Rakkoon Qabsoo Oromoo (QBO) maali? Akkamin furamuu danda'aa?

Adoolessa 01, 2014 | Anoole Wako Irraa

Dhaabooti yeroo amma maqaa ABOn socho’an hedduu ta’anii jiru. Qoqqodamuu isaaniitiif waan sababa ta’e hedduu maqaa dhahuun ni danda’ama. Asirratti sababa hunda gutuutti ibsuuf yeroo fi bakka fudhatuu ni mala. Garuu sababoota akka Mulata ifaa (Clear Vision) dhabuu; Tarsimoo fi Toftaa dhugaa-hundessuu (realistic) fi hojjataa(workable) dhabuu; jaarmiyaa sona-qabessa (vibrant organization) dhabuu; toftaa wal-diddaa kessaa ittiin hiikan dhabuu (lack of internally built conflict resolving mechanism); dandeettii fi leenjii dhabuu qabsa’otaa fi hogganootaa; diinaa fi firaa ifaatti addaan baasuu wallaaluu; haala keessaa fi alaa sirritti hubachuu dhabuu (lack of understanding of internal and external environment); fi aadaa siyaasaa bodessaan sochii qabsoo Oromoo kana kessatti dagaaguu dha jedheen amana.


Sababiin kunniin hundinuu bifa adda addaatiin laafina sochii qabsoo bilisummaa Oromoo kessa jiru fi qoqqodamiinsa uumame kanaaf gummaachanii jiru. Yaada kiyya sirritti ifa godhuuf qabxiiwwaan akka sababaatti kaasee kanneen kessaa tokko tokko ibsuufan tattafadha. 

Akka ani yaadutti dhaaba tokko milkessuuf inni duraa mulata ifa ta’e (clear vision) qabaachuu dha. Yoo mul‘ati ifaan hin jiraanne dhaabni tokko bakka itti deemuu fi akkamitti akka deemu karoorfatee hojjachuuf ni rakkisaan. Dhaabni fulduree isaatti suraa ifaa ta’e tokko qabaachuu qaba. Mula’ati kunis dhugaa-hundessa (realistic) fi kan dhaqqabamu ta’u qaba. Yoo mula’ati ifaan akkasii jiraate hooggannii fi miseensi dhaaba sanaa cichoomaa (commitment) barbaachisu ni qabaata. Toftaa fi tarsiimoo barbaachisu kalaaluuf, eenyu waliin hariiroo uumna, jijjirama akkamii biyya keenya irratti fiduuf deemna, injifannoo yoo jennu maal jechuu keenya akka salphaatti deebii argata. Kanaaf hunda dura maal argachuuf akka qabsa’an baruun barbaachisaa dha. Kuni ifaatti bakka hin jirreetti tokkummaaf jabina jaarmiyaa tiksuun ni rakkisa.  

Dhaaboota Oromo keessatti waan wal- diddaa uumuu fi addaan facaasu kessaa inni tokko mula’ata ifaa dhabuu kana dha. Akka ani hubadhuutti mula’ata ifaa dhabuutti aanee rakkoon guddaan sochii Oromoo kessatti jeequmsaa uumaa turee fi jiru tokko tarsimoo fi tooftaa dhugaa-hundessa fi hojjetaa ta’e ( realistic and workable tactics and strategies) dhabuu dha. Dhabni tokko haguma fedhe yaadaa fi abjuu bareeda qabaatu, abjuu bareeda qabaatuun qofti milkii fiduu hin danda’u. Abjuu/Mul’ata sana akkamitti milkessina daandii jedhu irratti itti yaaduun tarsimoo fi toftaa hojjataa fi qabatamaan hojjitti jijjiramuu danda’u faluu feesisa. 

