Haala Yeroo Ilaalchisee Ibsa Sochii Dargaggoota Biyyoolessaa Irraa Kenname

Ebla 05, 2014 | Qeerroo Bilisummaa | Jimma


Bakka bu’oonni Qeerroo Bilisummaa Oromoo godinoota adda addaa irraa walitti dhufuun Ebla 1 fi Ebla 2,2014 walgahii guyyaa lamaaf gaggeefatan irratti haala yeroo uummata Oromoo fi Qabsoo FDG bilisummaa Oromoo daran jabeessuu fi haala waliigala raafama siyaasa Impayeera biyyattii irratti marii bal'a gochuun ibsa armaan gadii dabarsee jira.


  1. Dugugginsa Sanyii (Genocide), moototni Habashaa erga Oromoo afaan qawween cabsanii bulchuu eegalanii hanga har'a jarraa 21ffatti dabaree angootti dhufan rawwatanif Oromoon tolee jedhee jilbeeffatee bitamee, hin bule. Utuu falmatuu diina kufaa kiffisaa har'a as ga'ee; qabsoo bilisummaa Oromoos bu'awwaan dagatamuu fi eenyu iyyuu haalu hin dandeenye dhiigaa fi lafee isaa itti cabsee fidee har'a dhaloota haara nu Qeerroo Oromoo qaqqabsise jira. Haata'uu malee ilmaan mootota habashaa kaleessaa har'a illee qabsoo Oromoo dhaamsuuf Oromiyaa deebisanii qabachuufi sirnota abbooti isani sirna nafxanyaa kaleessa deebisuuf nurraa hin dhaabbanee hojii idilee isanii godhachuun hanga sadarkaa mana maxxansaa banachuun Oromoo arrabsuu, xiqqeessuu, tuffachuu fi Oromoon biyya hin qabu jechuu irra gahani jiru.Nafxanyaa har'a qawwee fi golgaa dimookiraasiin biyya lafa gowwomsaa jiru of jabeessuun umrii bittaa isaa dheereffachuuf yeroo kallatti hundaan tattafatan ifatti ba'een mu'acha jirra, sochii farrummaa Oromoo nafxanyota kaleessa fi har'a kana dhaabamsisuuf Oromoon bakka jiru hundaa dammaqee qalbiin qabsoo FDG keessatti qooda guddaa ba'uu qaba.

     
  2.  Mootummaan abbaa Irree Wayyaanee bulchiinsa magaalotaa Oromiyaa fi saaminsa qabeenyaa uummataa Oromoo fi uummaata Oromoo qe'eef qabeenyaa irraa buqqisuuf bifa haaraan karoorfatee sochii irra jiraachuu ifatti karaa media of harka qabuun labsii dabarfatee jira, Sochii kana dhaabsiisuu fi bulchiinsa Magaalaa finfinnee to'achuuf, qabeenya uummata Oromoo saaminsa irraa hambisuuf, fi Oromoon nagaan qee'eef qabeenyaa isaa irratti abba biyyummaa isa akka mirkaneeffatuuf bakka jirru maraa halduree tokko malee maqaa Oromoo jettu qofaan waliif dirmannee qabsoo FDG jabeessuun bara sirna naf xanyaa kaleessaa fi har'atti xummura haa goonu jechuun waamicha Oromummaa ilmaan Oromoo hundaaf dabarsina.

  3. Ilmaan Oromoo gooftummaan diinaa suga isinitti fakkatee mootummaa EPRDF fi Wayyaanee duuka dhaabbachaa jirtan guyyaa saafaa ilmaan habashaa fi sirni EPRDF uummata Oromoo tuffachaa, arrabsaa fi arrabsiisaa dhiyeenya kana du'aa mootummaa naannoo Oromiyaa President Alamaayyoo Atoomsaa fi waldorgommii Ispoortii magaalaa Bardaritti gaggeeffame irratti salphina guddaa uummata keenya irratti rawwatame ijan argitanii gurraa dhageessani jirtu, kana qofaa mitii eeyyama Oromoo malee Magaalawwaan Oromiyaa kanneen akka Burraayyuu, Sabbataa, Sulultaa, Holotaa, Sandafaa, Laga Xaafoo laga daadhii, Aqaaqii Qaallitii ,Duukam, Galaan bishooftuu, fi magaalota kannee akka Shashamannee, Adaamaa, Jimmaa, Neqemtee fi Amboo illee bulchiinsa Federaalaa jala galchuun leeccelloo achii irraa argamuu fi Oromoo ittin jilbeffachisanii bituun umrii garbummaa dheeressuuf diini karoorsee uummata keenya irratti hojechaa jiraachuun ifatti ba'ee saaxilamee jira.Kanaaf ilmaan Oromoo diina duukaa dhabbachuun haa ga'u jenna.

  4. Jarraa amma geenye keessa yeroo biyyi lafa bineensaaf iyyuu carraa barnoota kennaa jirtutti Mootummaan abbaa irree EPRDF baratoota Oromoo badii tokko malee sababa Oromummaa isanii fi sirna Wayyaaneetti harka hin kennanuu jedhaniif jumlaan barnoota irraa arii'atama, mana hidhatti guramaa, ajjeefamaa, fi biyya irra arii'atamuun dararan ilma nama irratti rawwatamuu hin qabne nurratti rawwatamaa waan jiruuf qabsoo FDG jabeesinee itti fufuu murteessine, rakkina kana keessas of baasuun Oromiyaa bilisoomtee fi uummanni keenya hiree isaa murteeffate ofiin akka of buchuuf qabsoon sochiin warraqsaa dimookisii fi bilisummaa Qeerroon gaggeessa jiru gabrummaa bardhibbeetti furmata waaraa fi karaa waan ta'eef fincillee mirga keenya kabachiifachuuf bakka jirru gamtaan sagalee keenya haa dhageesifannu.

