IRREECHI MALLATTOO TOKKUMMAA KEENYAATI!!!

Fulbaana 01, 2014 | SEENAA Y.G(2005) Irraa
Dr. Ali Birraa and Salia Sami, the two Oromo giant artists at the Toronto, Canada 2014 Irreecha
Dr. Ali Birraa (r) and Salia Sami (l), the two Oromo giant artists at the Toronto, Canada 2014 Irreecha
Addunyaan keessa jiraannu kun, irra jireessa Seenaa Abbooti Biyyaa Saamanii kan kooti jechuun waan nu dursaniif malee, Itoophiyaanis taatu Addunyaan biraa akka nu duuba jiran ragaalee hedduu tarrisuu dandeenya. Har’a Gabrummaa jala waan jirruuf, haqa kana fudhachiisuun ni ulfaata ta’a. Gaafa jabaannee humna taanee garuu addunyaan waan har’a aguugdee irra teesse kana ifa baasuun waan hin hafne. Gadaa nuuti waraqaa fi Maanguddoota keenya irraa dhaga’uun ala hojiin hin mul’ifne ykn, Beektoonni keenyas baratanii ittiin eebbifamuu malee, hanga har’atti Gadaan akkamiin hojii irra akka ooluu danda’u qorannoo gaggeessanii dhalootaaf dhiheessuu dadhaban kun, Dimokiraasii Ameerikaa har’aaf ka’umsa ta’uu isaa, Gola-hambaa yk Muziyeemiin Ameerikaa keessaa adda addaa, waan Oromoo addatti Booranaa keessaa guurame hedduu akka qaban, warri carraa argatanii ijaan argan ni dubbatu.

Biyyi yk Ummati Walabummaaf of qopheessu tokko, ega Walaboomee booda miti waan Biyya isaa keessatti ijaarrachuuf deemu yk barbaadu qorachuu kan eegalu. Walabummaa booda isa har’a Gabrummaa jalaa ba’uuf tattaaffannu caalaa hojiilee jajjabduutu nu eeggata. Walbummaa keenya kana mirkaneessuuf waan itti qophoofnu hedduutu jira. Humnaanu Biyya keenya dhuunfannu, Qabsoon Wlabummaa keenya addunyaa fudhachiisuuf nu eeggatu lakkoofsa hin qabu. Ragaalee walitti qabachuun, waan addunyaa irratti ittiin falamannu qopheeffachuun, waan gaafataman sirreeffachuun kkf, har’a kan nutti hin mul’annee, dhiheenya keenyatti argannu, yeroo yeroon isaa ga’u of biraa dhabnu hedduutu jira. addatti beektoonni keenya Dirree siyaasaa irratti wal qabuu irra, hojiilee suduudaan isaan ilaallatan ammumaa gurmaa’aanii fixachuu, ragaalee guurrachuu, hojiilee Dippilomaasii gaggeessuu, waan Ummati kun dur qaba jedhamu kana hundaa walitti fidanii, waan fooyyaa’uu qabu fooyyeessanii, Baraa fi Dhaloota kana waliin akka deemutti qopheessuun Abshaalummaadha. Mata duree kana irratti bal’inaan waan itti qophaa’een qabaa yeroo biraa itti deebi’a. qoodi hojii odoo jiraatee Mooraa qabsoo illee tasgabbeessuu danda’a jedhee waan yaaduuf.