Sochii Oromoo kessatti yeroo hedduu rakkoon mul’ata dhabuu irraa akka ka’e gad- fageenyaanis ta’u baatu ni hasawama. Dhaaboti maqaa ABOn of yaamanis ta’e dhaboti biroo Oromoo yeroo hedduu waan mul’ataa fi sagantaa siyaasaa irra deddebiyanii ni hasawu. Akkuma dura jedhe inni waan barbaachisu kessa isa tokko dha. Garuu jabinnii fi guddinni jaarmiyaa mul’ata gaarii fi sagantaa siyaasaa gaarii irraa qofa argama jedhanii yaaduun afaan-faajjii (illusion) guddaa dha. Akkuma beekamuu dhaaboti maqaa qabsoo Oromoon of-waaman hedduun yeroo garii duraatti, yeroo garii duubatti sagantaa siyaasaa isaani sirressesanii jiru. Garuu hojjii isaanii guyya guyyaa irratti jijjirraan dhufee qabatamaani hin mul’atu. Kana jechuun rakkoon bakka sana qofa hin jiru jechuu dha. Dhaabni tokko injifannoo qabatamaa tokko fiduuf, tooftaa fi tarsimoo, haala uummata isaa, uumama diina isaa, haala naannoo isaa, uumama jaarmiyaa isaa fi bifa miseensota isaa ilaalcha kessa galchee kan qabatamaan hojjatuu dandaú tokko kalaaluu qaba. Haata’u malee sochii Oromoo kessatti yeroo hedduu tarsimoo irratti marii godhamu hin dhaga’amu. Tarsimoon tokko yoo filatamu, jallachuu fi jibbuu irratti hunda’e miti. Eega xinxalli tarsimoo (strategic Analysis) gad- fageenyaan godhamee booda filama. 

Xinxallii tarsimoo (stratetic analysis) kuni yoo godhamuu odeffannoo qabatama ta’e haala kessaa fi alaa eegaa sirritti sakkatta’ee booda filannoo tarsimoo(strategic option) wal bira qabuun kam akka wayyuu ilaala. Kuni bifa saaynisawaa ta’e tokkoon godhama malee miiraan (emotion) hin ta’uu. Tarsimoon tokko ammo yeroo tokko filame jechuun akkuma siidaa bakka tokko taa’a jechuu mitii. Haalli kessaa fi alaa yoo jijjiramu haala jijjiramee sana waliin akka wal-simuu danda’utti sirreffamaa (adjusted) deemaa. Otoo xinxala tarsimoo (strategic analysis) hin godhiin tarsimoo filuun dogogora (fallacy of highest order) guddaa dha. 

Haala keenyatti yoo deebine tarsimoo fi toftaa qabaatuu mitii yaadumtii isaatu waan jiru hin fakkaatu. Yeroo garii waan hedduu nama qanessu tarsimoo keenya qawween ykn karaa nagaa jedhanii isaanii wal-loluun arga. Jarri lachuu waan jedhan kana godhuufis ta’e waan kuni akkamitti akka hojjitti jijjiramu yaada bilchaate (detailed strategic document) hin qaban. Xinxala tarsimoo (strategic analysis) barbachisu otoo hin godhiin dandii kanatu nu baasa jedhanii dubbachuun kaayyoo otoo hin taane daandii waaqessuu (worshiping the means) ta’a. Gariin yaada qawwee/qabsoo hidhannoo jedhu kana irraa deddebiyanii jechuun waan goota ta’an itti fakkaata. Warri hafanis karaa nagaan jechuun akka waan Oromoof dandii (karaa) gabaabaa filaniif itti fakkaata Sochii qabsoo tokko kessatti tarsimoon filatamu haala qabsoon sun itti deemaa jru, uumaa diinaa, haala uummata sanaa fi nannawaa sanaa xinxaluun ta’a. Qabsoo hidhannoos haa ta’u qabsoon bifa biraa hojjachuu ni mala. Hata’u malee haga falmiin jabaan, qorannoon gad-fageenyaa fi xinxalli tarsimoo hin godhaminitti waan jedhamu hundi haasaa (oduu) dhuuma karaa irraa ta’ee hafa. Gartuun lachuu marii sirnaa fi falmii (debate) akkasumas xinxaalli tarsimoo (strategic analysis) akka hin deemne sakaalanii (hostage) godhanii jiru. Maraamartoo (vicious circle) akkanaa kana kessaa haga isaan bahanitti sochii qabatamaa godhanii injifannoo qabatamaa galmessuun hin danda’amu. Bakka hojjiin qabatamaan hin jirreetti ammoo wal- nyaatuu fi wal-jeequun, laafina jiru walitti haqatuun kun itti fufa. Xinxala tarsimoo (strategic analysis) gaggessuun toftaa fi tarsimoo filuuf jaarmiyaa barbaachisa. Otoo jaarmiyaa hin qabanne waan kana godhuun hin danda’amu. Jaarmiyaa jechuun kan maqaa qabu, sagantaa siyaasaa qabuu fi kan waggaatti yeroo tokko ibsa baasuu jechuu miti. Jaarmiyaa jechaan namoota walitti qabamee jechuus mitii. Jaarmiyaa kanaa olii dha. Jaamiyaan meeshaa namooti kaayyoo wal- fakkataa qaban walitti dhufanii yaada, qabeenya, humnaa fi dandetti isaanii walitti kuusuun kaayyoo dhabbataniif sana bakkan gahuuf ittiin(waliin) hojjatanii dha. 

