SOCHIIN OROMOO BARA 2014 WAAN NU AKEEKU QABA! [Kutaa 3ffaa]

Onkoloolessa 23, 2014 | SEENAA Y.G(2005)

Kutaa 1ffaa Duubisuuf Addana Tuqaa  & Kutaa 2ffaa Duubisuuf Addana Tuqaa
Kutaa 3ffaa
Sochii Oromoo Bara 2014 irratti yaadan eegale har’an xumura. Kanneen yaada akka dhuunfaatti naa kennitan guddaan isin galateeffadha. Gaaffiilee akka dhuunfaatti naa kaaftaniif, ammatti deebii laachuun na rakkisa. Waan dursuu qabnu waa hedduun waan jiruuf. Kanneen yaada furmaataa tokko tokko na gaafattaniif garuu, yaadi furmaataa dirree kana irratti walii ibsuun rakkoo waan qabaatu natti fakkaata. Waan gadi fageenyaa odoo hin taanee, irra keessa waan itti jabaachuu qabnu irratti garuu yaada amma eegale xumuree, akkan mariif dhiheessu hin shakku. Waanuma lafa jiru maxxansuu qofaadha. Sochii keenya xiinxallee kan itti aanutti jabaachuun garuu waan fardiidha. Kutaa 3ffaatti haa ceenu.

  1. Midiyaalee walabaa (Intarneetaanis) dhimma Ummata isaanii irratti hojjataa jiran,
  2. Dhaabbileen, Waldaaleen gargaarsaa fi Amantii dhimma Oromoo irratti hiriiruu eegaluu ,
  3. Baqattootaaf birmannaa taaisfame,
  4. Aadaa, Seenaa fi Oromiyaa beeksisuuf sochiilee taasifaman,
  5. Ayyaana Irreechaa 2014 irratti Sochii Biyya keessaa fi alatti gaggeeffame,
5. Miidiyaalee dhimma Oromoo irratti hojjataa jiran ilaalchisee:-
Sochii Oromoo Bara 2014 Biyya keessaa fi alatti addunyaa sochoosee kanaaf hundeen , ykn qooda ol-aanaa kan gumaachan, miidiyaalee Walabaati yoon jedhe dhugaa irraa fagaachuu hin ta’u. Miidiyaalee kana tokko lama jedhanii maqaa waliin dhiheessuun ni danda’ama. Miidiyaa walabaa wayita jennu, SBO,VOA, dhaabbilee siyaasaa Oromoo gara garaa, raadiyoo kominitii Oromoo adda addaa, Sabboontoota Teekinolojii hammayyaan (raadiyoo fi TV Intarneeta irraa fayyadamnii ) gumaachaa fi aarsaa ol aanaa kafalaa jiran, Tv Afaan OROMOON hojjataa jiran kkf, kan wayyaaneen keessaa baafnee, Sochii Biyya keessaa fi alatti qabsiifame kana Addunyaa irratti dhageesisuuf tattaaffiin lammummaa taasisanii fi taasisaa jiran, dhugumatti seenaan kan dagatuu miti. wanni dagatamu hin qabne, humna qabnu hundaa itti gargaaramnee odoo hin taanee, sabakoof maal gumaachuu? jedhanii kanneen tattaafataniin hojjatamaa akka jiru qalbifachuun dansaadha. kana dhugeessuuf, bara 2000 kaasee Gaazexessitoonni Oromoo Biyya keessaa akka godaanan ykn hojii isaanii Biyya keessaa irraa ari’aman 300 caalan. Miidiyaa dhuunfaa turan dabalatee. kanneen keessaa meeqan keenyatu hojii Ummata keenyaatti cichinee sirna nu miidhe kana irratti hojjataa ykn Ummata keenya ogummaa keenyaan gargaaraa jiraa? yoo jenne, kan har’aa ka’umsa godhachuu qofatti nu geessa.

Miidiyaaleen Oromoo gama hundaan hojiin itti jiran hedduu nama gammachiisa. Addunyaan Miidiyaan humna waraanaa caalaa bu’aa qabeessa jechaa jirti. nuutis humna akkasitti ce’uuf karaa irra jirra. Sochii kana daran jabeessuuf garuu dursanii humna ta’uun barbaachisaadha. miidiyaan kun yaadaa fi fedhii Ummata kanaa qajeelchuu keessatti qooda ol-aanaa ni qabaatu. Gama hundaan Ummata Barsiisanii wal dhaggeeffachuu har’aa fi Oromummaan wal tumsuun murteessaa ta’uu akkuma hubachiisaa jiran, Ummata kana humneessuuf akkuma jabiinaan hojjataa jiran, isaanis humna jabaa ta’uuf hojjachuu qaban.kana booda miidiyaaleen lakkoofsaan heddummaatan banamuu danda’u ta’a. akka kiyyatti garuu baayyachuun miidiyaalee kanaa waan harkisee dhufu waliin ilaaluun gaarii natti fakkaata. Kan amma jiru irraa yoo ilaalle, midiyaaleen Maqaa Ummata kanaan banaman yaada nama dhuunfaa dhageesisuu irra hin tariin kan jiran ni jiru. Midiyaa yennaa bannu, yaada koo dhageesisuuf jennee odoo hin taanee, sagalee Ummata keenyaa dhageesisuuf jedhamee odoo eegalamee dansaadha.

