Sabboonoti qabsoo ummataa biyyatti gargaaruuf maal gochuu danda’u?

Caamsaa 14, 2014 | Ibsaa Guutamaa Irraa | www.gubirmans.com

Finfinneen Oromiyaa keessatt bu’uurfamte kanaaf qaama see ta’uun wal hin falmisiisu. Oromiyaan jaarraa oliif qabaa halagaa jala jirti. Finfinneen akka battala human qabateetti tajaajiltuu waan taateef Oromoon too’annoo bucuullee irraa hin qabu. Finqiclha Dargii duuba Oromiyaan humna qabatee jiruun kan fakkeessaa ta’us ifatt beekamtee caasaan bulchaa dhaabbateefii jira. Waan hariirtii ulee falfalaa fakkaatuun empayerittiin Federeeshinatt jijjiiramte. Kanaaf finnooti federeeshinaa hundi ijaaruu fi gaggeessuuf  gumaacha walqixee qabu jedhamee yaadama. Kanaaf finnaan federaalaa tokko kophaa ba’aa baatu hin qabatu jechuu dha.

Yoo Oromiyaan feete Federeshinichi Finfinnee Oromiyaa  irraa kiraayi fudhachuu yookaa bakka tolaa  lafa bitee magaalaa mummittii haaraakaroorfatee  ijaarrachuu qaba. Sun hafee ammmas Finfinnee akka lafa qabaa jala jiruutt fudhachuun ofumaa baballisuu yaaluun geeddarama uumaa empayerichatt goone jedhame haaluu dha. Filmaati biraa federalummaa gaabbanii akkuma durii ifaan finnaa empayeraatt deebisne jechuu dha. Sana duuba gaaffiin jiru federalummaa utuu hin ta’in kan  kolonummaa ta’a.  Akka fedhettuu humni halagaa biyya abbaa keessatt Oromoo ajjeesuun qajeelaa utuu hin ta’in yakka yakka hundaa caaluu. .Amma ummati Oromiyaa mirga saanii irraa hamaa ittisuuf yoomuu caalaa, meeqayyuu itt haa bahu walii tumsa agarsiisaa jiru.  Barattootii fi warri kaaba, kibba, bahaa fi lixaa mootummaan Itophiyaa dubbii Oromoo keessa lixanii burcuu yeroo tokko ka’uun morma agarsiisaa jiru. Mootummichi heera harkuma saatiin midhaasse kan hin kabajne ta’uu beekanuu bu’aa ciicannoo kennufiidhan bahanii heerichi dhugaatt heera ta’uu saa mirkaneessuuf yaaluutt bobba’ani.
Kuunnoo kaa, mootummichi eenyummaa saa dhugaa saaxiluun rasaasa, dullaa fi fuura imimsaa garba gamaa galfateen loltu addaa Agaazii jedhamtu hiriirsee isaan simate.  Daa’imman hedduun lubbuu saanii dhabanii qabeenyi hedduunis barbadaawe. Addunyaan empayera  fi mootummaa farra ilmoo namaa akkasii jalatt qabsoon nagaa akka hin danda’amne taliila ta’uu saaf akka hubatu taasifameera. Seerooti saanii dhooftuu sobaati. Ummatooti mirga saanii dhalootaa irratt kan hin callifne waan ta’aniif filmaati jiru lola qofa ta’uun waan nama gaddisiisuu.
Itophiyaa waan halle, durooma waa tattaa, human namaa fi surrii saamuu malee hanga yoonaa waan Oromiyaaf buufte hin qabdu. Surrii itt lola’e kan waajjirbulchii Itoophiaa bara dheeraaf jiraachise. Surroota sana isaanii kan fuuloo ta’ee fula saanii xuraawaa dhosseef. Gaaffiin Oromoo gaaffi bilisummaa sabaawaa sammicha seermalee akasii hambisuuf kan dhihaate yoo ta’u kan koloneeffataa olhaantummaa gad jabeessuuf kan dhihate. Yoo qabamsi  raawwate malee dhoofsisaaf irraa ka’i waloo hin jiru. Kan golli sadaffaan qayyabachuu dadhabu sana ta’a. Gaaffiin hiree ofii ofiin murteeffachu  dhugooffachuu mirkanii jireenya seenaa sabichaa irratt hundaawaa.
