Dr Diimaan ADO Misooma Itoophiyaa Dinqisiifate!!

Onkoloolessa 21, 2014 | OroMedia Reports (Finfinnee)

Dr. Diimaa Nagawoo
Dr Diimaa Nagawoo misooma Itoophiyaa keessatti deemaa jiurtti hedduu gamamduu isaa keessa beektoti saaxilan.

Akka odeessi nu gahe ibsutti, Dr Diimaan qondaaltota OPDO keessaa Abbaa Duulaa Gammadaa fi Muktaar Kadir waliin walarganii maryatanii jiru.

Walqunnamtiin kun akka milkaaúuf gahee guddaa kan xabachaa jiru, Ob Alamaayyoo Katamaa ta’úun beekameera.

Akka odeessi nu dhaqqabe ibsutti, Dr Diimaan guyyaa  Finfinnee seene irraa kaasee namoota ijaarsa ODF leellisanii fi qondaaltota OPDO waliin marii iccitaawaa gaggeessaa jira.

Maddi keenya akka ibsetti, namoota Dr Diimaa waliin walitti dhiyaatanii marii irra turan tokko tokkoon bira gahee gabaasee jira.

Dr Diimaan marii warra OPDO fi qondaaltota TPLF waliin godhe keessatti guddina Itoophiyaatti hedduu gammaduu isaa dubabtee jira.

Dr Diimaa Nagoo fi Abbaa Duulaa Gammadaa
Dr Diimaan waadaa cimaa mootummaa waliinseenuuf yaalii guddaa godhus, amma illee OPDO fi TPLF biratti ija shakkiil ilaalamaa fi hordofamaa akka jiru maddi keenya ibseera.

Dr Diimaan garuu kaayyoo mootummaa fudhatee biyya keessatti hojjachuuf murteeffatee akka jiru  odeessi nu gahe mirkaneessee jira.

Warri Mootummaa akka Dr Diimaan karaa telvizyinii Itoophiyaa dhiyaatee ibsa kennuuf  irratti hojjachaa jiru jedha, maddi keenay.

Odeessi dabalataan nu gahe akak addeessutti, Dr Diimaan akka biyya seenuuf kan akka riqichaatti gidduu deemee haala mijjeesseef Ob Alamaayyoo Katamaa dha. Karaa mootumama Itoophiyaa immoo dhimma kana Ob Alamaayyoo waliin akan raawwachiise Abbaa Duulaa ta’uun beekamee jira.

(Dhimma kana irratti iccitiin guddaa harka keenya galee jira. Yeroo gabaabaa keessatti qindeessinee isniif dhiyeessinaa, nu hordofaa!!)

No comments:

Post a Comment