Kanaaf Miidiyaaleen kun takkaa dhaabbatanii , Miidiyaa jabaa Addunyaa irratti Ummata kanaaf gurraa fi iaja ta’u akkamiin ummanna ? jedhanii yaadutti odoo ce’anii fi dhageettii argachuuf odoo carraaquun eegalamee dansaa natti fakkaata. Amma humndumtu karaa isaaf danda’ameen warraaqaa jira. Boruu humni gabaabbachuu gaafa dhufe, humna wal buusuutu dhufa. Kanaaf yeroo humni dhibus bakka gumaacha ofii keessatti laachuun danda’amu ummachuu ykn dhaabuuf osoo hojjatamee, Ummati addatti hawaasi Biyyi alaa irratti odoo hirmaatee waan guddaatu hojjatamuu danda’a jedheen yaada. Sagalee Ummata keenyaa Addunyaatti dhageesisuuf, miidiyaa addunyaan dhaggeeffattu ykn daawwattu ummachuuf hojjachuun dansaadha. Walumaa galatti garuu sochiin Teekinolojii hammayyaatti dhimma ba’anii sagalee Ummat ofii dhageesisuuf hojjatame. hedduu kan nama boonsuudha. Kana caalaatti jabeeffachuu fi shariikoota BBC, CNN, CCTV faa’aa Ummachuun mirteessaa ta’uu hubachuun gaariidha jedheen amana. Jarri kun dhimma keenya akka nu dhiheessaniif isaanii eeggachuu odoo hin taanee, nuutis waan nu irraa barbaadan hojjanneefii, keenyas akka hojjatan taasisuun gaariidha.

Miidiyaaleen ammi tokko waan sirreeffachuu qaban yoo jiraate, yaada walii faallaa ta’e tamsaasuu irratti of eeggannoo odoo taasisanii. Tokko wareegama ijoollee addunyaatti wayita beeksiisuu , inni kaan , dhimma wal dhabdee dhuunfaa tamsaasa yoo ta’ee Seenaanu nama gaafata. Kun irra jireessa Biyya alaa keessatti kan mul’atuudha. Aarii dhuunfaaf jennee dhiiga dhaloota har’aa irratti qoosuun eessaanu nu hin ga’u. dhimma Oromoo fi dhimma dhuunfaa adda baasuun gaariidha.

6. Waldaalee Amantii , Waldaalee Gargaarsaa, Kominiitiin Oromoo Biyya alaa bifa garagaraan jiru, Sochii Fincila Diddaa Gabrummaa Biyya keessaan wal qabatee deeggarsi fi qooda fudhannaan taasifame, hedduu kan nama gammachiisuudha.
Sochiin kun ammallee akka itti fufee jiru gabaasaalee adda addaa irraa hubachaa jirra. Kun kana irra jabaatee akka itti fufuu danda’u muuxannooleen kanaan duraa hedduu of harkaa qabna. Hawaasi Oromoo Biyya alaa jiraatu, waan qalbifachuu qabuutu jira. Hiriira Nagaa ykn wal ga’ii ykn marii adda addaa wayita taasisan, YKN Mormii bifa kamiituu yennaa qopheessan waan dagachuu hin qabne, Ijoolee Biyya keessaa hidhamtuu fi duutuuf qofaa odoo hin taanee, Umurii keenya guutuu Biyya halgaa keessa jiraachuu mormuun, mirga Umamaa dhabuu keessaniin, Biyya itti baqattan keessa Dimokiraasiin jiru keenya keessatti maaliif hin kabachiiftan? Sirna isin deeggartan Bilisummaa umamaa Biyya keessan keessa jiru nu dhabsiisee, kkf  yoo falmaa keessaniif hundee taasiftan, wareegama obbolaa keessanii qofaa hin eegadanii jedheen amana.humnoonni alaa kun waan itti deddeebi’ee dhihaatu dhugeeffatu jedhu warri keessa beekan. Afriikaa keessatti Abbooti irree kan jiraachisaniif, humna namaa gara isaanitti godaansiisanii hojii gadi aanaa hojjachiisuufii kan jedhanis jiru. saamicha humna namaas ta’uu hin dagatiinaa .Hadheeffachuu keessan itti mul’isaa. Ajjeechaa lammiilee keessaniif qofa odoo hin taanee, humnaan godaanuu keessan itti himaa. Koolu galtummaan jiraachuun furmaata keessan isa dhumaa akka hin taanee itti himaa. Gonkumaa kolugaltummaan nutti hin tolu jedhaanii .Ummati keenya miidhaa irra ga’u irraa, Ummata Deeggarsa sirna abbaa irreef taasiftan irraa asi jiraachuu keenyayyu balaaleffachaa jiraa jechuun hiikkaa guddaa akka qabaatuuf warri nuuf quuqaman ni dubbatu . kana jechuun gaaffiin keenya yaadaa fi qor-qalbii jaraa qorachuu illee akka barbaachisu qalbifachuun dansaadha. Toftaalee xiyyeeffannaa argatanittis dhimma ba’uun dansaadha. Addatti karaa abbootii amantiis waan taasifamu kun jabaatee itti fufu isa barbaachisa. aadaa fi Umama keenya keessatti, waan faranjii fi habashaan wal nu komachiisuu ykn fuula itti nu guursiisuu jiraachuun hin hafu. Waan dhimma keenya keessa raawwannu taanaan waan sana ta’anii dhageetti horatanii dabruun gootummaa ol aanaadha jedhama.

