Nafxanyoota moofaas ta’ee haaraa wajjin hojjennee bilisummaa arganna jechuun garaagarummaa hin qabu, bu’aas hin fidu

Onkoloolessa 26, 2014 | Abdii Boruutiin

Gara ogummaatiin yoo ilaalame, ani barumsa siyaasaa fi seenaa qabaachuu baadhullee, akkan adeemsa siyaasaa keessatti hubadhutti garuu, galii barbaadan tokko gahuuf tarsiimoolee fi tooftaalee adda addaatti fayyadamuun waanuma jiru dha. Karaan tokko bakkee barbaadan tokkotti yoo nama geessuu baates, karaa biraa barbaaduunis akkasuma. Mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) keessattis, haaluma walfakkaataatu mul’achaa jira. Tooftaalee adeemsa siyaasaa keessatti godhaman keessaa inni tokko, dhaadannoo “Diinni diina kiyyaa fira kiyya” jedhus yeroo tokko tokko waan mul’atu fakkaata. Haa ta’u malee, gara QBOtiin yoo ilaalle, diinni diina kiyyaa fira kiyya kan jedhu kun waan hojjetu natti hin fakkaatu. Qabsoo bara 1991 dura godhame keessatti, nafxanyoota haaraa (Wayyaanota) fira ykn tumsa godhatanii nafxanyoota moofaa kuffisuun hanga tokko hojjetee jira garuu booddeen isaa QBOf bu’aa hin fidne.
 
Gara mata-duree barreeffama kanaatti deebi’uuf, maaliif akkan dhimma kana kaase fi barreeffama gabaabaa kana dhiyeesseef ibsuun yaala. OMN dabalatee, akkuma miidiyaalee gara garaarratti argamaa fi dhagayamaa jiru Adda Bilsummaa Oromoo warra Jijjiiramaa ofiin jedhan keessatti waljeequmsi akka uumame hubatama. Warri jeequmsa walitti uumanis hunduu ejjannoo ofii iittisuuf ibsa gara garaa kennaa jiru. Fakkeenyaaf waan J/ Hayiluu Goonfaa fi J/ Kamaal Galchuu OMNrratti dubbatan kaasuun gahaa dha. Dubbii J/ Hayiluun dubbatan irraa hubachuun akka danda’amutti, komiin isaan J/ Kamaaliif dhyeessan keessaa inni tokko J/Kamaal mooraa diinaatti nu geesse kan jedhu dha. Akkan hubadhutti, kun waayee warra Ginbot 7 (Nafxanyoota moofaa) wajjin tumsa uumuuf yaalii godhan waan agarsiisu natti fakkaata. J/ Kamaal ammoo gama isaaniitiin akka ibsanitti, warri jeequmsa uuman kun warra ADO faa wajjin biyyatti deebinee ykn gallee; Wayyaanee (Nafxanyoota haaraa) wajjin waliigaltee uumnee achitti qabsoofna jedhan, wajjin tokkummaa uumuu barbaadanii dha waan jedhu fakkaata.

Asirratti, akka ilaalcha kiyyaatitti, wanti Oromoon hubachuu qabu, jarreen kun lamaanuu (nafxanyoonni moofaa fi haaraan) warra bilisummaa fi abbaabiyummaa keenya nurraa fudhatani fi biyya keenyarratti abbaa qabeenyaa fi abbaa biyyaa ta’uu fedhani fi/ykn ta’anii dha malee, warra qabsoo kanarratti nu gargaaran akka hin taane dha. Eenyu wajjin hojjenneeti eenyurraayis bilisummaa barbaadnnaa? Warra Ginbot 7s yoo ta’an, yeroodhaaf isaan wajjin hojjennee Wayyaanee laaffisna ykn kuffisna jechuuf yoo ta’e malee, dhugumatti otuu yaaliin kunuu milkaayee, isaan kunis bar yoo humna horatan booda numatt gargalanii nu balleessuuf akka deeman dagachuun nurra hin jiru. Wayyaanotnis dhugumatti Oromoo wajjin waliigaltee uumanii; karaa nagaatiin hojjetamee; bilisummaan Oromoo ni argama jechuun of gowwoomsuu natti fakkaata. Waayeen kun bara 1991 dabalatee; sanaa asis yaalamaa hin turree? Yaalii isa kamtu milkaaye? Yaalii kamtu milkaayuu danda’a jedhamees yaadama? Walumaagalatti projektiin karaa lamaaniituu waan milkaayu natti hin fakkaatu.

