April 15, 2014
Gooti Oromoo nama kutannoo fi wareegama saatiin jireenya saba Oromoo keessatt jijjiirama argamsiisu yk argamsiisuuf dabarsee of kenne. Gooti Oromoo didhaa fi sossobbiin karaa irraa kan hin ceesifne, jagnummaa, gamnummaa fi arjummaan beekamu.
Gooti Oromoo, jaalbiyyaa dantaa dhuunfaa kaasaa sabawaaf wareegu. Oromiyaan gootota lakkoobsa hin qabne, Oromoon aarsaa isaan baasaniin mataa ol qabatee deemuu eegale qabdi. Ummati goota hin qabne yoo hubamellee miidhama saa hin aaduu. Ittuu natt hammeessa jedhee ciniinnata. Garuu goota masakuun yoo qabate soda fi laalaan isa dorsisan hin danda’an. Goototi Oromoo sana godhani. Akka dammaqina malbulcha argatanii eenyummaa saanii fi mirga sana waliin deemu hubatan gargaaran.Kanaaf diinni reebaani. Lakkofsi gootota Oromoo hin beekamin, irbaata allaattii kan ta’an, qabaa diinaa jalatt gidiraa argaa kan jiranii fi badanii barbaacha kan dhabantu kan beekaman caalaa. Hundi saanii ida nurraa qabu. Guyyaa gootota kan yaadannu gumaacha saaniif galata galchuu fi dhalooti haaraan jaalbiyyumaa saanii irra akka waa baratu gargaaruufi.Jaatamoota keessaa kaasanii dargaggoon Oromo waa’ee bilisumma biyya saanii mari’achuu eegalanii torbaatamoota keessa kallacha sochii bilisummaa ABOn gadi bahani. Sabi guddaan kun hacuuccaa jaarraa tokkoo olii jala bahee dhaaba ijaarratee qabsoo walabummaaf bobba’uun diinota Oromo bakka jiranii sochoose. Ziad Barree fi Dargiin yeroo tumsa addunyaa kara karaan dabalatanii lola walitt banan, wal caalaa sochii bilisummaa jibbus sodaatus turan. Gara lamaan itt duulanii ni butuchan malee balleessu hin dandeenye. Goototi Oromoo balaa hamajaajii lamanuu hin yaadne irraan gahaa turan. Bututi garlaman itt dhufuu fi nagaan keessaa dhibuun hedduu waan dadhabsiiseef gadi bahani marii fi gargaarsa soquuf miseensoti hoggansaa kudhan gara somaleett bobba’ani. Garuu karaatt balaa rifachiisaan Ebla 15, 1980 irra gahe. Bara sanaa ka’ee gootota Oromoo kan darban kan hardhaa fi kan egeree dhufaniif Ebli 15 akka Guyyaa Gootota Oromoo ta’e yaadatamu murteeffame.Gaaffin itt haanu goototaa akkamitt yaadanna kan jedhu ta’a. Tokko akkuma beekamu wagga waggan walgeenyee, karaa karaan faaruu, walaloo, weeduu, barruu dubbifamu fi oginaa ulfina saaniin walgitu qopheessina, waliin weedddisna ni sirbinas. Gaafas qabsoo isaan jalqaban hamma dhumaatt itt fufuuf kakuu keenya waliin haaromsuun waan eegamu. Sana gochuun ayyaana gootota keenyaa fi akaakilee keenyaa araarfanna. Isa qofa miti, qabsoon kun akka jabaatee itt fufu waan dandeenyu hundaan karaa itt bira dhaabbanu mari’achuu dha. Kan kana goonu gabaasa jabduu garaa nu laffisuu dhihataniif utuu hin ta’in karoora fulduraaf qophawe irratt hundoofnee yoo ta’e dansa. Guyyaan kun eessaa kaanee eessa akka geenyee, haala ummati keenya hardha keessa jiruu fi tarkaanfiin itt haanu maal ta’uu akka qabu xiinxaluuf carraa nuuf kenna. Waa’ee gototaas caalaatt ni dhageenya ta’a.
Gootota darban qofaa utuu hin ta’in kan lubbuun jiraatanii hardhas ummata kaleessa kakaasan waliin dhaabbatanii qabsoo finiinsuu itt fufanis ni kabajna ni dinqisiifanna. Gootota Ugaadeenitt kufan qawwen adda saaniitt aggamamullee sana sodaatanii tokkummaa fi sabboonummaa saanii lubbuun hin jijjiirre. Jannummaa fi kutannoon waliin dhaabbatanii saba saaniif aarsaa isa dhumaa baasani. Amantee fi gosaan utuu gargar hin qoodamin kaayyoo saba saanii isa ganamaatt cichuun bolla tokott nam’an. Biyya Abbaatii jedhanii qananii ofii fi fedha warraa duubatt dhiibuun arjummaa, dudhama fi kutannoon maal akka tahe nu barsiisani. Gootota keenya dabaankufootaa fi kanneen harka diinaatt guraaramaa jiran yoo yaadannu isaanis akka keenya kanneen silaa gargaaran, haadhaa fi abbaa dadhaboo, daa’imman gargaarsa hin qabne, hiriyaa jaallatan qabaachuu saanii irranfachuu hin qabnu.
Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!
Ibsaa Guutama
Ibsaa Guutama miseensa dhaloota saganta ABO isa jalqabaa baasan keessaa tokkoo.
No comments:
Post a Comment