu yoo batee Ethiopian lafa dhiyooti Siriya ykn Libiya ta'uun ishee hin oluu.

Finfinnee lafa isaa Hanga Kara Gingoo Finfinnee marsuun ala hin darbuu ture. Siirna TPLF keesa utuma Oromiyaa dhiibbun babalifacha jiru. Amoo Seera atatama qoophesun Godiina Adda Oromiyya dhunfachuuf deemuu. Kana dura yaadi kun dhiyaatee Preezdantiin Oromiyaa Alemayo Atomsa goochaa kana waan mormeef dhabatee ture.. Alemayoon du’uun isaa sababefachuun atataman lafa Oromoo gugurachuuf ergamtoon TPLF murasii OPDO keessa folacha jiru. Namoon kun wara mirgi Oromoo Finfinnee irrati akka egamuu dirgamii kenameef ta’ee utuu jiru, garuu wara mirga Oromoo ukamsan ta’an argaman jiru. Oromoon bakka Jirtan  Dirba Kuma, Dhaabbaa Dabale fi Abdulaziz Mohamad Godina Adda Oromiyya Gurgurachuun yakkaa isaan hojeecha jiran balalefachuu qabdu. Lafi Oromoo gara Finfinneeti ciituu hin qabu jeedhe namii morma ture Alemayoo Atomsa du’ee utuu Iji isaa hin buruqiini warii isaa sumii nyachisan ajeesan lafa Oromoo gurgurachuuf deemu Miseensoon OPDO Oromoo ta'aan  kan dura dhabachuu qabuu.

Wayyanen mirga Oromoo dhiibuu, lafa Oromoo samuu fi samsisuu, Afaan Oromoo dhiibuu, Beektoota Oromoo biyya ari'achuu Daldaltoota Oromoo Ashura heeduu  akka kafalan goochun hiyoomsuu, baratoota Oromoo university keessa ari’uun akka Oromoon beekkaaa dhabuu goochuu, shamaran Oromo biyya Arabati gurgurun Oromoon akka wal hin hooree goochu, Aannoolee Oromoo murani naannoo birraf keenun Oromoo xiiqeesuu, salphisuu hôjii goodhatan jiru. Kun amoo Wayyanen of ishee kufsuuf of qoopheesuu ishee argisisa. Uumani Oromoo utuu mirgi isaa dhibamuu kana caalaa sagoo Tigire ittin batuu hin qabatuu. Oromoo TPLF of irra busuu qaba. Kun yoo ta’uu didee mootummaa mataa isaa dhabachuu qaba. Kana caalaa Nafxanya Haraa (Tigire) ykn Nafxanya moofa (Amhara) banee jirachuu hin dandeenyu.

Gaafi WFDO Paarlamaa Ethiopia keessati kassa ture keessa ini tokko Umman Oromoo Naannoo Finfinnee Siirna Menelik egale hanga haraati qabeenya isaa irra buqisun dhabachuu qaba kan jeedhu ture. Dhaabilee Oromoo tokko tokko amo dhimmi akkasi yeero ka’uu kun waan xixinoo dha kun Bilisumùmaa Oromoo dukka furmataa waan argatuuf ama wayee kana dhiphachuu dhifnee wayee Qabsoo Bilisumma qoofa irrati hojeechu qabna jeedhu. Kun siiri miti. Wayee Qabsoo Bilisumma fi dursa keenanif irrati hojeechun gariidha. Garuu gaafa Bilisumman dhufee hunda siiresina jeene yeero uumatii keenya lafa isaa irra buqa’uu fi afaan isaa fi enymaa isaa dhabamuuu caalifnee ilaalun dogogora. Kanaafu Oromoo mirga isaa waan tokko dabarsee lachuu hin qabuu. Mirga isaa waan xuqamee irrati falmachuu qaba. Ummani Oromoo (Shawa ) Nannoo Finfinne  siirna Miniliki kasse hanga Haraati mootummaa dhufuu hundan lafa isaa irra buqa’uun dhabachuu qaba, Oromoo naannoo Finfinee bu’qauuf lafa isaa fi enyumaa isaa dhabuun Oromoon Ethiopia irra akka cituuf sababa ta’uu isaa hin oluu, Oromoon buqa’uu, xiiqachuu fi salphachuun dhabachuu qaba.

Dargagoon Oromoo hundi, Baratoon Oromoo, Diasporan Oromoo, dhaabileen Oromoo fi hayuuleen Oromoo hundi goocha Diribaa Kumaa, Dhaabbaa Dabbalee fi Abdulalziz Mohamad fi Naxanyoon OPDO keessa jiran lafa Oromoo gurguruuf yaalii isaan goodhan hundi atataman dhabsisun,  namoon hoji faraa Oromoo hojeetan kun akka angoo irra buqa’aan fi adabaman goochun dirama. Namoon kun maatii isaan dabalatee yaakka kanaaf akka gaafataman goochunmurtesadha.  Gummin Paarlamaa Oromoo TPLF/Nafxanyoon OPDO lafa Oromoo gurguruuf yaali isaan goodhan kara hunda dura dhaban TPLF wayee Finfinee babalisuu fi lafa Oromoo dhiibuuti yoo itti fufan waraa Ethiopian bakaa 5 gargari kukutuf deeman waliin hojeechuuf kan dirqamnuu ta’uu isaa akka beektan Mootummaa wayyanee akkekachisuu feena. Ethiopian Miigri Oromoo dhiibduu jirachuu hin qabduu.

Bilisumman Uumataa Oromoof !!!

Gummi Paarlamaa Oromoo

 27/03/2014

No comments:

Post a Comment