Oromia Protest News Update: Maanguddoo fi Dardara, Osoo Hin Jedhiin Ummanni Oromoo Jumlaan Hidhamaa Jira.

Caamsaa 18, 2014 | Qeerroo.org | Gabaasa Qeerroo


Mootummaan Wayyaanee dhiibbaa ilmaan Oromoo irraan gahu jabeessuun kan itti fufe guutummaa Oromiyaa keessatti duula hidhaa fi ajjeechaa jabaachuun itti fufe.FDG uummata Oromoon gaggeeffamaa jiru dura dhaabbachuuf filannoo taha jedhee kan fudhate duula hidhaa jumlaa gaggeessaa jira. Gaaffii abbaa biyyummaa Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiruun wal qabatee ilmaan Oromoo 2600 ol mana hidhaatti kan ukkaamsaman yoommuu tahu. Caamsaa 16, 2014 irraa hamma 17, 2014 kanatti godinoota adda addaa irraa ilmaan Oromoo hidhaa jira. Akka kanaan:-

Wallaggaa magaala Mandii

Magaalaa Mandii keessaa FDG wal qabatee Oromoota sabboonoo ta’an Caamsaa 16, 2014 irraa eegaluun hidhamuutti argamu Kanneen keessaa:-
  1. Obbo Roobel Qannoo abbaa maatii
  2. Obbo Gammachiis Hambisaa abbaa maatii
  3. Obbo Bookaa hundeessaa abbaa maatii
  4. Obbo Baacaa Kabbadee abbaa maatii
  5. Obbo Fiqiruu Wadaajoo abbaa maatii fi mana nyaataa fi dhugaatii kan qabu
  6. Obbo Eyob Kumarraa mana elektrooniksii kan qabu
  7. Barataa Raajii Abbayyaa kutaa 10ffaa
  8. Barataa Abbushee Hirphaa kutaa 7ffaa
  9. Barataa Dabaloo Tolosaa
  10. Barataa Surraa Caalii 12ffaa
  11. Dargaggoo Eebbisaa Saaqqataa humnaan bulaa
    Kanneen tahan keessatti argamu.

Yuuniversitii Haromayaa,

Haaluma wal fakkaataadhaan mootummaan Wayyaanee barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti argaman Hoogganaa Gumii Afaan Oromoo dabalatee miseensota Gumii Afaan Oromoo mana hidhaatti ukkaamsee jira. Kunneen keessaa barattootni Oromoo:-
  1. Barataa Nimoonaa Caalii hoogganaa Gumii Afaan Oromoo Yuunivarsiitii Haramaayaa
  2. Barataa Magarsaa Baqqalaa hoogganaa Gumii Afaan Oromoo duraanii
  3. Barataa Firaayaad barreessaa gumii Afaan Oromoo
  4. Dargaggoo Girmaa mooraa Yuunivarsiitii keessaa kan rifeensa sirreessu.
Kanneen jedhaman keessatti argamu.

Shawaa Lixaa Amboo

Oromoota badii tokkoon malee har’a qabamanii mana hidhaa Wayyaanee jiran keessaa:-
  1. Dargaggoo Getachoow Qajeelaa kanaan dura yeroo irraa gara yerootti sochii FDG gaggeessita jechuun mootummaa Wayyaaneetiin dararamaa fi hidhamaa kan ture,
  2. Barataa Alamuu Magarsaa barataa kutaa 8ffaa fi barataa mana rifeensaa hojjechuun of jiraachisaa jiru, balleessaa tokko malee humnoota tikaa wayyaanootaan hordofamee ukkaanfamuun hidhatti kan darbame.
  3. Dargaggoo Deebisaa Birruu magaalaa Ambootti leenjii konkolaachisummaa barachaa kan jiru, fi nama Obbooleessii isaa.
  4. Getachoo Birruu bara 2011 humnoota tikaan ukkaanfamee mana hidhaa Wayyaanee Qaallitii keesatti hidhaan dararama kan jiru.
  5. Dargaggoo Taammiree Caalaa hojjetaa Wajjiraa dargaggoo aanaa Caalliyaa humna poolisii federaalaan kan ukkanfamee qabamee kanneen keessatti argaman sabboontotni dargaggootni Oromoo hedduum lixa Shawaa irraa balleessa tokko malee mana hidhatti darbamuun dararamaa jiraachuun gabaafamera.  
Wallagga Yuuniversitii Naqamtee irraa barattooti rasaasaan reebaman ammos bakka ciisanitti akka tohataman jedhame.

