QUPHANNAAN NA TUFFATTEE, OL KAANAAN NA BAQATTEE

Caamsaa 11, 2014 | Seenaa Y.G (2005)

Seenaan Gootummaa Oromoo bakkatti deebi’uuf, Mallattoon isaa mul’achuu eegaleera. Oromoo shiraan dadhabsinee gabroomsinaa jedhanii kanneen Maallaqaa fi qabeenyaan nutti duulan, deebii keessa deebii hin qabneen shirri sun hundumtuu fashaluu haa hubatan. Kanneen dantaa bubuutuuf of gurguranii, qabsoo saba isaanii seenaa xuraa’aan faaluu barbaadanis, Ummata Oromoo, Sirnoota Itoophiyaa irraa muuxannoo qaban dhiisaatii, dhaloota har’aa illee, gabrummaaf abbaluun akka hin danda’amne, Seenaa Gootummaa Biyya keessatti galmaa’aa jiru irraa barachuu qaban. Sochiin qabsoo Oromoo guyyaa tokkotti Oromiyaa waliin ga’uu akka danda’amu , firaafis diinaafis hojiin argisiisuun, maal irraa akka maddu kan ofittummaan maraate qofaatu irraa barachuu hin fedhu. warri Qabsoo Oromoo dhabamsiifnee, Oromiyaas dhaallee, jireenya bara baraa jiraanna jedhanii shira dhaloota isaanii dhabamsiisu kanneen dalagaa jiran, Ummati Oromoo Biyya keessaa fi alaa sadarkaa maalirra akka jiru odoo hubatanii hegaree isaaniif tola.


Wayyaanee fi kanneen qabsoo Oromoo bifa garagaraan jibba irraa qaban, Sochii Qabsoo Ummata Oromoo ifatti addunyaa irratti gaggeeffamaa jiruun rifatanii waan jedhan wallaalanii jiran. Wayyaanoonni rifaatuu bifa sadiitu irraa mul’ate. sochii akka tasaa isaan rifaasise kana, Mormii isaan mudate qofatti ialaalanii bira dabruu hin barbaanne jedhama. Hiwaatoonni qophaatti kan xiinxalan akkasitti jedhan.
  1. Biyya waan hundaa dhuunfanne jirra jedhanii yaadan keessatti, Sabboonummaa Ummata kanaa dhabamsiisuuf shiroota amma kana raawwannee, miidiyaa isaanii Ukkaamsinee, keenya chaanaalootaa fi FM kudhanootaan lakkaa’aman itti gadhiifnee, meeshaa hammayyaa Intarneetaa fi bilbila tu’atu galchinee tu’achaa odoo jirru, humnoota tikaa maanguddoo hanga daa’immanii hiriirsinee odoo jirru, Dargaggoota miliyoonaan lakkaa’aman maallaqaan gawwamsinee gurmeessinee ofiitti qabnee osoo jirru, kkf, maallaqa Biyyatti biliyoonaan lakkaa’amu dhangalaafnee odoo jirru, akkamiin humni Oromiyaa guutuu kun sa’a tokkotti sochaa’uu danda’ee?
  2. Sochiin Gootummaa Ummata Oromoo bakkatti deebi’uuf mallattoo ta’e kun Oromoota irra diinatu hubatee jira. Sochiin kun ammoo dhaloota har’aa qofaa odoo hin taanee, daa’imman mana barumsaa sadarkaa 1ffaa gadii hirmaachisuun isaa, waan gara fuula duraatti isaan eeggatu irraa rifataniiru. Haala kanaan, Karoora dhoksaa keewwatan, suuta Dizaayinii siyaasaa jijjiiruuf keewwannee itti fufna? moo, ni dhiifna? tarkaanfiilee fudhatamn irraas waan akeekkannu qabnaa, hegaree Ummata keenyaa akkam goona?
  3. waggaa 23f Qabsoo Ummata Oromoo dhabamsiisuuf shiroota Biyya keessaa hanga Biyyoota alaatti gaggeessaa jirruun milkaa’aa jirra odoo jennuu, Sochiin amma argaa jirru, akkamiin Biyya keessaa fi alatti qindaa’ee hojii irra ooluu danda’ee? kana irraa kaanee hegareen keenya maal ta’uu danda’aa? waan hanga har’aatti hojjanne hundi bishaantu itti naqamee. toftaa akkamiin nu jalatti waan amma kana ga’u gaggeeffamu danda’ee? akkamiin shariikoota keenyaaf wabii ta’uu dandeenya? sochiin kun dhufaatii Mummicha ministeeroota Chaayinaa fi Ministeera Dhimma alaa Ameerikaan akkamiin wal irra ooluu danda’e? humni tikaa fi nageenyaa akkamiin bira ga’uu dadhabe? jechutti jiru.

