SA’A ABBAAN GAAFA CABSE …

Muddee 22, 2014 | Galaanaa Dheeressaa Irraa

Galaanaa Dheeressaa
Yeroo ammaa sadarkaan addunyaan keenya irra jirtu, yeroo dhalli namaa sadarkaa baay’ee darbee, haala qaroomina gaggaariirra gahe dha. Qaroominni dhala namaas yaadaan, aadaadhaan, wantoota dhalli namaa itti fayyadamu akkasumas wantoota gara birootiin kan ibsamu dha. Meeshaaleen kurnoo xiqqoo dura hin jirre hedduun uumamanii jiru, yaadoleen duubatti hafoon hedduunis jijjiiramanii jiru. Akka fakkeenyaatti yeroon daldala garbaa, appaartaayidii, fi sirni bulchiinsa abbaa irree jijjiiramanii, addunyaan keenya gara dimokraasiitti tarkaanfachaa jirti. Dur bulchaatu, bulfamaa darara, abbaa irreetu uummata cunqursa, adiitu gurraacha tuffata. Yeroo ammaa kana garuu haa xiqqaatuu akkuma qajeelfamaa fi seerota addunyaa fi biyyoolessaattis ta’u wal qixxummaan dhala nama hundaa barreeffameera. Seerota kana keessaa kan akka ICCPR, ACHPR, ICESCR, UDHR’n isaan ijoo dha. Chaartarri Mootummoota gamtoomaniis erga mirga walqixxummaa labsee jaarraa walakkaa darbee jira.


Gara biyya Itoophiyaatti yoo dhufnu, seera addunyaan ittiin buluuf baafatte ishiin immoo ittiin fudhatama argachuuf waan itti hin amanne raggaasisuun bara Hailasillaasee irraa kaasee bartee ta’ee jira. Seerri Itoophiyaa kun kutaan baay’een isaa seera biyya biraa fi seerota addunyaa irraa kan fudhatame dha. Kanaaf barreefama isaa yeroo ilaallu akka addunyaatti kan sadarkaa qabaachuu danda’u dha. Heerri biyyattiin amma ittiin bulaa jirtu keewwanni 10 fi 25 muraasaanii waliin, Seerri hariiroo hawaasummaa, akkasumas seerri yakkaa cimsanii waa’ee wal qixxummaa namootaa lallabu. Garuu kutaan baay’een seerota kanaa, qaamni biyya biraa haa ilaaluuf malee raawwatamummaan isaan uummata biratti qaban hin jiru.
 Seerri barreeffamee lafa jiru raawwatamummaa hin qabu taanaan qixxee seera hin jirreeti(seera du’e dha).
Kanaaf kutaan seera biyya Itoophiyaa baay’een du’aa dha yoo jedhame waan dhugaa irraa fagaate miti. Waa’ee raawwatamummaa fi loogii uummata gidduu jiru, haala siyaasaa biyyattii fi waan seerri barreeffamee jiru jedhu, hojii miidiyaaleen biyyattii keessa jiran uummata keessatti hojjachaa jiran, akkasumas ijaarsa sirna federaalizimii biyyattiin hordofaa jirtu keessatti hirmaannaan saboonni biyyatti qaban maal akka fakkaatu seera walii galaa waliin wal qabsiisee kutaa biraatti kanan ilaalu yeroo ta’u barreeffama kana irratti immoo raawwatamummaa mirga dhala namaa keessaa wal qixxummaa adii fi gurrachaa biyyattii keessaa irratti gabaabinaan waa jechuun yaala.

Wal qixxummaa dhala namaa jechuun namni kamiyyuu garaagarummaa saalaa, umrii, qabeenyaa, halluu fi sadarkaa malee qixxee dha kan jedhu dha. Wal qixxummaan kun seeraan eegama malee seeraan kan kennamu miti. Kan namni uumamaan qabu dha.

