Mootummaa Itophiyaa Ummata Diina Godhate Tumsuun Fallaa Seera Addunya ti: [Ibsa ABO Gabaasaa Amnesty International Deggaruun]

Sadaasa 10, 2014 | Ibsa ABO Gabaasaa Amnesty International Deggaruun

Mootummoota darara suukanneessaan ummatoota humnaan bulchan irratti raawwatan keessaa mootummaa Wayyaanee kan dursu hin jiru. Dhufaatii isaa bara 1991 irraa eegalee waggoota aangoo irra ture kanneen keessatti kan ifatti fixee fi dhoksaan dhabamsiise, jireenya irraa mancaasee kadhattummaaf dabarse kenne lakkoobsaan kaa’uun mootummaa abbaa irree kanaafuu hin laaffatu. Mootummaa “Humnaan bitaa jiraatuu” imaammata godhatuun raggaafatee bittaa isaa gara jabinaan itti fufee jiru, gochaa suukanneessaa fi faashistummaa raawwadhus “maaltu ana gaafata?” tuffii jedhuun ifatti raawwatu addunyaan irra deddeebi’ee kan ifatti arge dha.

ABOn mirgi ummatni Oromoo akka kabajamuuf durummaan qabsaa’uun akeeka isaa tahullee yeroon inni itti miidhaan ummatoota cunqorfamoo Empaayera Itophiyaa irra geessifamu dantaan sobamee callisuun bira hin tarre. Dura dhaabbatuun balaaleffateera. Saaxiluun abaareera. Fixiinsa gara jabinaa fi diinummaa ummatoota Sidaamaa, Gambeellaa, Ogadeniyaa fi Amaara dabalatee kanneen biro irratti raawwatame ifatti balaaleffatuun kanneen mootummaa shororkeessaa kana duuba goruun jajjabeessanii fi tumsan akka hariiroo isaanii gamaaggaman yaadachiisuun gahee isaa bahatee jira. Fuula duraafis kun kan itti fufu taha. Haa tahu malee iyyatni ummatoota cunqurfamoo bilisummaa fi dimokraasiif falmanii hawaasa addunyaa irraa deebii fi tarkaanfiin quubsaa fudhatamuu dhabuun mootummaan Wayyaanee sodaan alatti tarkaanfii suukanneessaa ummatoota irratti fudhatu akka itti fufuuf onnachiisee shororkeessummaa moootummaan durfamu akka itti fufetti jira.
Onkoloolessa 28, 2014 dhaabbatni mirga namoomaa Amnesty International dalagaa faashistummaa ummata Oromoo irratti xiyyeeffate mootummaan Wayyaanee raawwatu saxiluun gabaasa dhiheesuun kan yaadatamu dha. Amnesty International gabaasa kana dhiheesuu isaatiif galata guddaa jedhan. Addatti ammo itti mataa gabaasa kanaa Mrs. Kleer Bestonf ABO galata kenna.
Gabaasi dhihaate kunis haala ulfaataa bakka mootummaan qorannoo bifa kanaa geggeessuuf hin haayyamne jalatti kan adeemsifame tahuun hubannoo ABO ti. Kanaaf, haala ulfaataa jalatti hojjatuudhaan dhugaa ummata Oromoo hanga kana ifa gochuun kan galatoomfamu tahullee dalagaan suukanneessaa fi gara jabinaa ummata Oromoo irratti raawwatame kana irra guddaa, bal’aa fi suukanneessaa ta-huu ABOn hubachiisuu fedha.
Wayta ammaa kana Empaayera Itopiyaa keessa manneen hidhaa meeqa akka jiran kan beeku hin jiru. Kanneen ifatti beekamaniin alatti manneen hidhaa dhoksaa baay’inni fi bakki isaanii hin beekamne naannoolee hedduu keessa jiraachuun kan ummata bal’inaan beekkamu dha. Addatti ammoo ilmaan Oromoo ABOf hojjataa jirtan jechuun hidhaman ummata isaanii irraa fageessuuf manneen hi-dhaa naannoo dhuunfaa mootummaa Wayyaanee tahe keessatti tolfame, kanneen hidhaman amanamoo isaaniin alatti kan biraa arguu hin dandeenye Tigraayitti dabarsuun irratti roorrisaa akka jiran ifatti beekama.
Manneen hidhaa keessatti dalagaalee sukanneessaa Amnesty International himeen olitti raawwataman jiraachuu kanneen akka tasaa hidhaa Wayyaanee keessaa ba-hanii lubbuun jiran hedduu ragaaf dhiheessuutu danda’ama. Jumulaan ajjeesuu caalaatti kan qor-qalbii hidhamaa fi ummataa miidhaa jiru ummatni mirga isaatiif akka hin falmanneef “jiilchuu qabna” yaada jedhuun jumulaan gudeeddii raaw-watuu, dhiira kolaasuu, ilkee irraa fixuu, qaamaa hir’isuu fi gochaalee kan biroo as irratti ibsuun ulfaatu manneen hidhaa Wayyaanee keessatti ilmaan ummatoota cunqurfamoo addatti ammo lammiilee Oromoo irratti raawwatamaa jira.