Dhugaa lafarratti mul’ate fi mula’chaas jiru kanarraa ka’een jarree lamaan kana (nafxanyoota moofaa fi haaraa) wajjin hojjetanii bilisummaa Oromoo argamsiisuun akka hin danda’amne ibsuu yaale. Maarree, ABO warri Jijjiiramaa ofiin jedhan fedhii dhuunfaa (tarii gaafii aangoo) irratti jeequmsa walirratti uumanii yoo ta’e malee, dhugumattii adeemsi isaanii waliigaltee isaan dhoowwoo; sababa kanaan rakkoon waan uumame natti hin fakkaatu. Hunduu ejjannoo isaanii miidhagsuuf jedhanii wal komachuun, sabaa-himaaleerratti walirratti duuluun qabsoo keenyaaf bu’aa fida jedhee hin yaadu. Rakkoo inni guddaan mooraa QBO keessatti mul’atu tokko, humna fi qabeenya ofiitti amanuu dadhabanii; alagaa fi diinarratti rarra’uu dha. Keessumaayuu Habashootaa wajjin hojjennee galii barbaadnu tokko ni geenya jechuun projektii irra deddeebi’amee yaalamee, otuu hin milkaayin hafe waan ta’eef, maaliif isa kanarrtti qabeenya, beekumsa, dandeettii fi humna keenya akka balleessinu naaf hin galu.

Akkuman yeroo adda addaa keessatti, barruulee gara garaatiin ibsuu yaale, akka ilaalcha fi hubannoo kiyyaatitti, wanti ta’uu qabu silaa hunda dura tokkummaa mooraa ofii ijaaranii; karaa kanaan humna jabaa fi abdachiisaa yoo uuman booda, tumsa alaa barbaaduun karaa gaarii ta’a ture. Fakkeenyaaf:
http://gadaa.com/oduu/5136/2010/08/04/tumsa-hunda-hammataa-alaa-dura-tokkummaan-ykn-tumsi-mooraa-qbo-keessatti-ijaaramuu-qaba/ Tumsi barbaadamu kunis dura tumsa saboota cunqurfamoo, kan saba Oromoo wajjin seenaa fi kaayyoo walfakkaataa qaban, wajjin kan uumamu ta’uu qaba jedheen amana. Yoo tumsi akkanaa humna jabaa, cimaa fi sodaachisaa ta’e uume booda, Habashootatu (isaanuu dhugumatti warra diimookraasii fi federaalsisimii dhugaatti amanan) nu wajji tumsa uumuu barbaadu malee; nuti isaan bira deemuun barbaachisaa hin ta’u. Humni abdachiisaan akkanaa yoo jiraate, Habashoota, warra bilisummaa saboota cunqurfamoo dura dhaabbatan, jilbiifachiisuun wanti hin danda’amneef hin jiru jedheen yaada. Yoo humni akkanaa hin jiraatne garuu, keessumaayuu yoo humni Oromoo laafaa ta’e, gara gara deemuun kophaa kophaatti rukutamuuf yoo ta’e malee bu’aa hin fidu.

Yeroo ammaa, yeroo tokkummaan uummata Oromoo bifa gammachiisaa ta’e agarsiisaa jiru kanatti; yeroo ilmaan Oromoo keessumaayuu dhalootni Qubee diina dura dhaabbatanii mirga saba isaaniitiif yoomiyyuu caalaa qabsoo hadhaawaa godhaa jiran kanatti, rakkoodhuma dur qabnu sanatti deebinee; madaa fayyaa jirus tuttuquun nagaa fi tasgabbii mooraa keenyaa booressuu ta’a malee, uummata bal’aa Oromootiif yookaanis qabsoo bilisummaa isaatiif bu’aa inni fidu hin jiru. Kanaaf, jeequmsa uumameef fala ykn mala barbaaduu dha malee, sabaa-himaaleerratti walirrtti duuluun ammas humna mooraa keenyaa laaffisuu bira dabree; diina qabsoo keenyaatiif karaa baasa; qaawwa uuma. Isaan ammoo karaa fi qaawwa kanaan nu keessa seenanii tokkummaa ilmaan Oromoo laaffisuuf carraa gaarii argatu. Dogoggorri akkanaa kun sirraayuu qaba; kan dabrerraa barachuu qabna. Yoo kun hin taane, karaan bilisummaa achi dheerachaa akka deemu dagachuu hin qabnu.

Galatoomaa.
*Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

No comments:

Post a Comment