Barrreeffama koo kanaaf sababa kan naaf ta’e muudannoo guyyaa tokko na mudate dha. Dhimma dhuunfaatiifan gara mana baankii deeme. Maamiloota achi jiran waliin waraqaa hiriira qabsiisnee eeggachaa turre. Yeroon isaa yeroo qormaataa waan tureef barattoonni hedduun hanga hiriirri isaan qaqqabutti obsa cimaan eeggachaa turan. Gidduudhuma kanaan dubartiin faranjiin tokko gara baankichaa seentee foddan ani hiriire cinaatti qajeeltee waraqaa ishee keessumsiisichatti hiixattee dabaree eeggachuuf teesse. Keessumsiisichis kallattiin barruu herreegaashiirraa qarshii baasee waamee kenneefii akka itti seequu ta’e. maamiltoonni fodda sanarra jiran akka gungumuu taanaan ija hamaan isaan ilaaleet waraqaa hiriiraaf tuulamee jirutti deebi’e. kan namoota hedduu ajaa’ibe garuu dubartittiin adiin sun yeroo qarshii keessumsiisicharraa fuutu, nyaara guurtee “ your service is not impartial and speedy “ jetteenii ija tuffiitiin isa ilaalaa baate. 

Kanarraa ka’ee wantoota tokko tokko yeroon ilaalu, dhimmi kun dhimma itti yaadamuu malu akka ta’e natti mul’ate. Mudannoo baay’ee keenyaa ta’a jedhee kanan amanu immoo kabaja poolisoonnii fi waardiyyoonni akkasumas qaamni seera raawwachiistuu biyya keenyaa bay’een isaanii obbolaa isaanii gurraachotaaf qabani dha. Walitti bu’iinsa nama gurraacha tokkoo fi adii tokkoo poolisiin arge tarkaanfii inni fudhatu yookiin fudhachuu danda’u warri argitan dhugaa bahuu dandeessu. 

Hayyuuwwan keenya meeqatu mooraa Yuunibarsiitii keessatti barsiisan seenuudhaaf sakatta’insa gosa meeqaan mankaraara. Isaan sakatta’a’amuun sirrii ta’uu mala garuu isaan bukkeedhaa adii tasa gara biyya keessaa dhufee Yuunibarsiitii doow’achuu barbaadu, kan eenyumaansaa hin beekamnetu bilisummaa addaatiin sakatta’insa malee mooraa Yuunibarsiitii keessa bakka barbaade naanna’aa oola. Yeroo kanatti barataa yookiin barsiisaan gurraachi yeroo hunda achiin deddeebi’u, waraqaa eenyummaa irraanfatte jedhamee kutaa fi hojii gara biroo hedduu gubee alatti dhoowwama. Adiin magaalaa keessa deemaa jiru lafaa ol jedhameet gaaffii fi sakatta’insa tokko malee ol seensisama. Yuunibarsiitiin bakka humni barate kan biyyattiin qabdu itti wal ga’ee jiru dha. Haala kanaan itti fufnaan qaamni adii ta’e kan barataa fi hayyuu kamiyyuu miidhuuf ergame, ergama barbaade meeshaa fedhe fudhatee seenee raawwatee bahuu danda’a. Mootummaan shororkeessummaa mormuusaa nutti faarsaa oolu dhimma kanaaf maaf furmaata dhabe. Adiitu gurraacha caalaa qulqulluudhamoo, gurraachatu lafasaarratti adii caalaa shakkame? abbaatu manasaatti shakkamee, ormi amaname. Dhimmi kun geggeessitoota mootummaa birattis waan hin mormamneef ittuma cimaa jira. Mootummaan wal qixxummaan uummataa eegamuusaa warreen dirqama Oogummaa gatan walitti qabee karaa miidiyaa akka odeesssan leenjisu, Maaliif hojjattoota isaa uummata tajaajilan waa’ee wal qixxummaa leenjisuun itti cime laata? Hojjattoonni mootummaa hojii idilee dhiisanii torbanitti guyyaa hojii afuriif walga’ii taa’an waa’ee maalii odeessaa oolu laata? Dhimma ijaarsa dimokraasiiti akka hin jenne hundee dimokraasii kan ta’e mirga dhala namaa eeguun hojjattoota hedduu biratti akka cubbuutti ilaalamaa jira. Osoo kun hin taane ta’ee hiyyeessii fi humna dhabeessi dhaba isaatiin, Lammiinis halluu isaatiin hin tilmaamamu ture.

