Wallagga Naqamte Keessaa Ajajoonni 100 Namni 4 ta’an ABO Waliin Hojjettu Sababa Jedhuun Mana Hidhaa Wayyaanee Seenan

Caamsaa 05, 2014 | Qeerroo.org | Naqamte Irraa

FDG Oromiyaa keessatti jabaatee itti fufuu irraan motummaan wayyaanee sodaa fi raafama keessa seenee yeroo ammaa kana ilmaan oromoo hojjetaas ta’e barataa hundumaa walitti qabee hidhuun ajjeesuun amaleefatamee itti fufeera. Akkasuma humna waraana isaa Oromiyaa irraa qabus shakkuudhaan hidhannoo akka irraa hiikkachiisu ta’aa jira, kanneen hedduu sodaatuu fi shakku ammoo hidhutti jira. 

FDG wal qabatee magaalaa Naqamte keessatti ABOf maadhefamtanii barattootaa fi fincila uumataan duuba jirtu jechuun Caamsaa gaafa 4, 2014 nu ajajootni dhibbaa namni 4 akka hidhaman hogganni Qeerroo magaalaa Naqamtee irraa gabaasa. Isaan kunis:
  1. Ajajaa Dhibbaa Habtaamuu Raggaasaa
  2. Ajajaa Dhibbaa Taaddasee Leggesee Gammachuu
  3. Ajajaa Dhibbaa Ayyaanaa Milkeessaa
  4. Ajajaa Dhibbaa Alamuu Qixxeessaa Sanyii
Kan jedhaman yeroodhaaf toohannoo Wayyaanee jala galanii hidhamanii jiru.Hojjetoota biroo hidhamaa jiran gama hdihamtoota ilaaluun yeroo itti aanutti gabaasa guutuu dhiheessina.FDG hin dhaabbatu itti fufa!


No comments:

Post a Comment