Mootummaan amma jiru kana beekuun kan heera saa keessatt mirga kana galche. Sun waan qajeelaa dha. Sobaan dhiheessuun garuu addagummaa dha.  Oromomitiin seexaa qaban  kan Oromiyaa keessatt dhalatan, jiraatan, yk hojjetan kanneen keesumsiisoo, michuu, nama biyya walii ta’an waan bilisomuu irraa sodaatan kan hin jirreef isaan waliin qabama raawwachiisuuf akka dhaabbatan eegamuu. Kanneen jibba sanyii fi amantee koloneeffamoo hin qabne ummati Oromoo  naga qabeessoo fi aada qabeessoo akka tahan beeku. Nama nagaatt roorrisuun uumaa sabichaa keessa waan hin jirre.  Garuu Wayyaaneen ofii yakka hamaa tolchee kan biraatt maqachuun amala see waan ta’eef dammaqanii eeggachuu dha.
Koloneeffataa inni eegalaallee yeroo mootii Itophiyaa fi biyya Oromoo ofiin jechuu labse adda addummaa biyyooti lamaan, Itophiyaa fi Oromiyaan qaban beekuufii saa agarsiisa. Oromoon akka wallaaloti tokko tokko xeeban gosa hedduu of keessaa qaba malee ofii gosa miti. Mootummaan ammaa gaaffii bilisummaa Oromoo irra darbama jira. Heera tumuun, Oromoo qabsoo saanii irraa dagachiisee, hamaa dhiiga lolaasu duuba fiduu deemuuf yeroo bitachuu saa ture. Hacuuccaa hagamiittu dhimma bahuun deebii gaaffii akkasiif barbaachisu yeroo hin beekamneef dabarsuun boombii innaa eeggatee dhukahu waan ta’eef irra darbuun hin dandahamu. Kanaaf bu’aa olloototaa fi addunyaa jedhamee ariitiii dandahamuun ilaalamuu qaba.
Ka’ka’i barattoota dhiheenya ta’e qabattee ilaalamu qaban hedduu keessaa tokko qofaa. Kanneen biro akka “Ittissa Haaromaa” (GRD) kan nammi hedduun kuusaa saa jireenyaa gowwoofamee bondi bituun itt dhagalaase; “Samicha lafaa” kan Oromiyaan ummati see buqqifamuun gatii yartuun gurguramte;  Afaan Oromoo waajjiraalee fi waabaroota Finfinnee akka hin seene ittifamuu fakkaatan Oromoo waan laalaniif roorroo biraa irratt dabalamuun qabattee morma guddaa kaasuu danda’an keessatt argamu.  Lagi Abbayyaa bishaa gara caalu Oromiyaa irraa argata. Yaa’aan saas lafa Oromiyaa guddaa tuqa. Bishaan qajeellaan dhimma itt bahamuu kan mormu hin jiru. Garuu akki inni itt eegalee malbeekiin kan gorsamu mitii, horiin barbaachisu kan hanga dhumaatt baasu miti, yaadi duuba jirus mamsiisaa dha. Wanti sanaan dhufuu kan Oromiyaa hubuu danda’u samicha lafaa gadi hin ta’u.
“GRD” surraa yeroo abba tokkee yk murnaaf moo, dhuguma akka jedhame dantaa Itoophiyaafii? Gartokko leellisuun mufannaa hariiroo sabgidduu mimichiiruunf malee dantaa Itophiyaa waliin kan wal hin agarree laata? Uumaa mootummichaa, martii dhibantootaa dhiphoo qabeenya walitt guuruuf araada qabu irraa yoo laalamu hamilaticha dhumaan gahuuf utuu hin ta’in kan dhoofsisa “dhaabuu yk jijjiiruuf ta’u” irraa bu’aa argamuu jedhanii  eegalan fakkaata.