Dhaabbileen amantii tokko tokkos suuraa itti fayyadaman osoo gadi fageenyaan ilaalanii yaada jedhun qaba. Suuraawwan kunneen irratti kan waaqa bakka bu’u adii yoo ta’u kan jinni (Seexana) bakka bu’ummoo gurraacha dha. Kitaaba amantii kam keessattiyyuu “ Jinniin gurraacha, waaqni immoo adii dha ” kan jedhu hin jiru.Waaqnis Jinniinis halluu hin qaban. Inumaayyuu kitaabni qulqulluun Luusifer (Seexanni) ergamaa akka turee fi ergamoota keessaas isa bareedaa akka ture lafa kaa’a. Amma immoo seexanatti jijjiiramnaan gurraachome moo?, duruma yemmuu ergamaa ture gurraacha moo? Moo waan bareedina addaa qabuuf seexanatu gurraachaan fakkeeffamee, ergamoonnii fi waaqni adiidhaan bakka bu’aman. Ergamoota kaan keessas gurrachi akka Luusifeer jira moo tarii ‘gurraachatu caalaa bareeda' yaada jedhuun ta’inna laata? Ta’ullee Seexanni waaqa caalaa hin bareedu kaa. Waaqnimmoo adiin bakka buufamnaan, Jinniin gurraachaan bakka buufamnaan, Adiitu irra waaqa fakkaata jechuu mitiiree? Maddi suuraawwan kanaa Awurooppaa keessa akka ta’ee fi jaarraawwan dura akka ta’e maddi baay’een ni eera. Yeroo sana sababa koloniitiin ilaalchi warri adii gurraachotaaf qaban akka suurri kun kaafamu taasisuu mala. Amma hoo jaarraa 21ffaa keessa gurraachi bara qaroominaa fi addunyaa wal qixxummaatti amantu keessa taa’ee maaf faakki kana keenyaan manaasaatti fanniseree? maaf gaaffii wal qixxummaa irratti kaasuun dhibe?

Bara 2013tti mana sirreessaa godina tokkootti nama sirreeffamaa osoo hin taane hidhamaa gaafachuu dhaqeen waa taajjabee gale. Namoota mana sirreessaa sana keessa jiran dhibbaan lakkaa’aman keessa, lammii biyya Chaayinaa tokkotu sababa gahaa hin taaneen mi’a gatte jedhee dhalataa godinichaa ajjeesee mana sirreessaa seenee ture. Sirreeffamaa seeraa kanaaf manni kophaatti, sireen kophaatti akkasumas faayidaaleen garaa garaa gurraachota achi keessa jiran irraa addatti kennameefii kanuunfamaa ture. Sirreeffamtoota keessaa namni tokko “maaliifi” jedhee gaafannaan, deebiin deebi’e yaada “ Sinii fi isaan qixxee miti.“ jedhu kan of keessaa qabu dha. Egaa jarreen sirreeffamtoota jedhamanii achitti wal gahan sun deebii qaama mootummaarraa deebi’eef kanarraa maala baratu? Kan gibira gosa garaa garaatiin kanfalee galii mootummaaf galchee tajaajiloota kunneen danda’u jara kanaa fi maatii isaaniiti, eenyutu eenyu ta’eet qabeenya uummataa kanarratti hangana lammii biyyaa qaanessa? Eenyutu qabeenya eenyuutiin eenyu qooda?