Jaarmiyaa tokko kan yeroo irraa gara yerootti dandettii fi hubannoo miseensota isaa guddisaa deemu, kan haala (environment) kessa jiru yeroo yeroon xinxalee toftaa barbachisu tokko baasu, kan kessatti miseensoti isaa afuura-tokkummaa (Espirt de corpus) qaban,kan haala of-dura dhufu tilmamee toftaa fi tarsimoo haala sana ittiin taligu (managing changes) kan qabu, sirnaa fi aadaa hojjii (internally built system and organizational culture) kan qabu, kan yaada adda addaa miseensota isaa gidduutti uumamu akka falmii jabaan (vigorous debate) godhamee kara tokkotti luucca’u, yoo wal-diddaan uumames wal-diddaa sana hiikaaf irraa barataa deemuu fi walumaa galattii jaarmiyaa huumaan miseensa isaa, yaadaa fi qabeenya miseensotaa walitti qabuun annisaa (synergy) uumuu danda’u ta’uu qaba. 

Karaa jarmiyoota Oromootti yoo deebinuu hedduun isaanii ulaagaa akkanaa hin guutan. Miseensa jechuun kanuma maqaa isaa achi kessatti barreffamee buusii xixxiqqoo tokko buusuu/walitti qabu hogganni ammoo waan walitti guuramte sanaan kan hojjii hojjetu fakkaata. Haala akkasii kana kessatti bu’aa qabatamaa fiduun waan hin danda’amneef wal- nyachuuf wal- komachuun kessatti guddata. Kanaaf gara addaan qoodamuuf qoodamiinsa sanaaf ammoo himata (narrative) tolfachuutti deemu. Himati (narrative) duraa- duubatti (retrospectively) uumama. Aadaan yaada ofii bilisa ta’anii ibsachuu fi falmuu waan hin jirreef waan himatamu(narrative) kamtu dhugaa dhaa fi kamtu sobaa addaan baasuun hin danda’amu. Jarmiyaan ijaaramu tokko ilma-namaa yaada qabu walitti dhufuun ijaarama. Namni walitti dhufu kun ammoo yaada adda addaa qaba. Yaadii adda addaa kuni qulqullayee kara tokkotti qajeeluu qaba. Falmii godhuu fi aadaa jaarmiyaa tokko kessatti yaada ofii bilisa ta’anii ibsatuu, dhimma tokko irratti ilaalcha (perspective) adda addaa ibsatuu dhabuu, ilaalchi adda addaa kuni ammoo falmii (debate) sirna qabuun akka inni yaada tokkotti qajeelu godhuun aadaa jaarmiyaa tokko kessatti isa murtessaa dha. Jaarmiyaa yaadi adda adda kessatti hin callaqisnee ykn wal-diddaan kessatti hin uumanee jaarmiyaa nama du’an ijaarame qofa dha. Namni lubbuu qabu ni yaada. Yaadi nama ammoo yeroo hunda tokko ta’uu hin danda’u. Yaadi adda addaa kuni akkamitti kara tokkotti qajeelee, jaarmiyaa jabaa ta’a jedhanii yaaduun toftaa fi tarsimoo hojjetaa fi aadaa jaarmiyaa jaba barbaachisa. 

