Nimoonaa Xilahuun wareegame

Waxabajjii 06, 2014 | Oromedia.net

Mana hidhaa mootummaa Itoophiyaa keesatti waggoota dheeraaf dararamaa kan ture, sabboonaa Oromoo, Nimoonaa Tilahuun guyyaa har'aa addunyaa kana irraa boqote.

Nimoonaa Xilahuun
Nimoonaa Xilahuun
Sababa gaaffii mirgaa fi bilisummaa Oromoo deeggareef humnoota tikaa wayyaaneetiin Waxibajjii 26, 2008 hidhattoota mootummaa konkolaataa gabatee isaa 3-F ta’een qabamee kan hidhame Nimoonaa Xilahuun, manneen qorannoo fi hidhaa Itoophiyaa kan akka Maa’ikalaawwii fi Qaallittii keessatti hiraarfamaa akka ture ni beekama.
“Namni mul’ataa jabaa qabu kun hojii barsiisummaa jalqabee otuu baatii tokko hin gahiin Poolisii Federaalaatiin ukkaamfame,” kan jedhan hiriyooti isaa yeroo sanatti ijaan argan, “Konkolaataa kana keessaa namootni uffata sivilii uffatan utaalanii bu’uudhaan balleessaa tokko malee barsiisaa Nimoonaa ukkamsanii fuudhanii sokkan,” jedhan.

Hiraarfama waggoottaan dheeraatiin dhukkubsatee wal’aansa gahaa dhabee kan ture sabboonaan Oromoo kun, yeroo sana irraa kaasee haga dhiyeenya kanaatti tajaajila gahaa dhabuu irraa kan ka’e hedduu hubamuu isaa ibsan.
“Woggootii ja’aan darbaniif Manneetii hidhaa Mayikelaawwii, Qaallittii, Qiliinxoo, akkasumas Ziwaayitti gidiraa ilmoon namaa arguu hinqabne baayee arge,” kan jedhan raga-baatoti kunneen sababa kana irraa kan ka’es dhukkuba irra bu’uu isaa mirkaneessan.
Yeroo hedduu erga hubamee booda akka yaalamuuf gara hospitaala Xiqur Anbassaa geessamus, qaamni isaa hubame deebi’ee dandamachuu waan dadhabeef du’a irraa hafuu hin dandeenya.
Nimoonaa Xilahuun sabboonaa, kutataa fi qaroo dhimma sabaa irratti ejjannoo jabaa qabu ta’uu hiriyooti isaa ragaa bahu.
Nimoonaa June120142
Hiriyooti isaa akka ibsanitti, Nimoonaan akkuma maqaa isaa, yeroo  mana barumsaa ture irraa kaasee haga gaafa hidhameetti, otuu garbummaa fi garboonfataaf hin jilbeeffatiin nama kutannoon qabsaa’aa  tureedha.

Mana hidha akeessattis doorsissaa fi reebicha diinaaf otuu hin jilbeeffatne, ejjannoo isaatiin waan dhaabbateef murtiin guddaa itti darbee ture.
Seenaa isaa irraa akka hubatamutti, Nimoonaa Xilaahun bara 2007 Yunversiitii Finfinneetii eebbifamee godina Shawaa Kaabaa  mana barumsaa Shanootti barsiisaa ta’ee ramadame. Waxabajjii 26, bara 2008 immoo humnoota tikaatiin ukkaamfamee woggootii ja’aan darbaniif Manneetii hidhaa Mayikelaawwii, Qaallittii, Qiliinxoo, akkasumas Ziwaay keessatti gidiraa ilmoon namaa arguu hinqabne baayee argaa ture.
Dhukkuba isaa kanaafis yeroo dheeraa fuundura woldhaansa haakimaa argachuun irra ture hinargatiin hafe. Bulchiinsi mana hidhaa lubbuu dargaggoo kanaa baraaruuf gargaarsi woldhaansaa hakimaa olaanaan akka isa barbaachisu otuu beekanii yeroo dheeraadhaaf wal’aansa ugguran.
Dhuma irratti guyyaa muraasa fuudura waardiyyoota poolisii federaalaa afuriin marfamee eegamaa hospitaala Xiqur Anbessaa akka seenu godhan. Haata’uutii, qaamni isa adhukkubaan hubame dandamachuu wana dadhabeef hospitaala “yaalamaa” ture keessatti waxabajjii 6, bara 20014 ganama addunyaa kana irraa darbe.
Nimoonaan akkuma sabboontota Oromoo, sababa garbummaa didee bilisummaa filateef hidhaatti darbame;  mana hidhaa dararamaa ture keessatti lubbuu isaa jijjiirraa hin qabne bilisummaa Oromoof wareege.
Oromedian maatii isaatiif jajjabina; lubbuu isaaf immoo qabbana hawwa.

No comments:

Post a Comment