Gaaffii Mindaan Kan Wal Qabateen Poolisoonni Naannoo Oromiyaa Diddaa Kaasaa Jiru.

Fulbaana 25, 2014 | Gabaasa Qeerroo

img0029a

Mootummaan Wayyaanee somba keenyaan afuura baafatee, fiigichaa fi dafqa keenyaan,aangoo isaa irratti umurii dheereffate,nuti umurii keenyatti barumsa utuu hin jedhin maatii keenya irraa adda baanee kaayyoo mootummaan galmaan geenya jennee saba keenyaanis jibbamnee, mootummaan Wayayanee ofii rakkina keessa of baasee firaa fi dachee isaa irratti badhaadhee kan baatii baatiidhaan argannuttiyyuu miindaa seera qabeessan nuun gahuu didee jechuudhaan poolisoonni naannoo Oromiyaa gaaffii miindaa kaasanii akka jiran gabaasni nu gahe addeessa.

Akka gabaasni nu gahe ibsutti hojjetootni mootummaa yeroo ammaa gaaffii dabaliinsa miindaan wal qabatee kaasaa kan jiraniidha, miindaan ni dabalama jedhee hojjetoota isaa sobuu irrayyuu miindaa dhuma baatii beellama isaaniitti kennamu irra darbee yeroo ammaa poolisoonni naannoo Oromiyaa yeroodhaan miindaan nu qaqqabsiisuun maaliif akka hafe gaaffii waan nutty taheef mootummaa of irratti goobsinee aangoo isaa irratti baroota hamma kana utubaa fi humna isa taanee utuu jirru seeraan miindaadhuma qabnuyyuu nuun gahuu dide jedhuun, akkasuma mootummaan wayyaanee hidhattoota, humna nageenya Oromiyaa irraa ilaalcha gaarii waan hin qabneef karaa miindaan nu miidhuuf waan ka’aa jiruuf gaaffii miindaa irratti hirkatee kaasuudhaan diddaa jabeessuu irratti poolisoonni Oromiyaa argamaa jiraachuu gabaasni Qeerroo addeessa.
Dabalataan yeroo ammaa waajjiraalee dhaabaa godinoota Oromiyaa keessaa hojii irraa ariyamaa kan jiran keessattuu waajjira dhaabaa lixa shawaa Amboo irraa hojjetootni namni 8 ol hojii irraa mootummaan ariyee waan jiruuf, kunis hojjetootaa fi poolisoota oromiyaa keessatti gaaffiin isaa ka’ee kan jiruu fi akkasuma gaaffiin miindaan ka’aa jiru poolisoota qofa osoo hin taanee hojjetoota garagaraatiinis bakka hundaatti dabaliinsaan miindaan diddaa jabaatee kan jiru gabaasni Qeerroo nu gahe addeessa.

No comments:

Post a Comment