Jaarmiyaa Oromoo kessatti yoo ilaalle, yeroo hedduu yaada irratti otoo hin taane namoota irratti ijaaraman. Kana jechuun namoota maqaa nama tokko tokko ilalanii jaarmiyaa wayii deggaran ykn ammoo maqaa nama garii ilaalanii jibban ni jiru. Jarri akkasii maqaa namaa ilaalanii walgayii dhaquu ykn hafuu. Walgayii gartuun isaanii irraa shakkii qabaniin adeemsifamu hin dhaqan. Akkuma waan yaadii namaa walgayii irratti afuuraan akka dhukkubaatti darbuutti sodaatu. Kanaaf yeroo hunda waanuma ofii fedhan dhaga’u. Yoo dubbatanis warruma yaadaa akka isaanii duranuu qabu qofaatti dubbatuu. Kanaaf walgayiin suni homaa hin jijjiruu jechuu dha. Namuma duraanuu yaada tokko qabutti yaaduma sana irraa deebiyanii dubbatuun maratummaa irraa garagarummaa hin qabu. Yaadii kiyya gaarii dha namni jedhuu fi ofirratti amantii qabu tokko bakka inni yaadaa isaa itti deemsisuu fi dhiibuu qabu, warra yaadaa sana hin qabnee biraattii dha. Yoo akkas godhee nama harayaa yaadaa isaatti fidaa deema. Namni isa deggaruus ni guddataa deema. Yoo yaadii isaa suni warra yaadaa isaa mormu sana bifa gahaa ta’e tokkoon hin amansiisnee, laafina yaada isaas baree yaada isaa sana qarachuu (sharpen), sirreffachuu ykn akka biraa tokko soneffachuu (rearticulate) godhuu ni danda’a. Bakka walgayiis yoo dhaqan yaada kennamurratti otoo hin taane namicha yaada kennerratti yaada kennatu. Yeroo garii waan namichi suni ammatti dubbataa jiru irratti otoo hin taane waanuma wagga 30 dura ykn 40 dura inni dubbataa/yaadaa ture irratti yaada kennatu ykn ammoo seeteedhaan (prejudice) dhaan guutamanii dhaqu. Waan achiitti argan otoo hin taane waan duraan mataa isaanii kessa jiruun lolu. Namni bara dheeraa kessa yaadaa isaa ni jijjirrata. Waan inni yeroo sanatti dubbatuu ilaalanii sirrummaa (validity) yaadaa sana ilaaluu dha malee waan inni amma dubbatuu dhiisanii waan inni wagga 40 dubbataa ture waliin wal-loluun homaa hiika hin qabu. Namni waa barataa deema waan ta’eef dirqamatti uumurii guutu yaada tokko hin qabu. 

Yeroo hedduu namooti durii qabsoo Oromoo irratti ilaalcha bira qaban amma yoo sochii Oromootti dhufan ilaalcha akkana kanatu rakkoo itti uuma. Gariin isaanii namni walgayii tokko yoo dhaqee kessayyuu bakka isaan jibban guyyaa biraa namaan oodu. Ilma nama kana akkuma xaarmusii duwwaattii ilaalu. Bakkuma dhaqeetti abbaan fedhe waanuma fedhe guyyuma tokkoon itti guttatuu. Namni akkasitti yaadu waruma yaada ofirratti amantaa hin qabne dha. Ammallii akkana kuni jaarmiyaa Oromoo kessaa balínaan mul’ata. Ammalli jaarmiyooleen Oromoo qaban biraan ammoo, hedduun isaanii maqaa Oromootiin yaa ijaaraman malee, yoo itti siqanii ilaalan maandhee(core group) wayii of kessatti qabu. Hundeen kuni namoota naannoo tokko dhufan, ykn umuriin walitti-dhiyoo jiran ykn ammoo hiriyoota/firoota ta’uu nimalu. Kanaaf miseensoti yeroo hedduu bakka lamatti qoodamu. Warra gartuu maandhee iciitii keessaa (Core Group) kanaan kallattiin walitti hidhatee jiruu fi miseensota moggaa (peripheral members) jechuu dha. Jaarmiyaa kessa jaarmiyaan jira jechuu dha. Warri moggaa kun naannoon ykn umuriin warra jaarmiyaa sanatti abbummaa qaban (core group) kanaaf faayaa ykn golgaa(decoration or cover ) ta’uf malee yaadaa fi ilaalchi isaanii hagas mara murtii darbu irratti dhiibbaa hin qabaatu. 