Hawaasni Oromoo bifa itti gurmaa’ee jiru hundatti dhimma ba’uun barbaachisaadha. dhimma Ummata keenyaa irratti humna horachuuf waliin hojjachuun hedduu barbaachisaadha. fk. Lammiileen Oromoo Miniyaapolisii keessa jiran kuma 40 ta’uu dhageenya. Kuma 40 kana waggaaf qoodinee, hiriira waggaa guutuu jechuun baatittillee tokko yoo gaggeesina jennee yaannee, Ummata 3000 ol baafachuu dandeenya. Kun dhageetti hoarachuuf humna guddaadha. Gargaarsa yoo jennees, amma danda’amee haa baasuu yoo jennee sochii Nannoo Sanaa mitii kan isa kaanii iyyuu deeggaruu danda’a. wanni guddaan wal qindiiffatanii wal dhaggeeffatanii wal tumsuudha. Dhimma Ummata ofiif dursa kennuudha. Kanaaf baayyina keenya humnatti jijjiiruuf hojjachuun kaayyoo keenya haa ta’u.

7. Baqattootaaf birmannaa taasifame :
Baqattoota Oromoo Addunyaa maraa keessa jiraniif birmannaan gama hundaa taasifamee, aantummaa Ummata ykn lammii keenyaa ifatti kan addunyaaf ibseedha.keessattu Ilmaan Oromoo Midiyaalee adda addaa keessa jiran tumsi gama hundaa taasisan hedduu nama boonsa. Kun daran jabaatee itti fufu qaba.gama kanaan sochiin gama gargaarsaan godhamuu danda’uu hunda irra jabaatee kan itti fufuu qabuudha. Kanaaf ammoo waldaaleen Gargaarsaa Oromoo kana caalaa hojjachuutu irraa eegama.Baqattoota Oromoo Biyya kamuu jiran karaa hundaa gargaaruun murteessaadha. Lammii nama iyyu yoo qabaatan hunduu nama kabaja . yoo ta’uu baatee Biyya Namaa keessatti salphachuudha. Gama kanaan waan hundee qabeessa ta’ee tokko hojjachuu irratti socha’uun barbaachisaadha. baqattoota keenya dhageettii akka argataniif gama hundaan hojjachuun barbaachisaadha.

8. Oromoo Addunyaatti beeksiisuuf tattaaffii taasifame :
Sochii oromoo bara 2014 keessaa kun bakka ol aanaa qabachuu danda’a. Hawaasi Oromoo Biyya alaa bakka jirutti dhimma Oromoo Biyya  jiru keessatti beeksisee fudahtama argamsiisuuf sochiin taasisan lakkoofsa hin qabu. Biyyoota Addunyaa irra jireessa keessatti hojii boonsaatu hojjatame. Oromoo addunyaatti beeksisuun, qabsoo Bilisummaa gaggeeffachaa jirru cinaan, Ummati kun ofiin of Bulchaa akka ture mirkaneessuuf, eenyummaa, maalummaa, aadaa, seenaa, jiruu fi jireenyi isaa kkf maal akka fakkaatan himachuun murteessaadha. Gaaffiin keenya isa kaan arginee kan kaanee odoo hin taanee, waan kaaneef akka qabnu beeksiisuun hedduu, hedduu barbaachisaadha.  beektoonni keenya dirree siyaasaa ykn si kuffifachoo irratti lubbu wal qabuu irra waan hundee ta’ee akkasii irratti osoo beekumsaa fi dandeetti isaanii wareeganii hojii boonsaa hojjatanii dabru.

