Wallagga Magaalaa Gullisoo Keessatti,Sabboontichi Barsiisaa Magarsaa Abdiisaa Mirga Uumata Oromoo fi Ajjeefamuu Barattoota Oromoo Akka Dhaabbatuuf Osoo Falmuu Loltoota Wayyaaneen Wareegame.

Waxabajjii 05, 2014 | Qeerroo.org

Ilmaan Oromoo karaa nagaan gaaffii mirgaa kaasaniif deebii sirnaa kennuu kan dadhabe mootummaan faashistii Wayyaanee deebii dha jedhee kan inni itti fuulleffatee jiru itti dhukaasee akkasumas haala baay’ee ulfaataa ta’een reebuudhaan ajjeesuu akka ta’e gochi isaa dhaabbatee ta’ee mul’ataa jiru ifa godha.
Waraanni Agaazii fi poolisootni Federaalaa guutuu Oromiyaa weeraranii jiranii fi bulchiinsa Oromiyaa guutummaatti dhuunfatanii jiran barattootaa fi sabboontota Oromoo meesha maleeyyii itti dhukaasanii ajjeesuu, jumlaan qabanii hidhaatti darbuun achi keessatti haala baay’ee ulfaataa ta’een tumuu fi torture gochuun ajjeesuu akka ta’e bal’inaan gabaafamaa jira.

Gochi yakkaa fi suukanneessaa loltootaa fi poolisoota wayyaanee kun tibba kana Godina Lixa Wallaggaa magaalaa Gullisoo keessattis kan mul’ate oggaa ta’u, dargaggoon Oromoo barsiisaa BLTO ta’e Magarsaa jedhamu suuraan isaa armaan olitti mul’atu kun balleessaa tokko malee loltoota Wayyaaneen qabamee tumaatiin daangaa hin qabne irratti raawwatamuu irraa Waxabajjii 01, 2014 wareegameera.
Bakki dhaloota isaa Godina Baha Wallaggaa Giddaa Kiiramuu kan ta’e dargaggoo Magarsaan, haadhaa fi abbaa kan hin qabne hojii barsiisummaan Gullisoo kan jiraatu ta’uu oduun nu gahe ifa godha.
Humni waraana wayyaanee Oromoo gooluu, hidhuu fi ajjeesuuf magaalaa Gullisoo fi naannootti bobba’anii jiran, dargaggoo Magarsaa naannoo mana barnootaatti arganii bal’eessaa tokko malee qabuun ati ABO dha ittiin jechuun akka bofaatti gurmuun itti duudanii haala baay’ee ulfaataa fi gaddisiisaa ta’een reebanii akka ajjeesan beekuun danda’ameera.
Reeffi dargaggoo Magarsaa gara naannoo dhaloota isaa Giddaa Kiiramuutti akka fudhatames oduun nu gahe ni hubachiisa.
Dargaggoo sabboonaa Oromoo wayyaaneen galaafatteef gaddi isaa kan hunda keenyaa ti; biyyeen itti haa salphattu kan jedhan Qeerroo fi sabboontotni Oromoo Gullisoo fi naannoo, gumaan ilmaan Oromoo mirgaa fi bilisummaa ummata Oromoof jecha wareegama baasanii fi baasaa jiranii milkaa’ina akeeka QBOtiin akka deebi’u hin mamnu jedhaniiru.

No comments:

Post a Comment