Wayyaaneen ala kan jiranii fi Qabsoo Ummata Oromoo dhabamsiisanii habjuu isaanii ummata kana irratti fe’achuu kanneen barbaadan, Sochii Gootummaa Ummata Oromoo addatti Dargaggootaa kanaan hedduu rifatanii jiran. Shirri Nafxanyoota durii, wayyaaneen akka nu rukuttuu fi isaan ammoo, Wayyaanee rukutanii bakkatti deebi’uu barbaadu. Wayyaaneen ammoo, Oromoon Amaara akka rukutuu fi isaan humna amma qabaniin Oromoo rukutanii jiraachuu barbaadu. kana malees Oromoo fi Amaara walitti naqixee ofii diriiffattee jiraachuus ni yaaddi. Sochii ammaan garuu, Nafxanyoonni dubbii hamaa akka ofitti harkisaa jiran hubatanii, sochii kana deeggaruu kan jedhu keessa ilaallataa jiru. Oromoon garuu Tapha akka isaanii kana irraa bu’aa kan argatu hin fakkaatu. Of danda’ee lamaanuu of irraa haleeluu qofaadha carraan qabu. kana jechuun, Ummatoota isaanii fayyaaleyyitti duuluu akka hin taane gadi jabeessinee hubachuu nu feesisa. Ummati Magaalaa Amboo hojiin siyaasaa dhiheenya kana raawwatan barnoota nuuf ta’uu qaba. Oromoon dhala Namaaf kabajaa kan kennu, waan isaan waliin wal fuudheef, yk heerumsifateef, ykn wal irraa ilmaan godhateef ykn michoomeef miti. Dhala Namaa ta’u isaanii qofaan kabajaa kennaaf. “Quphannaan na tuffattee, ol kaanaan na baqattee”jedhee Mammaaksa haaraa kanan uumeef kanaafi.
Sochiin Ummataa fi Qeerroo Biyya keessaa fi alatti bifa qindaa’een gaggeefame jiruu fi wayyaaneen ajjeechaan Dargaggoota irratti gaggeesse, Miseensoota OPDO lamatti qooduun ibsamaa jira.  Kunis, Deeggartoota Hiwaatootaa Maastar Pilaanii kana hojii irra oolchuuf shira gara garaa raawwatanii fi warruma dura irraa kaasee Maastar Pilaanii kana morman giddutti rakkoo Ulfaataan umamee jiraachuu warri keessa beekan ibsanii jiru. warra hiwahaatiin deeggaran keessaa inni adda duraa Kumaa Dammaqisaa wayita ta’u, inni Bulchaa Magaalaa Finfinnee wayita ture, Maastar pilaanii Magaalaa Finfinnee 10ffaa raggaasisee kan ka’ee fi harka hiwaatootaa kanjiru yennaa ta’u. Daangaan Magaalaa Finfinnee, Burraayyuu, Sulultaa, Laga Xaafoo, Laga Dadhii, Galaan, Dukam, Sabbataa kan of keessatti hammatu ta’uu keessa beektoonni odeeffannoon baasan ni ibsa. Mukitaar Pirazadantii Oromiyaa kan ta’ee muudame waan kana raawwachiisuuf ta’uun beekameera. Obbo Alamaayyoo Atoomsaa lubbun wayita jiranitti, warra Maastar Pilaanii kana hin fudhanne keessaa tokko turu warri keessa beekan ni dubbatu. Dhugaan ni qallatti malee hin cabdu kan jedhan kanadha. Kan nama raaju, Hiwaatoonni Maastar pilaanii kana maaliif akka itti fayyadamuuf deeman miseensoonni OPDO irra jirees duuba keessa irratti Dammaquutu dubbatamaa jira. Wayyaanoonni waan yaadan kan biroo yeroo isaatti itti debi’a. amma keenyatti haa deebinu.