Jaarmiyooti Oromoo jiran hundi isaanituu otoo tokko tokkoon maqaa kasnee ilaalle eenyu gartuun akkamii akka kessatti madheffatee jiruu fi eenyuma maqumaaf akka jaarmiyaa sana kessa akka jiru baruun ni danda’ama. Gariin isaanii namni mandhee kessaa (core group) sana irraa adda ta’e hedduu waan hin qabneef, haga danda’anitti nama addaa suni tokko illee yoo ta’e akka inni fuula (public) isaanii ta’e mul’atu godhuuf tattafatu. Ammallii kuni seeraan barreffatanii hin qaban. Garuu akkuma duratti jedhe namni nama yaada isaarraa fagoo jiru aadaa dubbisuu fi waliin hasawuu waan hin qabneef namuma isa fakkaatu/naannoo isaatti dhalatii walitti dhufenyaa maatitii fi firummaa (informal network) irratti ijaarama. Garuu akka jaarmiyaa hunde bal’aa qabu fakkessuuf namoota tokko tokko barbadanii itti dabalu. Warri mandhee akkasii qaban kuni yeroo Oromo kessa babarrummaan (diversity) akka jiru dubbiin ka’e fi jaarmiyaan kuni Oromoo hin callaqqisuu (reflect) hin godhuu yoo jedhanii akka malee of-ttissuu (defensive). Garuu uummatii jiruu isaanii guyya guyyaa fi eenyu walgayii isaanirratti akka hirmaatu, eenyu guyyaa isaan walgayii waaman yoo dhaqee gaaffii akka gaafatuu fi gaaffii akkamii akka gaafatuu beekuun jaarmiyaa tokko kan gartuu warra akkamii dha waan jedhu suni akka salphaatti deebiyaa. Kanaaf namni ifaatti jechuunis baatu kessatti garuu eenyuma (character) isaan akka salphaatti ibsaa. Haalli kuni akkuma salphaatti waan baramuuf miseensota moggaa kuni yeroo yeroo irraa harca’aa yoo deeman gartuun suni qullaa ta’eeti warruma maadhee kessaatti hidhata qaban sanatti qullayaa deema ykn ammoo waggoota 10 booda illee yoo itti deebitee ilaalte bakka turan sana irraa yoo gad-deeman malee isaanii ol-deemu (gudatu) hin argitu. Jaarmiyaan ilma namaa kan lubbuu qabuun ijaarame tokko keessatti jijjiiramnii fi guddinni jiraachuu qaba. Yoo jijjiramnii fi guddinii jirachuu baate jaarmiyaan suni du’ee jira ykn warri jaarmiyaa sana kessa jiran yaadi isaanii duee jira jechuu dha. Haalli kun sochii Oromoo kana kessatti baldhinaan muldhata. Namoonni jaarmiyaa akkanatti du’an kana kessa jiraatan fi achuma kessa ho’ifatanii (comfort zone) kessa jiraachuun isaan nufsiisee ka’aniituma jarmiyaa biraatti ce’u. Aadaan kun illee jaarmiyooleen addaan baba’uu fi eega addaan baba’aniis homaa waan qabatamaa ta’e tokko hojjachuu akka hin dandeenye godhee jira. 

Walumaa gala rakkinooti ani olitti xuxxuquuf yaale kunii fi rakkinoooti biraa ABOs dabalatee jaarmiyoolee siyaasaa Oromoo akka addaan diigamaa deemanii fi akka isaan hin guddannee taasisee jira jedheen amana.

No comments:

Post a Comment