Ummati Oromoo Gabrummaan dura akkuma Gadaan hundee Tokkummaa isaa ta’ee beekamutti  “AYYAANNI IRREECHAA”s mallattoo Tokkummaa Ummatichaa akka ta’ee, kanneen seenaa Ummata kanaa akka gaaritti beekan addunyaa irratti katabanii ragaa ba’aniiru. Mootootii Biyya isaaniif fakkeenyummaa keenya kaasanii gorsaa turuu, Gola hambaa Biyyootaa fi Yunivarstiilee addunyaa irraa bebbeekamootu of keessatti dhokfatee, bara jabaannee nu dubbachuuf eegaa jiru. Amantiileen Addunyaa dhunfatanii jiran kanneen dachee Oromotti osoo hin dhufiin Waaqeffannaan akka turee fi Amantiin Addunyaa kana irra jiru hundi Oromiyaa ega seenee illee, Ummati Oromoo, IRREECHA akka Mallattoo tokkummaa isaatti fudhatee hanga har’aatti waliin Guyyaa Galataa kana kabajachaa jiraachuu ragaa kan ba’an lakkoofsa hin qaban.
Irreechi Guyyaa Waaqa itti Galateeffatan. Guyyaan kun Warra Irreecha dhabamsiisuuf waggoota dheeraaf ifaajjan biratti hin beekamu. Oromoon isaan waliin jiraatu GUYYAA GALATAA jedhee yennaa kabajatu, warra mukattii sagaduu jedhanii isa balaaleffatu. Balaaleffachuu irra dabree hidhaa fi ajjeesaa turan. Addunyaan Oromoo booda dhiheenya kanaa kaaftee Guyyaa Galataa jettee yennaa xibaartu ammoo, amma danda’an lallabaniifii ibsafaa itti kennuu barbaadu. Waan maraafuu kan beekaa rafe ,,,, isa jedhan waan ta’eef qalbii isaaniif haa laatu  jechuun ala waan jennuun hin qabnu. Fakkeenyaaf Guyyaa jaalalaa kan jedhan addunyaan akka haaraatti faarsiti. Nuuti garuu maqaa adda addaa Godinaalee keenya keessatti haa qabaatu malee Baatiin Birraa Oromoo biratti waan addunyaan akka haaraatti faarsitu kanaan beekama. Addunyaan biqiltuu itti dhaabanii fi naannoo kunuunsan jettee Doolaara Biliyoonaan ittin saaman, Oromoon garuu muka muruuf seera mataa isaa umama isaa kaasee qaba. Addunyaan har’a Guyyaa hundaa, guyyaa fayyaa, guyyaa maanguddoo, guyyaa dubartii, guyyaa daa’immanii kkf jettee reefuu ramadaa jirti. Biyyoota hedduutti ega eegalamees Umuriin dargaggeessa tokko hin caalu. Oromoo biratti garuu Guyyaan 30 maqaa mataa isaa  fi hiikkaa mataa isaa qaba. waa hedduu kaasuu dandeenya. Nuumatu dhimma keenya dhimma addunyaa gochuuf hin tattaafannu malee, ykn Seenummaa isaatti qofaa daangeessinee teenye gaabbiin dhumna malee, waan irratti hojjatamu qabu lakkoofsa hin qabu jechuufan kaasee.
Irreecha waggoota 20 asitti kabajamaa jiru ilaalchisee beektoonni Biyya alaas ta’ee, Ummati keenya yaada nama jajjabeessu heddu kennee jira. Irreechi Guyyaa Galataa irra dabree hiikkaa ykn Kaayyoo jajjabaa kan biraas ni qabaata.waaqayyoo guyyaa kanaaf isa ga’ee ni galateeffatan. Hegareef illee akka karaa qajeelchuuf dhaammatan. Mallattoo Tokkummaa saba kanaa ta’uu isaa fi Tokkummaa saba kanaa jabeessuuf qooda ofii akka gumaachan kakuu haarofatan, garaa qulqulluu wal eebbisan, hammeenya wal irratti hojjatan waliif dhiisan, garaatti hammeenyaa  fi quuqqaa qabaachaa wal hin eebbisan, Malkaa nu’uun dura waan kana fixatan, Gadaa fi Miraga Abbaa Biyyummaa Oromoof kabachiisuuf waadaa seenan, waaqinillee akka gargaaruuf kadhatan, Maanguddoof Umurii, Ga’eessaaf qalbii, Dargaggeessaaf Gootummaa, Ijoolleef guddachuu itti hawwanii eebbisan. Ebbi kun garaa qulqullun yoo ta’ee qabachuu dubbatan. Kun Iccitti muraasa Guyyaa Glataa kana keessa jiru Bara gugguffannaa kana keessa hin guuttatan. Irrumaa barachaa dhaloota Guutuu ta’uu uummachuuf hojjatan.