Laggeen Oromiyaa hamma yoonaa hidhaman irraa bu’aa kan argatan Oromiyaa utuu hin ta’in biyya koloneeffatoo fi daldaloota alaatii. Abbayyas adda hin ta’u. Waan lafa laalutt laftii ammayyuu kan mootummaati akka jedhamett hafe. Abbaan akka fedhutt dhimma itt bahuu danda’a. Kanaafi mootummichi kan gaafate hundaaf gatii salphaan gurguratu yk deggertoota saaf hiree akka gurguratanii durooman godhu yk galtuu Oromoo booda “kiraayi sabsaabii” jedhee ittiin dorsisuuf gurguraddhaa jedhee kennuufiitt jira.  Jara akksii irraa kan bitatetu abbaan lafaa akka diinaatt ilaala malee kittillayyoon TPLF Oromoo buqqiftee jalaa miliqaa jirti. Lafti kan Oromooti, Oromoon keennaa haa ta’u gurgurtaa akkasii hin hayyamus kontraata akkasiisn seenames kabajuuf hin dirqamu. Kontraata seermalee, fedha Oromoo hin eegnee. Gaaffii Oromoo walii galaa kan laalutt mootummichi raawwachuu mirga of ifsaa gabbaarotaa irratt kan mallatteesse fakkaata. Kanaaf  akkaataan ofirraa faccisuu jijjiiramuun dirqii dha; sana malee hiriirri nagaa kamuu of ajjeesuu ta’aa
Fixiisa duuba wanti nama aarsuu, mootummaan afaan dadhabootaa keessatt qooqa hudumuun obbolaa saanii du’anii fi qabsoo saanii akka balaaleffatan gochuu dha. Dubbiin saa kan Federaalati. Kan qawwee daa’imatt jifffatanis isaanii. Garuu kaasaa jeequmsichaa jajallisuun  hamajaajii gooftoliin saanii uumuuf deeman balaaleffachuf kan ergaman   Goobanoota haaraa dha. Ummatooti Itophiyaa balaaleffannaa akkasii duruu beeku. Mootii moototaaf “harka alaa”, Dargiif “CIA Qixiranyaa”, Wayyaaneef ” gooltuu fi farra guddinaa” jedhamu turan. Goobanooti haaraan akeeki “Karoora Muummichaa” barruun jiraachuu dagatanii Finfinnee magaalaa “Metropolitan’ guddaa tokkott jijjiiruf akka tahe haaluu yaalaniiru.
Oromoon namoota maqaa guddinaatiin Oromiyaa babbaqassanii qabeenya saanii mulquu kan yaalan dura ni dhaabbatu. Qabsoo bilisummaa fi tokkummaaf Oromoon tolchu hololli hamaa n akkamiiyyuu dhaabuu hin dandahu. Oromiyaa walaba tokko taate malee sabi Oromoo jedhamu hin jiraatu. Jaarmaa malbulchaa jabaa dhabuun baraatooti qooda dursuu akkuma yeroo mootii moototaa fudhachaa jiru. Akkuma barasii ABO dullachi hin qophaawu taanaan murni ijaarame biraa fulduratt cehuun  kaayyoo sochii bilisummaa ganamaa haaromsa. Hanga roorroon hin raawwannett warraaqsa Oromoo dhaabuun hin danda’amu. Gamnoomaan qabsaawoti Oromo kan gochuu danda’an waan kaleessa ta’eef gadooduuti yeroo dabarsuu dhiisanii amma kaasee maaltu hojjetamuu qaba kan jedhu ilaaluu dha. Kaleessi hamaa fi tolaa saa waliin sokkeera; tolchuuf haa tahu balleessuuf hardha qabannee wayyaa ta’a kan jennu boritt aggammataa jirra.
Oromoo callisisuuf yekki tolfamu caalaatt o’ee oofamaa jira. Haalli badaan torbanoota darbanii kan fuggifamu miti. Garuu sabboonoti hundi akkaataa yakkooti sun itt hinfufne irratt yaaduu akka jalqabantu abdatama. Biyya keessatt geengoon ofirraa ittisuu qaata naanna’uu eegalee. Namooti miidhaan hacuuccaa itt dhagahamaa jiru caccaba Oromiyaa fi jiraattota arraddaa akaakilee fi bakka hiddi hannura dhaloototaa itt bu’ee buqqisuu ofirraa faccisuu ittuma fufuu.
Too’annaa gabii dhabsiisuuf sochii saanii cimfachuu qofa isaan barbaachisa ta’aa.  Duuti dargaggoo fi namoota homaa hin balleessinee garaa nama guba garuu yeroo hunda bilissummaaf gatiin baafamu jiraa. Sannaayiroon basaasaa“Goox”, “Garee” fi “Aand Laamist” cabaniiru. Diinni ababbarutt ka’eera;  itt fufanii jarjarsuun balleessaa ofiin xaxamee of oolchuuf dhofsisisuu dirqamuu danda’a. Mee, qabattee dhimmasiisan tokko tokko akkaataa sabboonotii fi namooti hundeen Oromiyaa ta’an ala jiraatan  gamtaa walirraa hin citneen qabsoo biyyatt tolfamu itt gargaaran xinxaluu dandahan haa laallu.
