Diddaan Barattoota Oromoo Yuuniversitii Madda Walaabuu Daran Hammaachuu Irraan Barattooti Oromoo Waggaa 2ffaa Psychology fi waggaa 3ffaa Engineering ta’an Hidhaman.

Muddee 17, 2014 | Gabaasa Qeerroo Yuuniversitii Madda Walaabuu

Diddaan baratoota Oromoo Yuuniversitii Madda Walaabuu haalaan jabaachuu irraan barattooti hedduun hidhamanii jiru,addatti ammo isintu FDG qindeessa sababaa jedhuun Bultoo Dinquu barataa waggaa 2ffaa Psychology fi Habtaamuu Kabbadaa barataa waggaa 3ffaa engineering mana hidhaa hin beekamnetti geessamanii jiru.
FDG Oromiyaa guutuu keessatti qabatee deemaa jiru daranuu bifa isaa jijjirrachaa mootummaa Wayyaanee afuura dhorkaa jira. FDG addatti dhaabbilee barnoota ol’aanoon yeroo garaagaraa murannoon diina dura dhaabbachuun diddaa isaanii mul’isaa jiru. Haala kanaan guyyoota calqaba Muddee irraa dhaabbilee barnootaa kan akka Yuuniversiity Finfinnee nyaata lagachuun eegale Yuuniversiity Bulee Horaa,Jimmaa fi Mattuu itti ce’uun nyaata lagachuu irra darbee diddaa isaanii mootummaa gabroonfataatti mul’isaa kan turan yoo tahu; mootummaan abbaa hirree aadeffate diddaa uummataa humna waraanaan dhaamsuuf yaalu illee diddaan kun har’as itti fufuun dallaa Yuunversiity Madda Walaabuu keessatti  Mudde 15 bara 2014 irraa diddaan jabaa gaggeeffamuu eegale har’a Mudde 17 itti fufuun mormiin jabaa gaggeeffamaa jira.  Mootummaan abbaa hirree Wayyaanee diddaa barattoota kanaa dhaamsuuf humna waraanaa dallaa Yuuniversiitichaatti heddumminaan ol naquus gootonni barattoota Oromoo meeshaa waraanaa kanaaf otoo hin jilbeeffanne diddaa isaanii gaggeessuu daran itti fufanii jiru.

Kana malees dabalataaniis mootummaan abbaa irree Wayyaanee maloota diddaa uummataa dhaamsuuf tattaaffatu keessaas reebicha hamaa irraan gahuu, qaama hir’isuu fi hidhuu akkuma ta’e hundaa diddaa barattootaa kana irrattis barattoonni hedduun reebbamuu fi doorsifamuu irra darbee barattooni gara fuula duraatti maqaa fi baayina isaanii Qeerroon bahuuf jiru  gara buuteen isaanii dhibuus; kanneen keessaa warri adda durummaan qabamanii FDG qindeesituun yakkamanii jiran barataa Bultoo Dinquu barataa waggaa 2ffaa Psychology fi barataa Habtaamuu Kabbadaa barataa waggaa 3ffaa Engineering fa’aa kanneen jedhaman akka keessatti argaman odeessi Qeerroo nu qaqqabe addeessa.

No comments:

Post a Comment