Yaadannoo Bara Tokkoffaa Du’a Sooreysa J/ Jaarraa Abbaa Gadaatii fii HD Dhaaba ULFO/THBO J/ Shaazalii Gaatuur Mahammad Ilaalchisee Ibsa Dhaaba ULFO Irraa Kenname

Bitootesa 02, 2014 
Akkamu beekkamu baradabre, ji’a March 2013 gameeyyii Qabsoo Bilisummaa fii Walabummaa Oromiyaa lama dhabuun keenya ni yaadatama. Gadda ulfaataa nu qunname kanaan dhaabbiilee siyaasaa Oromootii fii lammiileen Oromiyaa akkasuma firoottan Q.B. Oromiyaa marti gadda ulfaataa keeysa qaxxaamurree kunoo bara tokkoffaa du’a gameeyyii kanaa geenyee jirra. Sooreysi Oromiyaatii fii abbaan Warraaysa Qabsoo Bilisummaa fii Walabummaa Oromiyaa J/ Jaarraa Abbaa Gadaa gaafa:- 03-03-2013 guyyaarraa sa’aa 2:30 irratti lubbuun dabruu isaaniitti lammiileen keenya maraaf guyyaa gaddaa tahee ture. Osoo kanarraa hin bayyanatin gaafa:- 06-03-2013tti HD dhaaba ULFO kan tahe J/ Shaazalii Gaatuur Mahammad wareegamuun dhagahamee ture.

Gaddi gaddarratti nuuf dabalame. Haalaulfaataa kana keeysa qaxxaamurree mul’ata jaallan kanaa dhugoomsuuf baallama keenya haaromsinee Qabsoo if dura furgaasuun ittifufe.
Eegaa guyyaan kun guyyaa gaddaa cimaa tahuus boqonnaa qabsoo haaraya banuun isaa yaadannoo addaa akka qabaatu taasisee jira. Kanaaf qabsaawotaa fii lammiileen Oromiyaa marti akkuma haalaa fii bakki isaaf mijjaawetti guyyaa kana yaadannoo godhachuun baallama saanii akka haaromsan hogganni dhaaba ULFO dhaamsa dabarsa.
Lammiileen Kenya kan Oromiyaa jiraattan Salaata jummaairratti yaadatanii duwaa’ii isaaniif akka godhan ULFOn ni hubachiisa. Kanneen biyyota arabaa jiraattaniis guyyaa lammiilee keenya achi jiran hirmaachisuuf tolu guyyaa jimmataa 07-03-2014 (March 7) yaadatanii Ooluun barbaachisaadha. Akkasuma kanneen Afrikkaa, Awroopaa, Ameerikkaa fii Awstaraaliyaa jiran ammo gaafa dilbataa (alhadaa) 09-03-2014 (March 9) walitti dhufanii guyyaa kana godhachuun qabu. Yaadannoo kana godhuun lammiileen keenya kan dheebuu bilisummaa fii walabummaa Oromiyaa qabaniif abdii fii dambooba gaarii yoo tahu farreen qabsoo keenyaatiif ammo jalabultii diigamaa isaaniiti.
Haaluma ulfaataa dabarsine kana keessatti jijjiramni qabsoo Oromiyaa dhaloota haarayaan akka burruqa ibiddaa ykn volkaanotti dhoohee jiru kun cimee akka itti fufuu fii kanneen Qabsoo hidhannoo gaggeeysaa jiraniis mooraa Qabsoo tokko keeysaa burqanii Oromiyaa walaboomsuuf yeroon isaa dhihoodha, jechuun Hoogganni dhaaba ULFO dhaamsaa kana xumuree jira.
Tokkummaan Humna!
Oromiyaan Ni Walaboomti!
KHR ULFO
March 01/2014

No comments:

Post a Comment