Oromoon addunyaa guutuu keessa jiran hawaasatt,  waldoota dhugeeffannoo fi ogumaatt ijaaramanii jiru. Garuu hundi saanii basaasotaa fi maandhee riphoo luuxxee galtuunkan  faalamanii. Dhimma baasuuf dura of afalla’uu qabu. Jaarmaa noolaaf kan jedhame hundi kanneen malbulchaafis dhugaa dha. Akeeki jarmotaa hawaasaa naannaan danga’amaa dha. Gidiraan Oromoo garuu qindooma baaqula guutuu gaafata. Oromoo hundaaf waan dhimma baasuu gochuu waliin bobba’uuf waan danda’aman irratt xiinxala gadi fagoo gaggeessuu fi qabaticha sirriitt qayyabachuu feesisa. Muuxannoo darban irraa wanti baraman yoo jiraatan ilaalamuu qabu.
Jaarmoti malbulchaa yoo bobbaa saanii qindeeffachuu danda’an shaffisoo ta’uu. Yoo hanqatan dhaabotaa fi hooggani haala keessa dhalachuu waan danda’aniif isaanii dhimma hin baafnee ta’uun akka jiru beekamuu qaba. Kanneen sababa addaaf jara kaaniitt makamuu hin dandeenye qabsoo ummataatt gufuu akka hin taane eeggachuu dha. Haala amma jiru jalatt yaada wayyabaa tuffachuu fi mata jaboo ta’uun hin baasu. Biyyatt ijoo dadhabaan Oromoo lammooma, amantee fi gosaa. Diinni sana tuttuquun waldhabdee uumuu yaala. Kanaaf hundi utuu hin yaadin akka hin qabamne dammaqee  eeggachuu gaafata.  Nammuu guddina aadaa fi qabsoo ummataatt gufuu ta’uuf keetolee koloneeffatoo fi baballatoo kan ergamoota dhaabota amantee fakkaatanii dhihataan jiraachuu hubachuu qaba.  Jarri kunis gargarbaaftuuf farra nagaa waan ta’aniif sabboonota amantoota hundaa keesssa jiraniin dura dhaabbatamuu qabu.
Kan irraanfatamu hin qabnee Wayyaaneen basaasota bobbaasuuf qabeenya motummaatt dhimma bahee kan didaniin hunda akka hordofuu. Akeekota saa keessa waldhabdee sabboonota ala jiran gidduutt uumee mormituu saa laashessuu fi iyyaatii sochii saanii corachuufi. Bakka danda’amett isaan keessaa PDO saaf namoota madaqfata. Sanaaf mala haaraa fi dooyaa namaa, luuxee galtuu abbaa dhimmaa caalaa dhimmamaa taatee dhihaattutt dhimma baha. Kun akka masaka dhaabbataa ergamtoota malbeekii kennamett gaggeeffama.  Kanaafii jaarmmaa qilleensi hin seennee fi miseensoti amanamoon kan soqaman. Sabaawoti Oromoo jaarmaa saba saanii waliin yk diina waliin jiru. Mooraa lama tajaajiluu hin danda’anii. Waan akkasii keessatt waandhibnummaan dhaabbachuu qaba.Safuun, Oromoo fi nafii walfakkaataa kan qaban gidduu qofatt dhimma baasaa
Ummatooti olla Oromoo kan kolonoma jalatt kufanii fi ammas muummee sanaa ciiga’ami kan irra gahu jiruu.  Jar asana waliin hidhata qabsoo uumuun bu’a qabeessa.  Jarri sun ummata moo’oo daangaa ofii qabanii fi saboota kanaan dura hidhata qabsoo uummatan hariiroo saanii yeroo danda’ame sadarkaa olhanutt guddifachuu yaaluu dha. Harki diinaa gargar isaan baasuu fedhu caqasamuu qaba. Qabsaawoti Oromoo jara akkasiif bu’aa cicannoo kennuu malee ta’innaan hariiroon akka hin boorofne eeggachuu qabu. Kana malee kiyyoo diinni kaa’ee seenuu ta’a.