Barattoota Oromoo gaaffii mirgaa gaafataniif deebiin rasaasaan reebamuu kan ta’e heddumminaan Hosptala Naqamtee seenaan keessaa haalaan madaayanii fi dhukubsatanii kanneen jiran addatti tikootaa fi loltoota Wayyaaneen akka tohataman taasifame,maatii fi hiriyyaan bira dhaqee dubbisu akka qoratamu taasifame. Kanneen haalaan qaami isaanii madaayee ammos Wayyaaneen tohatamaa jiran keessaa.
  1. Barataa Mokonnoon Asaffaa Barataa Yuunibarsiitii Wallaggaa
  2. Barataa Gammachuu Butunaa Barataa Yuunibarsiitii Wallaggaa
  3. Barataa Mokonnoon Abarraa Yuunibarsiitii Wallaggaa
  4. Barataa Guutamaa Galaanaa Yuunibarsiitii Wallaggaa
  5. Barataa Sofia Kadiir Yuunibarsiitii Wallaggaa
  6. Barataa Shimaallis Caffee Yuunibarsiitii Wallaggaa
  7. Lammeessaa Balaay Yuunibarsiitii Wallaggaa
  8. Barataa Tolawaaq Shaashoo Yuunibarsiitii Wallaggaa
  9. Barataa Mul’isaa Tafarraa Yuunibarsiitii Wallaggaa
  10. Barataa Naazib Jibril Yuunibarsiitii Wallaggaa
  11. Barataa Getachoow Fiqaaduu Yuunibarsiitii Wallaggaa
  12. Barataa Galetaa Kumerraa Yuunibarsiitii Wallaggaa
  13. Barataa Gammachuu fiqaaduu Yuunibarsiitii Wallaggaa
  14.  Barattuu Abbabuu Xaafaa Yuunibarsiitii Wallaggaa

Lixa Wallaggaa Aanaa Gullisoo:

Guyyaa lamaan kana FDG wal qabatee naannoon aanichaa waraana Wayyaaneen goolamaa jira,ummanni hedduun hidhaman keessaa hammi tokko:- 
  1. Gammachuu Taasisaa daldalaa
  2. Wandee Nagaasaa jiraataa ganda 01
  3. Daawuti Tolaa jiraata ganda 02
  4. Mulaatuu Cawwaaqaa qotee bulaa ganda galoo guutee
  5. Fiqaaduu Gaarii qotee bulaa ganda galoo guutee
  6. Taddalee Guddataa qotee bulaa ganda galoo guute.
  7. Barataa Eebbaa Kantiibaa barataa kutaa 11ffaa
  8. Barataa Abdii Mokonnoon barataa kutaa 10ffaa
  9. Barataa Qananii Daaniel barataa kutaa 7ffaa
  10. Barataa Dirribaa Tasfaa barataa kutaa 7ffaa
  11. Barataa Girmaa Mulaatuu barataa kutaa 10ffaa
  12. Barataa Jifaaraa Busunaa
  13. Barataa Obsaa Raggaasaa barataa kutaa 9ffaa
  14. Barataa Obsaa Geetanee barataa kutaa 10ffaa
  15. Barataa Lalisaa Indaalee barataa kutaa 9ffaa
  16. Gammaachuu Waaqjiraa hojjetaa bulchiinsa lafaa,
  17. Lijaaleem Immaanaa wajjira bulchiinsaa keessa kan hojjetu dabalatee uummaanni Oromoo nagaan namootni dhibbaan lakka’aman hidhamuu Qeerroon naannicha irraa gabaasee jira.
Lixa Wallaggaa Ayiraa Irraa:- 

Godina Dhiha Oromiyaa Lixa Wallaggaa irra ilmaan Oromoo Jumlaan mana hidhaattii guuramanii dararamaa jiru, haala kanaan Aanaa Ayiraa irraa sabboontotni Oromoo Caamsaa 16,2014  hidhaman :-
  1. Obboo Geetanee Adabaa qotee bulaa
  2. Obboo Geetachoo Oljirraa qotee bulaa
  3. Barsiisaa Qabanaa Hiikaa
  4. Obboo Caalaa Raggaasaa
  5. Obboo Damee Daddafaa
  6. Barsiisaa Malaakuu Aagaa
  7. Barsiiraa Hundumaa Awweetuu
  8. Barsiisaa Yaared Dheeressaa
  9. Barataa Efireem Qanaa’aa
  10. Barataa Dirribaa Gaja’aa
  11. Barataa Milkeessaa Saamu’eel,
  12. Barataa Toleeraa Waaqumaa kanneen keesatti argama   
Kanneen jedhaman keessatti argamu.

Oromoon hidhaa fi ajjeechaan qabsoo haqaa irraa akka hin deebine beekamaa dha.Bakka jinitti biyya keessaa fi alaan qabsoo finiinsuun rakkoo fakkaataa kana irraa bahuun murteessaa dha.

No comments:

Post a Comment