Biyya of dandeesse ta’uu seenaa himuun qofti ga’aa miti. gaafa bor murtee Addunyaatti dhihaannu waan qabannee baanu qopheeffachuun abshaalummaadha. Gaaffiin keenya hangam addunyaa biratti, addatti warra addunyaan harka isaanii keessa jirtu biratti ilaalcha qabnu waan beeknuudha. Ulaa nuu saaqamteen daddaffiin keessa hulluuquuf garuu har’a waan nu barbaachisu qopheessuu fi addunya beeksiisuun hedduu barbaachisaadha. kanaaf, kana irra hojjannee oromiyaa Biyya jedhamtu qalbii addunyaa keessa kaa’uuf haa hojjannu.

9. IRREECHA 2014:
Irreechii 2014 yaada Lakko. 8ffaa kaasee kanaaf ragaa guddaadha. Ummati Oromoo waan addunyaatti fudhatee ba’uu qabaachuu nu mirkaneesse. Waan diinnu odoo itti hadhaawuu liqimsee UNSCO tti galmeessuuf nu iyyu irra ga’eedha. Kun injifannoo guddaadha. Waa cichanii  qaban xumurri isaa hedduu mirqaansaa ta’a. Irreecha kana diinni shira itti hin xaxu jechuun gawwummaadha. Irreechi duubatti akka hin deebineef garuu, irreecha Bishooftuu qofa irratti xiyyeeffate kana kan Biyyaaleessaa godhuu irratti bobba’uu nu gaafata. Kana caalaa gara itti qaban dhabsiisuu irratti hojjachuu gaafata. Waan irra geenye salphaa miti. diinni osoo ciisuu garuu kana caalaa babal’isuu qabna.

Ayyaannii Irreechaa baranaa Biyya keessaa fi alatti qindoomiinaan gaggeeffamuu isaatu waa hundaa milkeesse yoo jennee dhugaa irraa fagaachuu hin ta’u. Gadaa keenyas akkasitti gadi dhaabuuf lafa jala warraaquu fi ummata barsiisuun dansaadha. Kana irra dubbachuu hin fedhu. Waan hojjatamuu qabu hedduu qabna. Hundumaa qoratanii karaa qabsiisuu fi dhaloota harka buusuun murteessaadha. Bilisummaa keenyatti dhageetti itti horuuf, waan addunyaa keessatti ittin of ibsinu bakkatti deeffachuun barbaachisaadha. kana irra haa hojjannu.

Walumaa Galatti Bara 2014 keessa injifannoon galmeessine, salphaa miti. injifannoon kun diina irratti galmeessuus ta’ee malaa ykn hojiima ummata keenya irratti injifannoo galmeessuus ta’uu mala. Sochiin kun garu waa hedduu nu akeekee jira. Kana adda baafatanii isa itti aanuf of qopheessuun kan abbaati. Yeroo itti wal dammaqisinu keessa hin  jirru. Akka dhunfaatti, akka walootti, akka dhaabaatti, akka waldaatti kkf qoodi keenya maalii jennee yeroo itti sochoonee Bilisummaa keenya itti dhiheeffannuudha.

Wayyaaneen har’aa waa hundaatti ija dunuunfatee kan itti fiigu ta’eera.sochii keenyatu fimaata sihee dhabsiisaa jira. Badii isheen raawwattuun dhimma keenya finiinsuun ni danda’ama. Mormiin nagaa kun isaaf siree quuqqaaa hin qabne ta’eera. Kanaaf fala quuqqaa itti jabeessuu barbaachuu, badiin isaas isa irra dabree maatii fi lammiilee Tigiraayii yaaddoo keessa galchaa waan jiruuf, dhala Tigiree akka dhuunfaattis badiin ijoollee fi obbolaan isaanii raawwataa jiran hegaree isaaniif yaaddeessaa ta’uu akka dhuunfaattillee itti himuun dansaadha. Addatti Biyya alaatti karoorri wayyaanee mormii –mormitootaa jabeessu waan ta’eef itti himuun gaaariidha.

Akka walii galaatti hojii caalaaf of qopheessuu fi hojjachuu irratti haa jabaannu. Barri 2015 Bara Gumaan obbolaa keenyaa itti baatu haa taatu.

GALATOOMAA .
HORAA BULAA !!!

No comments:

Post a Comment