OLOLA OMN IRRATTI OOFAMAA JIRU ILAALCHISEE IBSA HOOGGANSA OMN IRRAA KENNAME.

Sadaasa 14, 2014 | Ibsa Hooggansa OMN irraa kenname
Guyyoota muraasa dabre kana ololli hogganootaafi jaarmaya OMN maqaa xureessuu irratti fuulleffate gama adda addaan oofama akka jiru ni beekna. Hamma ammaatti dhimma kanarratti qaamni hoggansa OMN waan tokkollee hin dubbanne. Sababni isaas maddi dubbii kanaa hariiroo hojjataafi jaarmayaa kan seera ilaallatu waan ta’eefi. Hamiifi komiilee deddeemaa jiran hoggansi sadarkaan jiru sirritti erga ilaaleen booda qabxiilee armaan gadii kana ummataaf ifa godhuun barbaachiseera.

OMN hojjataas ta’ee hoggansa sadarkaan jiru heeraafi seera lafa kaayateen adabuu, hojirraa kaasuu ykn olguddisuuf mirga guutuu qaba. Akkasumas hojjataan ykn hogganaan tokko yeroo fedhetti caasaa jaarmaya beeksisuun hojii gadi lakkisuuf mirga guutuu qaba.
Hanga ammaatti hojjataan OMN irraa ari’ame tokkolleen hin jiru. Ji’a darbe kana keessa hojjattoota lama irratti tarkaanfin bulchiinsaa (disciplinary action) fudhatamuun dhugaadha. Erga adabbii kennameef fudhatanii booda fedhii isaanitiin hojii gadi lakkisanii jiran. Hojjattoota kana dhabuun keenya nu gaddisiisus kun mirga akka hojjataa tokkootti heerri bulchiinsa OMN fi seerri Ameerikaa isaanif kenne waan ta’eef ni kabajna. Gumaata hamma ammaatti jaarmaya kanaaf godhaniif ni galateeffanna. Gara fuulduraas jaramaya kanaan waliin bifa adda addaatiin akka hojjatan abdii qabna.
Haa ta’uutii, erga hojjattoonni kun bahanii booda hamiin bifa gara garaatiin ummata keessatti facaafamaa jiru, imaammata, adeemsa hojii fi kaayyoo OMN gaggeessaa jiru wajjin kan wal-faalleessudha.OMN dhaabbata walabaa fi karaa dhugaa qabatee haqa ummata Oromotiif kan dhaabbatee hojjataa jirudha. Kanas, qabtamaan hojiidhaan agarsiisaa jira. Imaammata editoriyaalii keenya, Qophiilee fi Oduu OMN tamsaasaa ture www.oromiamedia.org irraa hordofuun ni danda’ama. Ammallee, OMN dheebuu odeeffannoo ummata keenyaa baasuuf halkaniif guyyaa tattaafachaa jira. Yeroon kan hojiiti.
Daaw’attoonnifi deeggartoonni OMNis kana hubatanii bifa tasgabbaa’een OMN sadarkaa guddaatti ceesisuuf tattaaffii godhamaa jiru bira akka dhaabattan asumaan dhaamsa keenya dabarsina.
OMN sagalee ummata keenyaa ta’ee hojiisaa daraan cimee ittifufa.
 Dr. Hamzaa Abdurazzaaq, Dura Taa’aa Boordii OMN
Girma Tadesse, Daareektara Koree Hojii Raawwachiiftuu
Dr Birhaanuu Dirbabaa, Gulaalaa Muummee

No comments:

Post a Comment