Bakka namni hin jirretti nama taatee kan argamte Daraartuu Abdataa seenaan uummata Oromoo yoom iyyuu ni Faarfata!

Sadaasa 06, 2014 | Seenaa Abdissa Oromiyaa Irraa

Daraartuu Abdataa jedhamti. Biyya Garasuu Dukii kan taate Magaalaa Walisoo keessatti dhalattee Guddatte. Aadaa fi Afaan Oromoo Guddiisuuf barnoota sadarkaa gadii irraa jalqabdee kan tattaafachaa turte Daraartuun, Yunversiitii Dire Daawaa erga seentee boodas Piredizaantii Gumii GAAO ta’uu dhaan Dargaggoota Oromoo gurmeessitee Yunversiitii D/Daawaa keessatti akka Aadaa fi Afaan Oromoo dagaaguuf Shamarree carraaqaa turte dha! 

Haa Ta’u malee Maaster Pilaanii Finfinnee uummata keenya buqqaasuuf ka’e mormuu dhaan yeroo Barattoonni Yunversiitii D/Daawaa gaaffii mirgaa waan gaafataniif qofa mana hidhaatti guuramanitti Daraartuu Abdataa shamarran torba faana dargaggoota keenya waliin waajjira poolisii magaalaa D/Daawaa qaxanaa 2 keessatti hidhamte. 


Guyyaa Ja’aaf bakka kanatti erga dararamanii booda shamarran hundi isaanii akka gara barnootaatti deebi’an ajajni darbe.Haa ta’u malee Daraartuu Abdataa akkas jechuun deebii Laatte.
“Nuti hundi keenya iyyuu gaaffii mirgaa gaafanne. Kun immoo badii hin qabu. Kanaaf iyyuu yoo nu gadhiistu ta’e hunda keenya gadhiisaa yoo nu adabsiisa ta’e immoo hunda keenya adabaa” 
jechuu dhaan deebii laatte. Deebiin Daraartuun Laatte kun qorannoo cimaaf akka saaxilamtu taasise. Kan barattoota kakaase sidha jechuu dhaan dararaan itti jabaate. Ji’oota hedduu dhaaf erga mana hidhaa keessatti dararamtee booda Guyyaa kaleessaa manni murtii Olaanaa badii tokko malee obboloota ishee 16 waliin murtii irratti dabarseera. Daraartuu Abdataas uummata Oromoof jecha keessumattuu qonnaan bultoota Oromoo naannawaa Finfinnee jiraataniif jecha barnoota ishee irraa addaan cittee umurii dargaggummaa ishee irraa waggaa tokkoof akka hidhamtu murtiin Diktaataroota irraa itti murtaa’eera. Akkasumas qarshii 500 akka adabamtu taasifameera! Waggaan tokko bor dhumti. Jireenya ofii dhiisanii saba ofiitiif akka Daraartuutti jiraachuun garuu boqonnaa sammuu bara baraa namaaf Kenna! 

Bakka namni hin jirretti nama taatee kan argamte Daraartuu Abdataa seenaan uummata Oromoo yoom iyyuu ni Faarfata!

No comments:

Post a Comment