Ummatoota cunqurfamoo addatti ummata Oromoo jumulaan fixuu, hidhuu, lafa isaa irraa beenyaan alatti buqqaasuudhaan ari’uun gochaa ifatti raawwatamu eenyuyyuu argaa turee fi jiru dha. Diplomaatota biyyoota Dhihaa fi Bahaa, Diplomaatota Afrikaa, dhaabbattoota mirga namoomaaf falman hunda duratti waggoota 23 dabraniif raawwatamaa har’a gahe. DAG fi Tokkummaa Afriikaa (AU) dabalatee qaamotni kanneen hundi osoo fuula isaanii duratti kun hundi raawwatamuu callisanii ilaaluun dhimma ummatoota miidhaan irra gahaa jiru hunda kan aja’ibe dha. Gocha kana irratti erga callifamee bulchiinsa gaarii fi mir-gi dimokraasii baanan hiikti isaa maal jechuu akka tahe hanga gaafatuu fi huba-tuu irratti rakkoo itti uumu gahe.
Waan taheef haala qabatamaa fi ifatti mul’atu kana irratti hundaa’ee ABOn:
  1. Jaarmayaaleen mirga dhala namaaf falman tarkaanfii shororkeessummaa mootummaan geggeeffamaa jiru kana qoratuun ifa gochuun gaafatama na-moomaa irra jiru tahuu beekuun qoratuun haqa jiru akka ifa godhuu irratti hojjatan;
  2. Diploomaatotni biyyoota gara garaa fi Afriikaa dalagaa faashistummaa um-matoota cunqurfamoo addatti ammo ummata Oromoo irratti xiyyeef-fatamee mootummaa Itophiyaan adeemsifamaa jiru kana callisanii ilaaluu dhiisanii akka saaxilanii fi dhaabsisuuf dhiibbaa barbaachisu akka taasisan;
  3. Hundaan olitti ammoo Tokkummaan Afriikaa (AU) fi DAG dhugaa jiru dhoksuuf tattaafatuu dhiisanii daba kana daangessuu irratti akka hojjatan;
  4. Midiyaaleen daba ummatoota cunqurfamoo irratti raawwatamaa jiru kana gadi faginaan hubatuu fi qoratuun hawaasa addunyaa akka dhaqqabsiisan ABOn waamicha dabarsaaf;
  5. Ummatoota cunqurfamoo Itophiyaa keessaa bittaa Wayyaanee gara jabinaa fi diinummaan guutameen kan ilmaan isaa hin dhabiin, qabeenyi isaa hin saamamiin, qe’ee isaa irraa hin ari’amiinii fi hin hidhamiin hin jiru. Kanaaf, kana hubatuun ummatootni cunqurfamoo mootummaa Abbaa Irree kana of irraa jijjiiruuf falli jiru qabsoo qofa tahuu beekuun akka mootummaa kana irratti jabinaan qabsoo isaanii itti fufan ABO yaadachiisa. Milkaa’uun QBO milkaa’ina isaaniif kan xurree saaqu tahuu hubatuun ummata Oromoo wali-in akka dhaabbatan waamicha isaa dabarsaaf;
  6. Ummatoota Itophiyaa keessaa mootummaan Itophiyaan akka diina duraatti fudhatamuun miidhaan ol aanaa sirra gahaa akka jiru sihi abbaa dhimmaa ummata Oromoo caalaa kan beekuu fi hubatu hin jiru. Waggoota bittaa Wayyaanee keessatti harka guddeessaan hiyyummaatti ittifamtee kadhaan jiraachuu dirqamaa akka jirtu kan biraa siif argullee akka kee itti dhaga’amuu dhiisuu mala. “Abbaan iyyate Ollaan dirmata” waan taheef qabsoo itti jirtu jabeessuun alatti daandiin biraa akka hin jirre hubatuun qabsoo kee akka finiinsitu. Alagaan kamuu dantaa isaa dura dhimma keef akka hin dhaabbanne hubadhu. Kan mirga Abbaa biyyummaa fi dimokraasii si gonfachiisu jaarmayaa kee ABO kallacha godhatuun falmaa kee itti fufuu tahuu ABO irra deebi’ee yaadachiisa;
  7. Kanatti dabaluun lammiileen Oromoo biyyoota ambaa gara garaa keessa ji-raatan, akkasumas jaarmayaaleen mirga namoomaa fi gargaarsaa miidhaa Oromoo irra gahaa jiru kan Amnesty International ifa godhe kana qabatuun sagalee ummataa tahuun mootummootaa fi dhaabbiilee adda addaatti akka iyyata ummata Oromoo dhiheessitan ABOn waamicha isaa isiniif dhi-heessa.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Adda Bilisummaa Oromoo
Sadaasa 10, 2014

No comments:

Post a Comment