Diddaan Barattoota Oromoo Geedoo Jabaatee Itti Fufuu Irraa Kan Ka’e Barataan Kutaa 11ffaa Tsaggaayee Kabbadaa Seeraan ala Mana Barnootaa Irraa Ari’ame

Muddee 03, 2012 | Qeerroo Geedoo

Godina Shawaa lixaa aanaa Calliyaa mana barumsaa Geedoo sadarkaa lammaffaa keessatti diddaan barattootni Oromoo dhalate jabaatee itti fufuun beekame. Barsiisaan Abaaddin Nugusee dhalootaan Tigiraay tahe barnoota seenaa kan barsiisu seenaa ilmaan Oromoo dabsee waan barsiiseef seeratti nuuf haa dhiyaatu jechuun irra deddeebbiin gaafatan deebii waan dhabaniif barsiisaa kana irratti tarkaanfii reebichaa fudhatanii jiran.


Mootummaan Wayyaanees diddaa barattootaa mana barumsaa sadarkaa lammaffaa keessatti jabaate dura dhaabbachuuf Boordii mana barumsaatti dirqamaan barataa akka ariian dirqisiisanii jiran. Boordiin mana barumsaa Geedoo jala deemtota Wayyaaneen kan gaggeeffamu barataa Tsaggaayee Kabbadaa jedhamu barataa kutaa 11ffaa mana barumsaa irraa waggaa 2f adabanii jiran.

Barattootni mana barumsaa Geedoo barataan keenya hanga deebiuu fi gaaffiin mirgaa barataa Oromoon gaafatamu hanga deebiu hin barannu jechuun murteeffachuun barattootni manneen barnootaa gad-aanaa fi Yuunivarsiitiilee keessaa akkasumas ilmaan Oromoo marti waamicha keenya akka nuu dhageessan jedhanii jiru.

Qeerroo 


 

No comments:

Post a Comment