Haala FDG Moorawwaun Yuuniversitiilee Irratti Adeemsifamaa Jiruu

Hagayya 24, 2014 | Qeerroo.org

Mootummaan Wayyaanee barattoota Oromoo faana dhawuuf jecha maqaa walgayii jedhamu dirqamaan Oromiyaa keessaa yuuniversitiiwwan irratti adeemsisaa jiraachuun waan ifaa fi beekamaadha, gama hundaanuu gabaasni isaa kan dhaamamaa jiruu dha. Yeroon kun yeroo barattootni boqonnaa godhatanii fi maatii isaanii gargaaruun, of gargaaruun mana barumsaa bara itti aanuutti of qopheessaniidha. Kunis ka’umsa FDGf sababa guddaa ta’ee, moorawan Yuuniversitii walgayiin kun itti adeemsifamaa jiru keessatti gaaffiin mirgaa haala hoo’aadhaan ka’aa jiruudha. Oromoon yeroo mammaaku “lukkuun haatee haatee aalbee ittiin qalan baafte” jedha mootummaan wayyaanee kaayyoo uummataa fi gaaffii mirgaa ilmaan Oromoo itti wareegaman sammuu isaanii balleesuu fi dhimma guddiina biyyaa fakkeessuun maqaa walgayiin gara barattootaatti dhiyaate. Kun barattoota Oromoof yeroo itti gaaffiin mirgaa ifatti bahee gaafatamu tahee argame, akka dimshaashaatti gaaffiiwwan walta’aan yuuniversitiiwwan irraa ka’aa jiruu fi gara walgayii kanaattis osoo hin seenin dura gaaffii fi yaadni barattoota irraa maddaa ture akka armaan gadiitti kan fulla’ee jiruudha.

Yuuniversitii Amboo, Mattuu, Jimmaa fi Bulee Horaa Irratti:-
Hagayya 21 irraa kaasee yuuniversitii kana keessatti barattootni walgayiif waamaman hunduu sodaa fi qaanii tokko malee hoogganoota OPDO dirqamaan TPLFn erge dura dhaabbatanii gaaffiwwan mirgaa qabxiiwwan 10 oli kaasanii jiru,akkuma beekamu mooraa yuuniversitii Amboo irratti kan ramadame koreen Giddu Galeessaa H/R OPDO Bakar Shaalee miseensota muraasa nama 8 ol of jala hiriirsuun walgayii barattoota kana gaggeessuuf dirqamee bakka sanatti argame gaaffii barattootni kaasaniin yaaddoo guddaa keessa seenanii jiru, barattoota kana tasgabbeessuufis humni waraanaa magaalaa fi naannowwan yuunniversitii Amboo qubachiifamanii jiru, gaaffiin barattootni gama yuuniversitii Ambootti kaasanii jirana.

  1. Ilmaan oromoo yuuniversitii, koollejjii,mana barumsaa sadarkaa gadiitii fi hojii dhuunfaa akkasuma hoji mootummaa irraa hidhamanii jiranii fi ariyaman; kan hidhaman ammatti haa gadhiifaman, kan barumsaa fi hojii irraa ariyaman deebi’uu qabu,

  2. Nuti ilmaan Oromooti, Oromummaan ammo yakka miti, of beekuun maaliif yakka ta’ee? Oromummaa keenyaaf maaliif hidhamnee dararamnaa?

  3. Qabeenyaa saba Oromoo saamuu fi gurguruun dhaabbachuu qaba, Oromoon qabeenyaa isaatti fayadamuu qaba,

  4. Humni waraanaa maaliif nu ittisa? Mooraa barnootaa keessaa bahuu qabu, humna waraanaan doorsifamuun nurraa haa dhaabbatu

  5. Maqaan Master Pilaanii haqamuu qaba, godina addaa federaala jala galchuun uummata keenya miidha malee uummata keenya hin fayadu kanaaf kaayyoon kun kanaan booda sagaleen isaa dhagayamuu hin qabu, haqamuu isaa dhagayuu qabna,

  6. Oromoon ofiin of bulchuu qaba,mirgi diimokiraasii haa kabajamu,

  7. Nuti barattoota hojjetoota miti, maatii keenyatu nu deggera, maqaa walgayiin hojii guyyoota 15 dhabnee as taa’aa jirra, kaffaltiin durgoo ga’aatti maaliif nuuf hin kennamuu? Kennamuu baatu walgayii jettan kana irratti argamaa hin jirru,

  8. Oromo hidhuu fi barumsa irraa ariyuu akkasuma akka bineensaatti adamsanii ajjeesuun dhaabbachuu qaba,

  9. Walgayii humna waraanaan dirqamamnee hin hirmaannu,

  10. Afaan Oromoo afaan federaalaa afaan hoji tahuu qaba,

  11. Keeyyanni 39 hojiitti hiikamuu qabu, mirga ofiin of bulchuu, mirga hiree murteeffannaa ragga’uu qaba.
Jechuudhaan gaaffiwwan kunneen yuuniversitiilee armaan olii keessatti kan ka’aa jiruu fi haaluma wal fakkaataadhaan yuuniversitiilee garagaraa keessatti akeeka dhaaba keenya ABO galmaan gahuu,faaruu ABO faarsuuf mul’achaa jira akka fakkeenyaatti yuuniversitii wallaggaa keessaa Horroo, Najjoo fi Gimbii keessatti haalonni kun mul’achuun gaggeessitoota wayyaanee achirratti argaman yaaddessuu fi mataa dhukkubbii itti ta’ee jira.

No comments:

Post a Comment