Godina Addaa Finfinnee, A/ Sulultaa Naannoo Gorfoo Irratti Uummanni Ayyaana Masqalaaf Nagaan Bobbahe Humna Waraana Wayyaaneen Bittimfame‏

Fulbaana 27, 2014 | Qeerroo Finfinnee
Gabaasa Qeerroo aanaa Sulultaa ganda Gorfoo jedhamtu irraa, Fulbaana 27, Mootummaan Wayyaanee haala yeroo ammaa kana keessatti sochii uummataa fi barataatti amanuu dadhabee, jira, namni kamuu gandaa fi hawaasaan walitti dhufee marii fi walitti dhufeenya qabu keessatti mootummaan waanuma isa irratti mariyamatu, sirna bulchiisan isaa kuffisuuf kan namni wal barbaadu tahuu isaa murteessee, shakkuu irraan, yeroodhaa yerootti bakka uummanni oromoo itti wal gayutti shakkuu irraan humna bittimmeessaa erguu, hordofsiisuuf basaastota isaatti fayadamuu dhimma bahuu hin dandeenye, uummata nagaa keessatti humna nageenyaa jedhee waraana ramada, uummanni oromoo waliin deemuu fi waliin jiraachu keessatti mootummaan wayyaanee yeroo ammaa baayee shakkee sodaatee jira.

Haaluma kanaan wal qabatee godina addaa Finfinnee aanaa Sulultaa ganda Gorfoo jedhamtu keessatti, uummanni ayaana masqalaa kabajatan wal gayan, humna poolisiitiin bakka itti wal gayanii bittimfamanii jiru, akkasuma namootni humna waraana wayaaneen toohatamanis jiru, sababoota hidhaa hin guunne uummanni ayaana fakkeessee siyaasa sirba, ABO faarsa, walleelee sirna mootummaa Wayyaanee morumu wallisan sababaa jedhuun uummata jiraattota kabaja ayyaana Masqalaa irratti wal argan humna waraana qabuun bittimsuu fi namoota shakkan ammoo yeroodhaaf toohatamani akka qorataman akka tahe gabaasni Qeerroo magaalaa Sulultaa irraa addeessa.
Akka gabaasni Qeerroo addeessutti dargaggoonni naannoo Gorfoo jedhamu keessa jiraatan bakka uummanni Oromoo wal argee jiru ayyaana kanaan wal qabsiisanii:
– Oromiyaan keenya, kan habashaa miti, habashaan aangoo nurratti hin godhatin!
– Oromiyaan Oromoodhaaf, Ormi nun bitin!
– Bilisummaan oromoof, walabummaan oromiyaaf!
– Oromiyaan ni bilisoomti!
Jedhanii sagalee bifa dhaadannoon dhageessisuu fi sirboota qabsoo waan sirbaniif isin ABO dha jechuun jaleewwan mootummaan wayyaanee aanaa Sulultaa irraa namoota naannoo kanaa akka toohatamanii fi yeroodhaan akka naannoodhaa bittimfamuu akka qaban ajajni baheen namootni muraasni tooahatamanii, uummannis akka waliin kabajaa ayyaanichaa hin kabajin hafeetu jira. Kanumaan mootumaan naannoo kana shakkuun poolisoota qubachiisuu, akkuma amala isaa qorannoof fiiguu irratti kan argamuudha jedha gabaasni Qeerroo nu gahe.

No comments:

Post a Comment