Labsa Tokkoomuu ABO

Waxabajjii 29, 2014 | Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)


Addii Bilisumma Oromoo, Oromiyaa sirna Kolonummaa Itophiyaa jalaa bilisoomsuu fi walabummaa gonfachiisuu akeeka godatee kan ka’e ta’uu hubachuudhaan,
Akeeka kana bakkaan gahuufis wareegamni ulfaataan, qabsaawotaa fi uummata bal’aa Oromoon baafamu fi baafamaa jiraachuu qalbifatuun,
Waggota kurnaan dabraniif gargar baanee gurmuun qabsichaa hubamuun diinaaf aanjaa uumuun ifatti waan mul’ateef,
Rakkoo adda bahuu keenyaaf sababaa tahe human sadaffaan maleetti mariin furachuun gurmuu qabsoo bilisummaa Oromoo cimsuun dhimma belbeltuu yeroo tahuu amanuu fi hawwii qabsawotaa fi umatni bal’aan keenya tokkummaa ABOf qaban herega keessa seensisuun,
Dhaabotni ABO SHG-ABO fi QC-ABO jedhamuun beekamaa turre gargarummaa nu gidduu jiru furannee, dhaabicha deebisnee tokkoomsuu keenya ummata Oromoo, deggertoota fi firoottan Qabsoo Oromoo hunda oggaa beeksisnu gammachuu guddaani.
Waliigalteen kun, yeroo mootummaan Wayyaanee uummata Oromoo hundee jireenya isaa irraa buqqisaa jirutti tahuun isaa rakkoo fi gidiraa ummata Oromoo irra gahaa jiru kana qolachuuf, daddaffiin irree qabsoo jabeeffachuu kan dandeessisuu fi qabsoo Oromoo fuula dura tarkaanfachisuu taha.
Mootummaan Wayyaanee yoomuu caalaa uummata Oromoo irratti yakka ajjeechaa jumulaa raawwachaa akka jiru ifatti mul’ata. Akkasumas kannen mirga ummata isaaniif karaa nagaa falman irratti ajjeechaa fi miidhaa gara jabina irraan gahaa jira. ABOn maatii fi firoottan kanneen mirga ummata isaaniif falmuu irratti wareegamanii fi miidhaan irra gahe hundaaf jajjabina hawwa.
Miidhaan mootummaa Wayyaanee itti hadhaawwuu irraa qabsaawotnii fi ummanni Oromoo biyya keessa jiru fincilee harka qullaa qawwee fi taankii dura dhaabbachaa jira. Ummatni Oromoo hawwiin isaa kan guutu kennaan osoo hin taane qabsoon tahuu caalaatti hubatee midhaa diinni irraan gahuun osoo boodatti hin deebinee qabsoo itti jiru akka jabinaan itti fufu ABOn yaadachiisaa, gama isaatiin humna guutuun haala kana jijiiruuf kan hojjatuu tahuu hubachiisa.
Gama kaaniin, hawaasni Oromoo biyya alaa jiru guutummaatti hiriira bahuun sagalee isaa ol-fuudhee rakkoo saba isaa dhageesisaa jira. Kana malees, Sab-qunnamtiileen Oromoo biyyoota alaa jiranillee rakkoo uummata isaanii dhageessisuun qooda isaanii bahaa jiran. Tarkaanfii jajjabeessaa hawaasni Oromoo biyya alaa fudhataa jiru kun hanga qabsoon ummata Oromoo bakka gahutti akka itti fufu ABO hiree kanaan yaadachiisa.
Saadarkaa Qabsoon ummata Oromoo amma irra jiru yoomuu caalaa qindoomina gaafata. Gaaffii yeroo qabsoon bilisummaa gaafatu kanairratti hundaa’ee ABOn tokkoome kun shaffisaan toftaa yeroon gaafatu raggaafatee qabsoo finiinsuu irratti kan bobbahu tahuu mirkaneessa.
Kaayyoon ABO uummata Oromoo biratti haalaan fudhatamaa tahuun hubatamaa dha. Haallan danqaa fi afanfajjii yeroo dabran uumaman irra aanamee fedhii fi hawwii uummata keenyaa bikkaan gahuuf tokkummaan murannoon hojjechuuf qophii tahuu ABO irra deebinee mirkaneessa. Kanaafis deggertootni, firoottan qabsoo Oromoo fi ummatni keenya tarkaanfii mooraa QBO jabeessu kana tumsuu fi deggeruu dhaan akka simatan ABOn waamicha isaa dabarsa.
Qabsaawonni Oromoo maqaa jaarmiyaa adda addaan sosso’an, kanneen bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaatti amanan hundi, fakkeenya ijaaraa gurmuu qabsaawotaa cimsu kana fudhatuun tokkummaa gara bilisummaatti geessu kana keessatti akka hirmaatan waamicha gochaa ABOn gama isaatiin mooraa qabsoo bilisummaa gabbisuuf tokkoomina jaarmayoota Oromoo irratti hojjatuu fi kan irratti hojjachaa jiruus bakkaan gahuuf murteeffatuu hubachiisa.
ABOn hariiroon ummata Oromoo fi olloota Oromoo gidduu ollummaa gaarii irratti kan hundaa’e akka tahuuf hojjataa ture. Har’as taanaan hariiroo Olllummaa kana cimsuuf hojjata. Addatti ummatootni cunqurfamoo Impaayra Itophiyaa keessatti hacuucamaa jirtan olola diinaa fi farreeniin osoo hin sobamiin ABO waliin wal tumsuun sirna cunqursaa Wayyaanee of irraa buusuuf akka qabsooftan waamicha isaa dabarsa.
Qabsoo ummatni Oromoo geggeessaa jiru qabsoo haqaa seera addunyaan deggeramu dha. Haa tahu, malee mootummootni aangawoo fi kanneen biroo illee haqa kana hubachuu lagatuun mootummaa abbaa irree fi kan mirga dhala namaa ifatti cabsaa jiruuf tumsa dinagdee, siyaasaa fi diplomasii kennuufiin bittaa isaa ummatoota cunqurfamoo irratti jabeessaa jiran. Waan taheef, ABOn mootummootni sirna abbaa irree kana deggeruu irraa of qusachuudhaan qabsoo haqaa ummata Oromoo akka deggeran gaafata.
Injifatnoon Ummata Oromoof!
GS-ABO
Waxabajjii 28, 2014

No comments:

Post a Comment