Barnoonnis Qabsoonis walfaana itti fufa

Ebla 30, 2014 | Jawar Mohammed Irraa (Face Book)
Barattoonni Oromoo Finfinneef falmachaa jirtan, barnoota keessan akka addaan hin kunne isinitti waywaadha. Barnoota addaan dhaabuun mataa keessaniif, sabaafi qabsoo yeroo ammaa jirtuuufis miidhaa qaba. Barnootaafi mormii walfaana oofuun ni danda'amas, bu'as qaba.


  1. Diinni falmaa amma jiru laafisuufi Oromoos hamma danda'een nama barate jalaa hiri'isuuf karaa barnoota keessan gufachiisuun n barbaada. Isin kan fashaleessuu qabdan.
  2. Yoo isin akka amma dura godhamaa ture mana barnootaa dhiiftanii battan, addaan waan facaataniif falma bifa gurmaa'een geggeessuu hin dandeessan. Tokko tokko tokkoon milishaa gandaatin hiraarfamuufis saaxila baatu.
  3. Mooraa keessa turuu qofa osoo hin taane, sagantaa barnootaa keessanis iti fufuu qabdu. Kana gochuuf mormiin guyyaa mara ta'urra, torbanitti guyya tokko ykn guyyoota hagootti yaa murtaa'u. Kun barnoonni keessanis akka hin miidhamne, qabsoo hifachuunis akka hin dhufne gargaara. Haala kanaan bifa itti fufiinsa (continuity) qabuun yeroo dheeraaf deemuun ni danda'ama.
  4. Hamma danda'ametti wantoota akka dhuunfaatti tarkaanfii bulchiinsaatiif (administrative measures) isin saaxilu irraa of eegaa. Naamusni barataa irra eeggamu dachaan dabaluu qaba.
  5. Barsooftonni diinaaf loogan sababa barbaadanii isin miidhuu waan danda'aniif qu'annaa/ qayyabanaan keessan kan armaan duraa daran dachaa ta'uu qaba.
  6. Hamma danda'ametti qindeessitonni /hoggantoonni falmii kanaa akka ifatti hin saaxilamne, shoora qindeessummaa walharkaa fuudhaa.
Barnoonnis, qabsoonis itti fufa, injifannon ni dhufa!

No comments:

Post a Comment