Yaaddoon wayyaanee inni adda duraa, Sochii dhaloota har’aan gaggeeffamaa jiru kana ka’umsa isaa wallaaluudha. Dhugumatti jabinni Qeerroos isa kanadha. Kun wayyaaneen xiyyeeffannaa ol aanaa kennameefii irratti hojjatamuun waan hin hafnee, of eeggachuun gaariidha. Gootummaa Oromoo bakkatti deebi’uuf Mallattoo argaa jirra kan jedheef kanaaf. Bara Oromoon GADAAn bulaa ture, waan deemaniif mana keessatti fixatanii, akka Galaanaa diina irra garagaluu malee, waan ta’uuf deemu kan beeku hin jiru ture jedhama. Kufaatiin kan isaan mudachuu eegale, gaafa diinni qaawwaa isaan giddutti uumedhaa jedhama. Har’a scohiin Biyya keessaa hanga Biyyoota alaa addunyaan raajeffateetti gaggeffame kun, yoo irratti hojjanne, yaadaa fi qalbiin Kenya bakka tokko jiraachuu keenya nu mirkaneessu irra dabree, Gootummaan keenya balbala keenya irra ga’uu nu dhugeessa. Hojii nu hafuuf waan har’a eegallee kun, bu’ura ta’uu qaba. Tumsi keenya keessa keenyatti hamilee seexaa of keessaa qabu uume kun, gonkumaa deebi’ee badu hin qabu. Ijoollee rasaasa diinaan ajjeefaman eenyuf jedhanii akka ta’ee qalbeeffachuu qabna. Dhalli Oromoo Guddaas ta’ee xiqqaa, faajjii ijoollee kanaa ol kaasuun ala furmaata akka hin qabne hubachuu nu feesisa. Gootummaan kun akkaataa hangafoota isaanitti tarkaanfatee, duula Hojii dhaabuu fi daldala dhaabutti ce’uun dirqiidha. Kanaaf ammoo, dhalli Oromoo Biyya alaa jiru, Ummata Biyya keessaa bifa danda’een ijaaree qabsoo Ijaarsa dhaloota har’a cinaa dhaabuun dirqamadha.
Oromummaan har’a kan madaalamtu dhiigaan qofaa miti. waan sabummaa ofiif hojjataniin madaalamti. Hedduu Odeessu irra, waa xiqqoo qabsoo Oromoof gumaachutti haa jijjiiramnu. Humnaa fi beekumsa muraasaan hojii gootummaatti nu geessu mirkaneessinee jirra. Kana irra yoo hojjanne, diinatti xumura gochuu ni dandeenya. Dhalli Oromoo Tumsi har’aa Biyya keessaa fi alatti gaggeessaa jiru, Dhala Oromoof abdii ol aanaa ta’eera. Oromummaaf dursa yoo kennine, ilaalchaan adda ta’uun, diina irratti tokko ta’uu irraa nu hin dhaabu. Sochiin Biyya keessaa fi alaa irraa kan amma hubannes kanuma. Yeroo kana Addunyaan nama dhaggeeffachuu eegalti.
Qeerroon Oromoo Gootummaa isa caaluuf akka of qopheessu shakkii hin qabu. Eegee qeerransaa hin qaban. Qaban ammoo gadi hin lakkisan. kun mammaaksa Oromooti. Oromoon kana ofumaa hin mammaakne. Mammaakisi kun har’a hojjataa jira. Dhiigni obbolaa keenyaa Asfaaltii irratti dhangalaate booree Nuuf taatee, qabsoo isa ol aanaaf nu kakaafti malee, manatti ol nu hin deebiftu. Ummati Oromoo Biyyoota hambaa keessa jiranis, Seenaa amma hojjatan kana daran jabeessuuf, halaknii fi guyyaa hojjachu qaban. Hundumtuu bakka jirutti of qopheessuu fi wareegama barbaachisu baasuuf, wal ijaaruun fardiidha. Haqi Oromoo Ilamaan Oromoo walitti fidu dhihaateera. Gaafas, wayyaanee fageessitee yaadu dadhabdee, muka of irratti muraa jirtuuf moojii !!!!!!!!jala deemtoota har’allee gawwamsaa wayyaaneen machaa’aa jiranifis ani hin beeku.warra mallaqa dhiiga ilmaan Oromoo dhangala’aa jiru caalsifatanii, of gatanii saamicha mana isaaniif karaa mijeessaniif waaqatu beeka !!!! kun waan hin hafne. Sochiin Dargaggoota Oromoo Addunyaa maraa itti fufa. Waan hojjannuu fi maaliif akka hojjannu, ofitti amanamummaan of harkaa qabna. Waan itti jirru hojii keenyaa fi seenaa keenyatu nu ibsa. Oromiyaa borii keessatti mirga guutuu qabaachuuf, boontee jiraachuuf, Afaan guuttee dubbachuuf, har’a qooda kee gumaachii seenaa hojjadhu.

No comments:

Post a Comment