BEEKSISA: OROMO COMMUNITY (OC-UK)




Waldaan Macca fi Tuulamaa waggaa 50fa isaa biyya USA tti kabajuuf qophii irra jira. Hawaasni Oromo UKs milkii qophii kanaaf akka isaan bira dhaabatu koreen dhimma kanaaf hundaayee gaafateera. Kanuma 
sababeeffachuun Hawaasni Oromoo UK (OCUK) waltajjii marii beektotni seenaa irratti dubbatan fi sirni gargaarsi qophii waggaa 50fa USA tti qophaayu kun itti godhamu malu irratti mariiyatamu qopheesseera. 
Galgala bashannanaaf yaroon qabameera. Nnyaata fi dhugaatiin lallafaan ni jiraata. 
Oromootni haajaan Oromoo isin ilaallatu marti dhuftanii seenaa fi egeree Oromo irratti akka mariiyattan, waldaa Maccaa fi Tuulamaa deebi’ee gad-dhaabbataa jirus cimsuuf waan gumaachuu qabdan gochuuf waan gochuu maltan akka gootan koreen Hawaasa Oromo UK isin affeera. 
Guyyaa - 10 May (Caamsaa) 2014 
Sa'aa- 14:00- 21:00. 
Bakka: 245 St John Street, London, EC1V 4NB 
Baabura dhiyeenyatti argamu- Angel tube Station (Norhtern Line), 
Lakkofsa Otoobusii- 153. 
Koree Hojii Raawwachiiftuu Hawaasa Oromo UK 

No comments:

Post a Comment