Oduu amma Hammaareysaa fi Murti-Guuto irraa nu gahe!!

Waxabajjii 11, 2014
Oduu amma Hammaareysaa Irraa nu gahe
Reefa namoota jumlaan ajjeefamani magaalaa Harar iddoo Hammaareysaa jedhamutti kaambi waraanaa keeysatti arkaman keessaa kan nam lamaa osoo hin tortorin arkameeraa. Kun kan agarsiisu ajjeechaan dhihotti kan raawwatame tahu mirkaneeysa.
Reefka lameen keessaa inni tokko ijjii saa kan carqaan hidhame yammuu tahu kan biraa ammoo afaan isaa cancalame harki saa dubbatti micciirame hidhamee fi akkuma marxoo marxifateetti (mbrxoon uffata Aadaa Oromoo Harargee Bahaa ti) argamuu saa gabaafame.
Lafeen namoota jahaa kan argame yammuu tahu ajjeechaan saani garuu kan ture dha. Jedha maddi oduu keenyaa.
ODEEYFANNO MURTI-GUUTO
Magaalaan Harar ar'an tana dirree waraanaa taate oolte!!
Lafeen wareegamtoota Murti-Guuto Afran Qalloo kanneen mootummaa Dargi fi Wayyaanen ajjeeffamani fi gatamani kaampi waraana wayyaane keessatti akkuma cancalaan harkaa fi milli hidhametti bolla kaambiti awwaalaman magaalaa Harar bulchinsa araddaa haakim iddoo Hammaareysa jedhamutti kaambi waraana wayyaane kan ture keessatti argamera jedha oduun achirraa nu geesse.
Sababa kambin investeraf kennameen gireedaraan lafa otuu qotaa jirani reefki jiidhan kan waggaa lamaafi sadi dura ajjeeffame fi lafeen namaa baayyinaan argame.
Oromoon harar, Murti-Guutoon akkuma jirutti bahee iyyansaan dachifi sami gargalchuudhaan ilmaan Oromoo kanneen murti guutani falmatan kan mootummaa Habashaan ukkaamfamani achi buuten saani hin beekkamne kuno haqni saani iyyee!! "way yaa Afran Qalloo!! way yaa Murti-Guuto..." jechuun waraana mootimichaa kan isaan ittisuuf bahee wajjiin falmi guddaa adeemsisaa ooleraa.
Dhukaasni ummata irratti baname jira, karaan makinaa yeroo ammaatti waan cufameef dirree dhawaa deemuun hin dandayamu. Namootni dhukaasaan namootni 3 madaawan jiran je'a oduun iddorraa nu gahe. Ammallee jeequmsi hamaan gadgeeffamaa akk jiru madda oduu keenya irraa hubachuun dandayame.

No comments:

Post a Comment