  5. Akka guutu Oromiyaatti yeroo amma kanatti qaala'insa jiruuf jireenyaa fi hojiidhabdummaan ija baasee dargaggoonni Oromoo dhabbilee barnoota olaanoo akka Yuunibarsiitii fi Kolleejjota garaagara irra sadarkaa barnoota dipiloomaa hanga Digrii 2ffatti baratanii hojii dhabdee ta'uun dararama ilmi namaa hin arginee argaa jiru, sirni EPRDF sirna dabbalee walaalaa fi ogummaa hin qabneen kan durfamuu waan ta'eef of shakkii angoo irraa ka'uun beektotaa fi hayyoota Oromoo ogummaa isaniitiin illee lammii isaanii tajajilanii akka of hin jiraachifneef beektota Oromoo moggaatti dhiibee, baratoota dargaggoota Oromoo hojii dhabdee taasiisuun karaa irra taa'ee dargaggeessi akka kadhatuuf saaxilee jira. Dhugaan kun har'a addunyaa biyya lafaaf ifaadha. Kanaafuu beektootni fi dargaggoon Oromoo dhaabilee barnoota olaanoo irra eebbifamuun jiruuf jireenyan dararamaa jirtan dandeetii fi humna keesaniin qabsoo FDG sochii warraqsaa Qeerroon bilisummaa Oromoo gaggeessa jirutti gurmuunis ta'ee namtokkee wal ijaaruun harka wal qabannee sirna walaltotaa fi humna qawween ijaarame kana diiguun mirga uummataa keenyaa fi bilisummaa keenya haa kabachiifannuun waamicha keenya.

  6. Mootummaan shororkeessaa fi abbaa irree kan ta’e Wayyaaneen humna afaan qawween aangoo irra kan ture sabaa fi sablammii biyyatti giddutti ibidda qabsiisuun wal nyaachiisa ofiif fayyadamaa ta'a as ga'e wantii baay'ee nama ajaa'ibuu sabuma tokkicha Oromoo fi Oromoo gidduutti illee walitti bu'insa hin jirre qabsiisuun dhiiga wal dhangalaasisa umrii dheereffate uummatni Oromoo lola Gumuzii fi Oromoo, Sumalee fi Oromoo, Oromoo fi Bertaa, Oromoo fi Burjii Oromoo fi Geedi'oo gidduutti Wayyaneen qabsiisa tureen lubbuun hedduun galaafatame dhiigni dhangala'eera, tokkummaan uummatoota laafffate Wayyaaneef carraa ta'eera, Mootummaan abbaa irree amma illee uummata Oromoo Booraanaa fi Gujii saba tokkicha gidduutti toftaa uummata shororkeessuu fi dhiigaa waldhangalaasiisuu gaggeessa jira. Ummaanni Oromoo hundi akeeka diina kana irratti dammaquun uummanni keenya bu'aa xixiqqoo irratti dhiiga waldhangalasuun carraa diinaaf banuu dhiifnee, diina wal nu nyaachisaa jiru abbaa irree EPRDF irratti gamtaan qabsaa'uuf ga'een dargaggootaa fi beektotaa olaanaa ta'uu ni hubachiifna.

  7. Qabsoo bilisummaa Oromoo fi kabajamuu mirga Uummata Oromoof itti gaafatamuummaa guddaa kan of harka qabu numa dargaggoota Oromoo fi beektoota Oromoo sadarkaa garaa garaa irra jirruu ta'uu jaabessinee hubachiifna. Goototni ilmaan Oromoo kaleessa utuu hanga kana hin baay'atiin, hin baratiin, walitti dhiyaatee hin marii'atiin fi teeknoloojii hin fayyadamiin eenyummaa uummataa keenyaa fi qabeenyaa Oromoon qabu tiksuun wareegama qaalii lubbuu, lafee itti cabsee dhiiga irratti cophsee Oromoo fi Oromiyaa har'a kana nu dhaalchisee utuu diinaaf hin jilbeeffatiin bilisummaa keessanitti xumura godhadha ofiin of bulchaa jechuun wareegama tilmaama hin qabne kanfaluun seenaa keessatti bakka olaanaa qabachuun darbaniru. Nuti dhaloonni har'a itti gaafatama seenaa jalaa of baasuufi qabsoo bilisummaa gootota keenyaan dhaalchifamnee fi bu'aa qabsoo Oromoo ta'uu keenya beekuun eenyummaa, abbaa biyyummaa, sabboonummaa, fi bilisummaa keenya gonfachuuf yoom iyyuu caalaa yeroon gamtaan harka walqabannee biyya keessaa fi biyyota hambaa garaagaraa keessatti FDG Qeerroon qabsiisee jiruu jabeessuun wareegama barbachiisa itti kanfallee bilisummaa keenya mirkaneeffannu amma!! jechuun Hogganni Qeerroo Bilisummaa Oromoo godinoota adda addaa bakka bu’anii Ebla 2/2014 haala yeroo irratti marii gochuun dhiha Oromiyaa magaalaa Jimmaa keessatti keessatti Ibsa Ejjennoo walgahii kanaa baaseen beeksisa. 


Injifannoon Uummaata Oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!
Ebla 2/2014

No comments:

Post a Comment