Oromooti ala jiran hedduun nambiyyoota biyya keessa jiraniiti. Jarri kun akka murna lammiitt waldaa noolaa qabu. Kanaaf yeroo hundaa ummati duubatti dhiisanii dhufan birmadhaa harka abba hirree jala nabaasaa jedhee iyyataa akka jiru irraanfachuu miti. Utuu isaan jiraniifii Oromiyaa, biyyi seenaan walaba fi demokaraatoftuu taate hirkattuu taatee jiraachuu hin qabdu. Kun seexaa saanii fi didhaa tahuu qaba. Kanaaf qabsoo nagaa malbeekii ummata saanii keessatt qoda taphatan akka qaban fudhachuu qabu. Ummatichi aangoo namaa beekoo fi ogeeyyi  akkasumas deggersa waatattaa gosa hundaa barbaadaa. Murni Oromoo hamma saanii madda qabeenyaatt saaqaa qabu hin jiru.
Nammi biyyaa dhimma waloon isaan ilaalu mari’achuu walitt qabamuuf birbadummaa hin qabu. Garuu yoo hacuuccaan dangaa darbuu sodaan qabamuu ni haqamaa. Oromoon sadarkaa sana ga’aa jira. Wayyaaneen ijoolleen hiriirtee dhiistee Oromo hidhuuf ajjeesuun see hin hafuu. Sabicha keessatt hamlee yoo cabsite malee abbaa biyyumaa fi qabeenya samaa jirtu gaafata jettee sodaattii. Hanga danda’amett akka inni hin xiixne, qabeenya akka hin horanne, akka waa hin baranne ukkaamsitee bulchuu yaaltii. Kan Oromummaa ofiitt amanan karaa sabi kun xaxaa halagaa keesssaa futtaafatu maluu fi gargaaruu qabu. Kan lubbuu fi bilisummaa saanii maqaan akka hin badne wareegaa jiran duubbee ofiitt boonaniitu. Biyya ofii keessatt tuffatamanii, birmadummaa dhabuun jiraachuu caalaa wanti badaa fi salphisaan hin jiru. Kanaaf kanneen balaa sana jala hin jirre dubbee cimaa fi amansiisaa ta’u qabuu. Oromummaatu sana gaafata. Nammi tokko yoo hidhamu yk ajjeefamu abbicha qofa utuu hin ta’in hawaasi, warraa fi maatiin, jeeqama malbulchaa, hawaasomaa fi diinagdee keessa wan seensisuuf dubbee ta’uufiin barbachisa.
Qabsaawoti barruu karbooniin garagalchuu eegalan heddummeessituu alkoolii fi stencil keessa darbanii amma bara maxansitu elektronik gahaniiru. Ergamaa fi shiboo sibila isaan dhimma itt bahaa turan amma quunnamtii koputaraan bakka buufameeraa. Hedduun sana utuu hin dhaqqabin karaa mirgoo deemaa of akka barru nu tolchanii darbani.  Nammi tokko akka dulloomaa deemeen komputaraa fi yaada ammayyaan walfudhachuun akka isa dhibu beekamaa dha. Kanaaf dhalooti haaraan komputaratt colluma qaban qabsoo shaffisiisuuf  itt gaafatama karaa sanaa akka fudhatan jajjabeessuun dansa. Karaa dullachi qunnamtiif haa ta’u bulchaaf yeroon waan itt darbeef jijjiirrachuun anjaa qaba.  Akka biraatt akeeki Gadaa kan yaa’a malbulchaa haaromsuu akka baraaf ta’utt guddifamuu qaba jechuu dha. Beekumsi muuxannoon argames dudhaa Oromoo keessatt qooda taphatu qaba. Oromoon yaadannoo ulfina dabankufoota durii fi dhihoo jedhanii bilisummaa irraa fuula deeffachuu hin qabanii. Balaan dhiheenya humna addaa adda koloneeffataa, nama nyaatoo TPLF/EPRDFn ergamaniin dargaggoo Oromoo irratt bu’e yaadachuun yeroo garaan nu madaawu imimmaan qabachuun nu dhiba. Gumaan saanii lafatt akka hin hafne booree nurra kaa’anii darbanii.
Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!
Ibsaa Guutama
Caamsaa 2014

No comments:

Post a Comment