Geggeessaan qaama mootummaa kanaa mataan isaa adii waliin wal bira qabee akkamitti akka of ilaalu tilmaamuun rakkisaa miti. Namni lammii alaa kunoo ilaalcha akkamii akka nuuf horatu beekkamaa dha. Boru yeroo biyya isaatti deebi’u kabajni inni nuuf qabu akkam ta’a? Kan waan hunda caalaa afaan na qabachiise immoo namni kun yakka nama ajjeesuun isaa ragaan mirkanaa’ee, ji’a lama qofa hidhamee bahuu isaati. Kan du’etu raammoo dha moo, kan rukutee ajjeesetu Waaqaree? Seera biyyattiitu adabbii yakkaa keessaa adii baase moo du’a gurraachaatu du’a dhala namaa mitiree? dhimmi kun dhimma nama dhuunfaa kamiyyuu ilaallatu dha. Mee ilaalaa, osoo gurraachi tokko asii deemee biyya warra adiitti adii tokko ajjeesuu miti miidhaa qaamaa irraan gahee maaltu akka itti dhufu tilmaamuun rakkisaa miti. Dhalataa asii meeqatu, biyya adiitti “adii faana wal dhabde” jedhamee hidhaa isaa fixatee waan qabu gatee akka gara biyyasaatti galu taasifame. Namni kun biyyasaatti galee ta’ii kana yeroo ilaalu gad aantummaa hangamiitu itti dhagahama? 

Namoota Hoteelota, Taaksii, Hospitaalotaa waajjiraalee garaa garaatti tajaajilamuuf deemanii Faranjii waliin hiriira qabatanii dursi adiif kennamuun aarii fi fi gaaffii yeroo tokko tokkos gad aantummaan itti dhagahamee gaddaa galan manni haa lakkaa’u. Akkasumaanuu tajaajila uummataa dachee kanarratti kennamaa jiru keessaa kan loogii fi malaammaltummaa dhabe xiqqoo dha. Cittoorratti fanxoo akka jedhan sirni appaartaayidii dagaagee jiru kunis gaaffii gara biraati. Namoota waajjiraalee mootummaa adii waliin deemanii kophaa sakatta’amanii adiin akkanumatti seensifamu, dhimma wal fakkaataarratti yeroo adiin dhimma isaa xumuratee bahu isaan ji’ootaaf deddeebifamuun isaan quunnamerraa komii dhagahuun waan haaraa miti. Waanuma gurraachomaniif qofa!

Kun of arrabsuu isa haamilee nama dhuunfaarra darbee, haamilee nama gurraacha ta’e kamiiyyuu tuqu dha. Keessattuu kan dhalataa dachee kanaa, isaa kabajasaa halluu gogaasaatiin dhabaa jiru kanaa. Seerri wal qixxummaa lallabu kun yoo kallattii kanaan hojiirra hin oolle, maaf waraqaaf qalamni bada. 

Kun dhimma dhaabbata tokkoo qofa miti. Dhimma namni kamiyyuu ilaalcha isaa itti of sirreessuu qabu malee. Dhaloonni of tuffachaa fi of arrabsaa jiru kun maal dhaloota dhufu barsiisa? Kun egaa dhimma nama hundaati. Dhimma namni kamiyyuu of gaafachuu qabu, dhimma dhuunfaati. Kan hundi keenya itti yaaduu qabnu mirga dhala namaati.Wal kabajuu fi wal qixxummaan aadaa keenya dha. Keessummaa kamiyyuu kabajuudhaan beekkamnus namaa gaditti of madaaluun aadaa keenya miti. Ta’uus hin qabu. Sirni madda dimokraasii addunyaa Sirni Gadaas wal kabajuu hin mormu. Loogii fi halluun qooduu dhaloonni ammaa itti jiru kana garuu abbootiin keenya Sirna Gadaa aaddunyaaf gumaachanis ta’ee wal qixxummaa adiif gurraachaaf lubbuu fi umriisaanii wareegan cimsanii mormu. Sirna appaartaayidii dhaloonni ammaa kun ofirratti geggeessaa jiru kana osoo Abdiisaan Aagaafaa, Nilson Maandeellaanfaa,Maartiin Luutar Kiingifaa yeroodhaaf ka’anii ilaalanii akkam nutti haa qaana’an. Bifaa fi halluu keenya waaqni bareechee nu uume yaada mataa keenyaatiin gadi qabnee ilaaluun yaada duubatti hafaa keessaa isa ijoo dha. Wal qixxummaan dhala namaa kamiifuu haa ta’u ! 
 
Hub: Ani dhuunfaa kootiin Adiifis ta’e gurraachaaf jaalalaa fi kabaja wal qixaan qabaaf.

No comments:

Post a Comment