Irreechi kan Oromooti. dhimma Oromooti. Dhimma nama dhuunfaa miti. dhimma beektootaa ykn Namoota siyaasaa ykn dhaabbilee siyaasaa qofaa miti. waldaalee adda addaa qofaas miti. qaamoon kanneen, Irreecha kana bakkatti deebisuuf, ykn addunyaatti beeksiisuuf hojjachuu danda’u. yennaa hojjatanis, kan Oromoo ta’uutti labsanii Ummaticha illee ittiin beeksisan. Kanaaf, Irreecha Mallattoo Tokkummaa keenyaa ta’uu mirkaneessuuf gama hundaa walitti dhufanii fi wal Afeeranii kabajuun, Dimokiraasiin nuuf Aadaa malee kan addunyaan jettu kana akka hin taane mirkaneeffannee, Addunyaatti of beeksiisuun ni dada’ama jedheen amana. Fincila diddaa Gabrummaa Biyya keessaa 2014 ilaachisee Abbootiin Amatii adda addaa HIRIIRA DEEGGARSAA fi gocha wayyaanee balaaleffachuu irratti Biyyoota alaatti argamanii akkuma qooda isaanii gumaachan, IRREECHA BARANAA irratti hirmaatanii Tokkummaa Ummata kanaaf lallaba dhageesisuun nu jabeessa malee nu hin laaffisu. Gama Siyaasaan kan jirrus, waan tokkummaa keenya mamii keessa hin galchine irratti waliin dhaabbachuun akka waliif naatoo qabaannu nu taasisee hegaree keenya waliin qajeelchuuf nu gargaaruun ala badii tokkollee hin qabaatu. Guyyaa waaqa itti galateeffatan qofaa waan ta’eef.
Dubbiin heddummaateef maalitti hin fe’anii jedhama. Lammiileen keenya addatti Dargaggoonni Bara 2014 kana Fincila Diddaa Gabrummaa irratti wareegaman irra jireessi isaanii Aadaa fi Seenaa Oromoof kabajaa guddaa kan qaban, IRREECHA OROMIYAA keessatti babal’isanii Tokkummaa Ummatichaa akka sibiilaa jabeessuuf kan hojjataa turan heddummiinaan keessatti argaman. Kaayyoo isaanii kana Galmaan ga’uuf waadaa keenya illee kan itti haaromsinu haa ta’u. waan ofii keenyaa addunyaatti nu beeksisuu danda’an katabuu fi barachuu, akkasumas ittiin eebbifamuu qofaa odoo hin taanee, hojii irra oolchuuf irratti haa hojjannu. Kana hojjachuuf ilaalchi siyaasaa kkf nu daangeessu jedhee hin amanu. Seenaa, Aadaa, fi duudhaa Oromoo keessa jiru katabuu fi argaa dhageettin dhaloota lama dabarsinee jirra. Walii dabarsuu kana keessa waan itti dabalamuu fi hir’atu hedduun jiraachuu ni mala. Kanaaf akkaataa dhalooti itti aanu illee ittin jiraatu irratti haa hojjannu.Addunyaa irratti saba Seenaan isaa qofti dubbatamu taanee hafnaa?  IRREECHII 2014 KAN MILKII NUUF HAA TA’U ! KAN DABE ITTI QAJEELEE, OFITTUMMAAN ITTI DHABAMEE, FEDHIIN ILMAAN OROMOO ITTI QAJEELU  HAA TA’U. GADAAN QUUFAA FI GABBINA.    
GALATOOMAA  !
HORAA BULAA !

No comments:

Post a Comment